bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 28
Numbers 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 29 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Ijoollee Israa'elii akkana jedhii ajaji; midhaan fooliin isaa urgaawu ka ibiddaan bilchaate, kennaa godha'aatii naa dhiyeessaa'a»
3
«Wonti kennaa ciinca'aa ka isin ibidda irratti naa dhiyeessitan ciincaa hennaa maraa ciincawu, korbeeyyii hoola'aa lama ta mudaa hin qabne, guyya guyya'aan naa dhiyeessitan isaaniin jedhi.
4
Korbeessa hoola'aa tokko ganama korbeessa hoola'aa kaan garuu galgala dhiyeessi;
5
korbeeyyii hoola'aa sanniin woliin kennaa midhaanii iifii tokko ka dhadhaa ejersaa iinii tokkoon sukkuumame haa dhiyaatuu;
6
Kennaan kunillee kennaa hennaa maraa ciincaa ta'ee dhiyaatu, kennaan ciinca'aa ka Rabbiin gammachiisu kun ka hennaa duraatiif gaara Siina'aa irratti kennaa midhaanii ta'ee Rabbii dhiyaate.
7
Korbeessa hoola'aa ka duraa woliin kennaa waan dhuganii daadhii woyini'ii cimaa iinii tokko hulee ciinca'aa irratti jissaa'a.
8
Korbeessa hoola'aa tokko galgala dhiyeessita; kennaa waan nyaataniitii fi ka waan dhuganii ganama akka Rabbii dhiyaatu ibidda irratti ciincessitee Rabbii dhiyeessita.
9
«Guyyaa Sambataa korbeeyyii hoola'aa lama ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo kennaa midhaanii ka dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka lamaa daakuu misha'aa fi kennaa waan dhuganii dhiyeessitan.
10
Kennaa ciinca'aa ka hennaa maraa ciincawuu achi, kennaa waan dhuganiitii achi, wonti isin sambata maraa ciincessitan kana.
11
Jalqaba ji'aa guyyaa duraa ciincaan isin Rabbii ciincessitan jiboolee lama, korbeessa hoola'aa tokko, korbeeyyii hoola'aa torba ta mudaa hin qabne ta woggaa tokkoo,
12
Jibicha maraafuu kennaa midhaanii ka dhadha'aan sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii, daakuu mishaa korbeessa hoola'aatiifillee kennaa midhaanii daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame kudhan keessaa harka lamaa,
13
korbeeyyii hoola'aa maraafuu kennaa midhaanii ka daakuu misha'aa ka dhadha'aan sukkuumame akka ciincaa urgaawaa Rabbii ta'u ibidda irratti ciincessitan.
14
Jiboolee maraafuu kennaa waan dhuganii ka dhiyaatu daadhii woyini'ii iinii lamaa korbeessa hoola'aatiifillee daadhii woyinii'ii iinii tokkoo fi wodhakkaa'a, korbeessa hoola'aa tokkoo fi daadhii woyini'ii iinii tokko dhiyeessaa'a; kennaan kun woggaa keessa ji'a jalqabaa marattuu ciincaa Rabbii dhiyaatu.
15
Ciincaa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko Rabbii dhiyeessitan; kennaan kun kennaa hennaa maraa ciincawu ka midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyaatu.
16
Ji'a jalqabaa, jiini seenee guyyaa kudha arfeesso'ootitti ayyaana Faasika'aa ka Rabbiiti.
17
Ji'uma kana guyyaa kudha shaneesso'ootitti hin ayyaanteffattan; guyyaa torba xoroshoo nyaattan.
18
Guyyaa jalqabaa garuu wol gayii woyyuu isinii ta'a; guyyaa san hujii maraa hin hojjatinaa'a.
19
Ciincaa ibiddaan ciincaye Rabbii dhiyeessitan; jiboolee lama, korbeeyyii hoola'aa torba ta woggaa tokkoo ta mudaa hin qabne Rabbii dhiyeessaa'a.
20
Kennaa keessan ka midhaaniillee daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame jibicha tokko; korbeessa hoola'aatiif garuu daakuu mishaa dhadha'aan sukkuumame kudhan keessaa harka sadihii, korbeessa hoola'aatiifillee kudhan keessaa harka lamaa,
21
korbeeyyii hoola'aa torbaniifillee daakuu iifii tokko kudhan keessaa harka lamaa dhiyeessitan.
22
Ciincaa Araaraatiif korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessitan.
23
Ciincaa ganama ganama dhiyaatuun ala ciincaa kanniin dhiyeessitan.
24
Kennaa midhaanii urgaawaa Rabbiin gammachiisu akka kanaan guyyaa torbanuu Rabbii ciincessitan; wonti isin hennaa maraa guyya guyya'aan dhiyeessitan kun edaasaa ciincaa waan nyaataniitii fi ka waan dhuganiiti.
25
Guyyaan torbeesso'oo guyyaa wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii maraa hin hojjatinaa'a.
26
Hennaa ayyaana midhaan haama'aa guyyaa duraa kennaa midhaanii ka duraa Rabbii dhiyeessitan wol gayii woyyuu isinii haa ta'uu; hujii maraa hin hojjatinaa'a.
27
Ciincaa urgaawaa Rabbii dhiyeessaa'a; jiboolee lama, korbeessa hoola'aa tokko, korbeeyyii hoola'aa torba ta woggaa tokkoo,
28
Kennaa midhaaniitii fi daakuu mishaa dhadhaa ejersaatiin sukkuumame, jiboolee maraafuu kudhan keessaa harka sadihii, korbeessa hoola'aa tokkoo fi daakuu mishaa kudhan keessaa harka lamaa,
29
korbeeyyii hoola'aa torbaniifuu daakuu iifii tokkoo dhiyeessitan.
30
Akka araaraaf isinii ta'u korbeessa re'e'ee tokko ciincaa cubbu'uutiif dhiyeessitan.
31
Ciincaan dhiyeessitan kun ciincaa hennaa maraa Rabbii ciincawu ka kennaa midhaaniitii fi ka waan dhuganiitiin ala dhiyeessitan; kennaan ciinca'aa kun ka mudaa hin qabne haa ta'uu.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36