bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 7
Numbers 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 8 →
1
Muuseen hulee bulti'ii ijaaree ufii fi mi'a maraa haga muudee woyyoomseen maayessa; hulee ciinca'aatii fi meeshaa maraa haga woyyoomseen maayessa,
2
bulchoonni worra Israa'elii, bulchoonni hortee manniin abboota isaanii kennaa ufii dhiyeessan; kunniin haga laakkayamanii ol worra bulchaa gosootaa turan.
3
Isaanillee kennaa ufii Rabbiin afoo dhiyeessan; kennaan isaan Rabbii fidanillee maqaa bulchoota lamaaniitiin konkolaataa fardaa tokko, akkasuma maqoota bulchaa maraatiinuu sangaa tokko, konkolaataa fardaa jahaa fi sangoota kudha lamaa dhiyeessan.
4
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
5
«Akka hujii daasee wol gayi'iitiif ta'u isaan irraa fuudhiitii worra Leewwotaatiif akkaataa hujii isaaniitiin kenniif.»
6
Kanaaf Muuseenillee konkolaataa fardaatii fi sangoota fuudhee worra Leewwotaatii kenne.
7
Ijoollee Geedisooniitiif ammo akkuma hujii isaaniitiin konkolaataa fardaa lamaa fi sangoota afur kenne.
8
Ijoollee Meeraarii ka ilma gadicha Aaroonii Itaamiriin jala jiraataniifillee akkuma hujii isaaniitiin konkolaataa fardaa afurii fi sangoota saddeetii kenneef.
9
Ijoollee Qa'aatii ammo isaan waan mana woyyuu keessatti hojjataniif waan gurmu'utti baadhataniif womaa isaanii hin kennine.
10
Gaafa hulee ciinca'aa muudan bulchoonni hulee ciinca'aa woyyoomsu'uuf kennaa dhiyeessan; bulchoonni kennaa ufii gara hulee ciinca'aa dhiyeessan.
11
Rabbi Muuse'een akkana jedhe, «Bulchoonni hulee ciinca'aa woyyoomsu'uuf namni maruu kennaa ufii guyya guyya'aan haa dhiyeessuu.»
12
Guyyaa jalqabaa namni kennaa ufii dhiyeessu gosa Yihuuda'aa keessaa ilma Aminaadaabii Na'aasoon ture;
13
kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame akka madaala mana woyyu'uutitti saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa,
14
keree birrii irraa hojjatame saqilii torbaatamaa, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko ka saqilii kudhanii,
15
ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa re'e'ee ka woggaa tokkoo,
16
korbeessa re'e'ee ka ciincaa fayyumma'aatiif dhiyaatu, sangoota lamaa,
17
korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkoo shan dhiyeesse ilmi Aminaadaabii Na'aasoon kennaa kanniin Rabbii dhiyeesse.
18
Guyyaa lammeesso'oo ilma Soogaarii Natinaa'eel ka bulchaa Yisaakooriititu dhiyeesse.
19
Kennaan dhiyeesse sun daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa ta'e keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa, keree tokko ka birrii irraa hojjatame,
20
ka hixaanaan aarsan saqilii kudhan, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame,
21
jibicha tokko ciincaa ciincawuuf, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,
22
korbeessa re'e'ee ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatu,
23
sangoota lamaa, ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa shan ciinca'aaf dhiyeesse; kennaan Naatinaa'elii ilma Soogaarii kana.
24
Guyyaa sadeesso'oo Eliyaabii ilma Keeloonii ka bulchaa ijoollee Zaabiloonii Rabbii dhiyeesse
25
kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa,
26
keree tokko ka birrii irraa hojjatame ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame, ciincaa ciincawuuf
27
jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,
28
korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif
29
sangoota lamaa ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkoo shan Rabbii dhiyeesse; kennaan ilmi Keeloonii Eeliyaab Rabbii dhiyeesse kanniin.
30
Guyyaa arfeesso'oo ilma Saadiyoorii Eelsuur ka bulchaa ijoollee Roobeeliititu Rabbii dhiyeesse.
31
Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birri irraa hojjatame ka saqilii torbaatamatti bikkamu,
32
keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka bikkituun isaa saqilii kudhanii,
33
mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko, ciincaa ciinca'uuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,
34
ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee,
35
sangoota lamaa ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokkoo shan, ilmi Saadiyoorii Eelsuur kennaan inni Rabbii dhiyeesse kana.
36
Guyyaa shaneesso'oo Salaami'eelii ilma Suursadaayii ka bulchaa ijoollee Simoonii;
37
kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka madaalliin isaa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibba tokkoo fi soddomaa, keree birrii irraa hojjatame tokko ka madaalli isaa saqilii torbaatamaa,
38
keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka madaalliin isaa saqilii kudhanii, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame,
39
jibicha tokko ciincaa ciincayuuf, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,
40
ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,
41
sangoota lamaa, ciincaa fayyumma'aatiif korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa shan ka woggaa tokkooti; kennaan ilmi Suursadaayii Salaami'eel Rabbii dhiyeesse kana.
42
Guyyaa jaheesso'oo Alsaafii ilma Daa'u'eelii ka bulchaa ijoollee Gaadiititu kennaa dhiyeesse.
43
Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka madaalliin isaa akka madaala mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, keree tokko ka birrii irraa hojjatame ka bikkituun isaa saqilii torbaatamaa,
44
keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii,
45
mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko, ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa tokko ka woggaa tokkoo,
46
korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif,
47
ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoolotaa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo shan, kennaan ilmi Daa'u'eelii Eelsaaf dhiyeesse kana.
48
Guyyaa torbeesso'oo Elsaamaa ilma Amihuudii ka bulchaa ijoollee Efreemiititu kennaa dhiyeesse.
