bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 8
Numbers 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 9 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Hennaa ibsaa ibsitu ibsaan torbanuu baattuu ibsa'aa afo'otti ifan jedhii Aaroonitti himi»
3
Aaroonillee akkasuma godhe; akkuma Rabbi Muusee ajaje baattuu ibsa'aa afo'otti ibsaa qabsiise.
4
Baattuun ibsa'aa worqii tumame irraa akkasumatti hojjatame; soomayyuu isaa irraa jalqabee haga daraaraan isaa tumamee hojjatame akkuma Rabbi Muuse'etti mudhise baattuu ibsa'aa akkasumatti hojjate.
5
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
6
«Ijoollee Israa'elii keessaa worra Leewwotaa fuudhii isaan woyyoomsi;
7
hennaa isaan woyyoomsitu akkana goota; bisaan cubbuu irraa isaan qulqulleessu isaanitti facaasi; rifeensa nafa isaanii irra jiru maraa haa haadatanii, uffata ufii haa miicatanii; nafa ufiillee haa dhiqatanii.
8
Jibicha, kennaa midhaaniitii fi daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame haa fidanii; jibicha biraallee ciincaa cubbu'uutiif fidi;
9
kanaan maayessa worra Leewwotaa daasee wol gayi'ii afoo fidii banii ijoollee Israa'elii maraa wolitti qabi.
10
Worra Leewwotaa Rabbiin afoo dhiyeessi; ijoolleen Israa'elii harka ufii worra Leewwotaa irra haa kaayanii.
11
Aaroon worri Leewwotaa akka Rabbiif hojjataniif worra Leewwotaa ijoollee Israa'elii jiddu'uu kennaa godhee Rabbiin afoo haa dhiyeessuu;
12
Worri Leewwotaallee harka ufii mataa mirgoole'ee irra haa kaayanii; waan araara Leewwotaatiif mirgoo tokko ciincaa cubbu'uutiif; mirgoo lammeesso'oo ammo ciincaa ciincawuuf Rabbii dhiyeessi» jedheen.
13
«Worra Leewwotaa Aaroonii fi ijoollee Aaroonii afoo dhaabsisi; kennaa Rabbii godhii isaan muudi;
14
Ijoollee Israa'elii keessaa worri Leewwotaa kiyya haa ta'anii.
15
Achiin maayessa worri Leewwotaa daasee wol gayi'ii keessatti hennaa hojjachu'uuf seenan kennaa gootee isaan dhiyeessita;
16
isaan ijoollee Israa'elii keessaa bikka kaawwanii sirima anaaf waan fooyamaniif; ijoollee Israa'elii keessaa ka hangafa dhalate maruu ufiif waan taasifadheeruuf.
17
Gaafa hangafa biyya Misirii maraa ajjeese ijoolleen Israa'elii hangaffan maruu nama ta'ee'e yookaan horii ufiif isaan waan woyyoomfadheef isaan kiyya.
18
Bikka hangafa ijoollee Israa'elii maraa worra Leewwotaa ufiif fooyadheera.
19
Ijoolleen Israa'elii hennaa balaan akka isaan irra hin geenne akka ijoollee Israa'eliitiif araara dhiyeessan hujii daasee wol gayi'ii keessa akka hojjataniif worra Leewwotaa ijoollee Israa'elii keessaa Aaroonii fi ijoollee Aarooniitii kennaa godhee isaan dhiyeesseera.»
20
kanaaf Muusee, Aaroonii fi baniin Israa'elii maruu Leewwota akkuma Rabbi isaaniin jedhe woyyoomsan; akkuma Rabbi Muusee waan ijoollee Leewwotaatiif ajaje akkasuma isaanii godhan.
21
Leewwonni cubbuu irraa hin woyyooman; uffata ufiillee hin miicatan; Aaroon kennaa Rabbii taasisee isaan dhiyeesse; Aaroon isaan woyyoomsee Rabbiin wolitti isaan araarse.
22
Achiin maayessa Leewwonni daasee wol gayi'ii keessatti Aaroonii fi ijoollee Aaroonii afo'otti hojjachu'uuf seenan akkuma Rabbi waan Leewwotaatiif Muusee ajaje isaanillee akkasuma godhaniif.
23
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
24
«Seerri worra Leewwotaa kana; namni woggaa diddamii shanii fi ka achii olii daasee wol gayi'ii keessatti hojjachu'uuf seenan.
25
Woggaan isaanii yoo shantama guute, hujii ufii san hin dhiisan achiin maayessa womaa hin hojjatan.
26
Achiin maayessa waan isaanitti kenname eegu'uuf obboleewwan ufii daasee wol gayi'ii keessatti gargaaran; hujii daasee wol gayi'ii hin hojjatan; akkasuma waan hujii isaaniitiif worra Leewwotaa irra goota» jedheen.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36