bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 33
Numbers 33
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 34 →
1
Ijoolleen Israa'elii akka gosa isaaniitiin qoqqoodamanii Muuse'ee fi Aaroon isaan masakkanii haga biyya Misiriitii bayaniin maayessa seenaan huleen isaan itti quphatan mudhisu kana;
2
Muuseenillee akka ajaja Rabbiitiin akkaataa isaan itti bayan barreesse; akkaataan isaan itti bayanillee akkana ture.
3
Ji'a jalqabaa guyyaa kudha shaneesso'ootitti Raamse'ee ka'anii bariisaa ayyaana faasika'aa uduu worri biyya Misirii maruu argan ijoolleen Israa'elii irree gudda'aan biyya Misirii keessaa bayan.
4
Hennaa san worri biyya Misirii hangafa isaanii ka Rabbi isaan jalaa ajjeese awwaalata'aa turan; waan Waaqa tolfamaa isaaniitiifillee Rabbi isaanitti murteesse.
5
Ijoolleen Israa'elii Raamse'ee ka'anii Suukootitti quphatan;
6
Suukootiillee ka'anii biyya Etaamii ta lafa gammoojji'ii jirtutti quphatan.
7
Etaamiillee ka'anii Filaahirootii Baalzaafoonii afoo jirtutti deebi'anii Migidooliin afo'otti quphatan.
8
Filaahirootiillee ka'anii galaana keessaan gara lafa gammoojji'ii lufan; gammoojjii Etaamii keessa haga guyyaa sadihii deemanii Maara'atti quphatan;
9
Maara'aallee ka'anii gara Eliimii dhufan; Eliimiin keessa burqaa bisaanii kudha lamaa fi meexxii torbaatamatu jira; isaan achitti quphatan.
10
Eliimiillee ka'anii daangaa galaana diima'aatitti quphatan;
11
galaana diimaa biraallee ka'anii lafa gammoojjii Siiniititti quphatan;
12
lafa gammoojjii Siiniitiillee ka'anii Rafaaqa'atti quphatan;
13
Rafaaqa'aallee ka'anii Elusitti quphatan.
14
Elusiillee ka'anii Rafiiditti quphatan; hulee san bisaan baniin dhugu hin jiru ture.
15
Rafiidiillee ka'anii lafa gammoojjii Siina'aatitti quphatan;
16
lafa gammoojjii Siina'aatiillee ka'anii Kibroot Hatawwa'atti quphatan.
17
Kibroot Hatawwaa biraallee ka'anii Hatsirootitti quphatan.
18
Hatsirootiillee ka'anii Ritima'atti quphatan.
19
Ritima'aallee ka'anii Zaafareesii Bareemo'ootitti quphatan.
20
Zaafareesii Bareemo'ootiillee ka'anii Libina'atti quphatan.
21
Libina'aallee ka'anii Riisa'atti quphatan.
22
Riisa'aallee ka'anii Qaahelaata'atti quphatan.
23
Qahelaata'aallee ka'anii gaara Shaafiriititti quphatan;
24
gaara Shaafiriitiillee ka'anii Haraada'atti quphatan.
25
Haraada'aallee ka'anii Maqiheelo'otti quphatan.
26
Maqiheelo'oollee ka'anii Tahaatitti quphatan.
27
Tahaatiillee ka'anii Taara'atti quphatan.
28
Taara'aallee ka'anii Mitiqa'atti quphatan.
29
Mitiqa'aallee ka'anii Hashmoona'atti quphatan.
30
Hashmoona'aallee ka'anii Mooseerootitti quphatan.
31
Mooseerootiillee ka'anii Bineeyayiqaanitti quphatan.
32
Bineeyaayiqaanillee ka'anii Horhaagidigaaditti quphatan.
33
Horhaagidigaadiillee ka'anii Yooxibaata'atti quphatan.
34
Yooxibaata'aallee ka'anii Ebiroona'atti quphatan.
35
Ebiroona'aallee ka'anii Etsiyoongaabiritti quphatan.
36
Etsiyoongaabiriillee ka'anii lafa gammoojjii Siiniititti quphatan; lafti tun Qaadees.
37
Qaadeesiillee ka'anii gaara hoorii ka daangaa Edoomiyaasii jirutti quphatan.
38
Gadichi Aaroon ajaja Rabbiitiin gaara hoorii irra bayee ijoolleen Israa'elii biyya Misiriitii haga bayaniin maayessa woggaa afurtameesso'oo ji'a shaneesso'oo guyyaa jalqabaatitti du'e.
39
Aaroon hennaa gaara hoorii irratti du'u umuriin isaa woggaa dhibbaa fi diddamii sadihi ture.
40
Mootiin biyya Kanaa'aanii Aaraad biyya Kana'aanii gara bita'aatiin taa'eeru akka ijoolleen Israa'elii dhufteertu dhagaye.
41
Ijoolleen Israa'elii gaara hoorii irraa ka'anii Seelmoona'atti quphatan.
42
Seelmoona'aallee ka'anii Fuunoonitti quphatan.
43
Fuunooniilleee ka'anii Abootitti quphatan.
44
Abootiillee ka'anii Gaayii daangaa Moo'aabii jirutti quphatan.
45
Gaayiillee ka'anii Diboongaaditti quphatan.
46
Diboongaadiillee ka'anii Almoondibilaataayimitti quphatan.
47
Almoondibilaataayimillee ka'anii gaarran Abiriimii ka Naabaa afoo jiru biratti quphatan.
48
Gaarran Abriimiitiillee ka'anii raasaa Moo'aabii ka Iyyaarikoo afoo jiru galaana Yoordaanosii biratti quphatan.
49
Raasaa Moo'aabii ka galaana Yoordaanosii bira jirutti Beetiyaashimootii haga Abeelsaaximiititti quphatan.
50
Rabbi Muusee galaana Yoordaanosii raasaa Moo'aabii ka Iyyaarikoo afoo jiru biratti;
51
Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi «Yoo Yoordaanosiin ceetanii gara biyya Kana'aanii galtan,
52
namoota biyya maraa uf afo'oo ariitan; dhagaa isaan bocatan maraa hin balleessitan; waaqa tolfamaa waa bassanii hojjatan fakii isaanii maraa hin balleessitan; hulee isaan itti sagadan ka gaara irra jiru maraa hin diiddan.
53
Ani waan lafattii isinii kenneef lafa dhaaltanii isii irra jiraattan.
54
Lafattii akkuma gosa gosaatiin hixa'aan qoodamtan; namoota baay'e'eef akka baay'inna isaaniitiin, namoota hago'oof haguma diqqeenna isaaniitiin maraafuu akkuma hixaan isaa kenneen isaanii kennitan; laftillee ta isaa taati; akkuma gosa abboota keessaniitiin dhaaltan.
55
Yoo namoota biyyaa uf afo'oo ari'uu baattanii dhiiftan garuu ija keessanitti akka qore'ee, akka waan cinaacha keessan isin woraanuu isin irratti ta'a; lafuma irra jiraattan tanatti isin rakkisan.
56
Anillee waan isaan irratti godhu'uuf yaade maraa isin irratti godha» jedheen.
← Chapter 32
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 34 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36