49
Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaaniitii fi daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka bikkituun isaa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, keree tokko ka birri irraa hojjatame ka madaalliin isaa saqilii torbaatamaa,
50
keree birrii irraa hojjatame tokko ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa tokko ka worqii irraa hojjatame,
51
ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo,
52
ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,
53
ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'inii shan, korbeeyyii hoola'aa shan ka woggaa tokkoo, kennaan ilmi Amihuudii Elsaamaan dhiyeesse kana ture.
54
Guyyaa saddeetesso'oo Gamaali'eelii ilma Fiddaasuurii ka bulchaa ijoollee Minaase'eetitu kennaa dhiyeesse.
55
Kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii keessaa daakuu mishaa dhaadha'aan sukkuumame, akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddoma, keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa,
56
keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii kudhanii, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko,
57
jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka woggaa tokko,
58
ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,
59
ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokkoo shan, kennaan ilmi Fiddaasuurii Gamaali'eel ciincaa ciincayuuf dhiyeesse kana.
60
Guyyaa salgeesso'oo Abidaan ilmi Gaadiyoonii ka bulchaa ijoollee Biiniyaamiititu kennaa dhiyeesse.
61
Kennaan inni dhiyeessellee kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame ka bikkituun isaa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa,
62
keree birrii irraa hojjatame tokko ka saqilii torbaatamaa, ka hixaana itti guutan ka saqilii kudhanii, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko,
63
ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko, korbeessa hoola'aa ka wogga tokkoo,
64
ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,
65
ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoolotaa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokkoo, kanniin ilmi Gaadiyoonii Abidaan kennaan inni Rabbiif dhiyeesse kana.
66
Guyyaa kurneesso'oo Aki'eezarii ilma Amisaadaayii bulchaa ijoollee Daaniititu kennaa dhiyeesse.
67
Kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii dhibbaa fi soddomaa,
68
keree tokko ka birrii irraa hojjatame, keree tokko ka saqilii torbaatamaa ka hixaanaan guuttame, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko ka saqilii kudhanii,
69
ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko,
70
korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo, ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,
71
ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo shan, kennaan ilmi Amisaadaayii Aki'eezar dhiyeesse kana ture.
72
Guyyaa kudha tokkeesso'oo Faagi'eelii ilma Ekiraanii ka bulchaa ijoollee Aseeriititu kennaa dhiyeesse;
73
kennaan inni dhiyeesse kennaa midhaanii, daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame bikkituu mana qulqullumma'aatiin saqilii dhibbaa fi soddomaa, distii birri irraa hojjatame tokko ka bikkituun isaa saqilii torbaatamaa,
74
mooqqaa worqii irraa hojjatame ka hixaana itti guutan tokko ka saqilii kudhanii,
75
ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko ka woggaa tokkoo,
76
ciincaa cubbu'uutiif korbeessaa re'e'ee tokko,
77
ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ka woggaa tokko shan, kennaan Faagi'eel ilmi Ekiraanii dhiyeesse kanniin ture.
78
Guyyaa kudha lammeesso'oo Akiree ilma Eenaanii ka bulcha ijoollee Niftaalemii
79
kennaa midhaanii daakuu mishaa dhaadha'aan sukkuumame keree worqii irraa hojjatame tokko ka saqilii dhibbaa fi soddomaa,
80
keree worqii irraa hojjatame ka saqilii torbaatamaa, mooqqaa worqii irraa hojjatame tokko ka hixaana saqilii kudhaniitiin guuttame,
81
ciincaa ciincawuuf jibicha tokko, korbeessa hoola'aa tokko ka woggaa tokkoo,
82
ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko,
83
ciincaa fayyumma'aatiif sangoota lamaa, korbeeyyii hoola'aa shan, korbeeyyii re'iinii shan, korbeeyyii hoola'aa ta woggaa tokkoo shan dhiyeesse.
84
Gaafa hulee ciinca'aa muudan bulchoonni Israa'elii kennaan isaa hulee san woyyoomsu'uuf dhiyeessan keree birrii irraa hojjatame kudha lama, shandhee birrii irraa hojjatame kudha lama, mooqqaa birrii irraa hojjatame kudha lama,
85
kereen birrii irraa hojjatame maruu saqilii dhibbaa fi soddoma; kereen maruu saqilii torbaatama; gatiin mi'a kanniin maraa akka bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii kuma lamaa fi dhibba afur.
86
Mooqqaan worqii irraa hojjatame ka hixaana itti guutan kudha lammanuu bikkituu mana woyyu'uutiin saqilii kudhan kudhan, worqiin mooqqa'aa maruu saqilii dhibbaa fi diddama.
87
Horiin ciincaa ciincawuuf dhiyaate maruu kennaa midhaanii woliin jiboolee kudha lama, korbeeyyii hoola'aa kudha lama, korbeeyyii hoolota ta woggaa tokkoo kudha lama, korbeeyyiin re'iinii ka ciincaa cubbu'uutiif dhiyaatellee kudha lama,
88
horiin ciincaa fayyumma'aatiif dhiyaate sangoota diddamii afur, korbeeyyii hoola'aa jahaatama, korbeeyyii re'iinii jahaatama, korbeeyyii hoolotaa ka woggaa tokkoo jahaatama haga huleen ciinca'aa muudameen maayessa kennaan woyyoomsu'uuf kenname kanniin.
89
Muuseen hennaa Rabbiin woliin dubbatu'uuf gara daasee wol gayi'ii seene qadaada saanduuqaa ka Araaraa gubba'aa kiruubeelii jiddu'uun laagaan isaa hennaa dubbatu dhagaya'aa ture; innillee woliin qaaqe.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36