bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 14
Numbers 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 15 →
1
Baniin Israa'elii maruu laagaa ufii ol qabatanii halkan san iyya'aa booyan;
2
Ijoolleen Israa'elii maruu Muuse'ee fi Aaroonitti guguunguman baniin maruu «Maal biyya Misirii keessa uduu jirru uduu dhumannee, yookaan uduu hennaa biyya gammoojji'ii keessa jirru uduu duunee!
3
Rabbi maaf akka guraade'een dhumannu gara biyya tanaa nu galche? ijoolleen teennaa fi dubartoonni teenna nu jalaa booji'amanii gara biyya Misirii deebi'uu nuu woyya» isaaniin jedhan.
4
Kanaaf «Koottaa'a! bulchaa muudannee gara biyya Misirii dachaanaa!» woliin jedhan.
5
Hennaa san Muuseenii fi Aaroon banii ijoollee Israa'elii afo'otti kallachaan gad kufan.
6
Jarri worra biyya gaadan woliin turan ilmi Nawwe'ee Iyyaasuunii fi ilmi Yoofoonii Kaaleeb uffata uf irratti bibbiinxanii,
7
Ijoollee Israa'elii maraan «Lafti dhandhee laallee deebine guddiftee michu'u;
8
Rabbi yoo nu jaalate gara biyya aannanii fi damma baaftuu san nuu kennee achi nu galcha; isiillee nuu kenna.
9
Isin garuu Rabbiin hin dhibinaa'a; nu namoota biyya sanii salphamatti isaan mooyannaa hin sodaatinaa'a; gaachenni isaan irraa mulqameera waan Rabbi nu woliin jiruuf isaan hin sodaatinaa'a» jedhan.
10
Baniin garuu dhaga'aan isaan tumu'uuf isaanitti ka'anii mari'atan. Ulfinni Rabbiillee daasee wol gayi'ii keessatti mudhate.
11
Rabbi Muuse'een, «Baniin kun haga yoomii na tuffata? Maalalee ani isaan afo'otti godhe maraa haga yoomii hin amanne?
12
Ristii isaanii irraa dhukkubaan dhayee isaan fixa; si ammo banii isaan caaluu fi isaan irra jaba'aa sii kenna» jedheen.
13
Muuseen ammo Rabbiin, «Waan ati godhu'uuf taatu kana worri Misirii yoo dhagaye, waan ati hunna keetiin nu jiddu'uu baafteef
14
Waan kana namoota biyya lafaa marattuu himan ati Rabbi banii kana jidduu akka jirtu waan dhagayaniiraniif yabo'oo ati afoo isaaniititti mudhatteerta, duumessi ulfinnaallee isaan golgeera guyyaa'a utubaa duumessaatiin halkan ammo utubaa ibiddaatiin afoo isaanii deemta.
15
Akka nama tokkootitti banii kana yoo ajjeefte, ormi biyya lafaa ka gurra kee dhagaye,
16
‹Rabbi banii kana gara biyya isaan itti galchu'uuf kakateefii isaan galchuu waan dadhabeef biyya gammoojji'ii keessatti isaan fixe› siin jedhan.
17
‹Amma yabo'oo Rabbi obsa'aa fi ka araarri isaa baay'ate badi'ii fi yakkallee ka namaa dhiisu cubbuu abbootaa ka haga dhaloota sadihii fi afurii isaan irratti fidu jettee waan dubbatteef hunni Goofta'aa guddaa haa ta'u;
19
banii kana guyyaa biyya Misirii keessaa baafte irraa jalqabee haga adhaa akkuma isaanii dhiifte yabo'oo akkuma guddinna araara keetiitiin cubbuu banii kanaa dhiisiif› jedhe.
20
Rabbi, «Akkuma jecha keetiitiin isaanii araarameera;
21
ani garuu jiraataa waan ta'eef dhugamaan ulfinni Rabbii lafa tana guuta.
22
Baniin maalalee ani biyya Misiriitii fi lafa gammoojji'iititti hojjadhe, ulfinna kiyya worri argan maruu, harka kudhan waan na qoraniif
23
Jecha kiyyallee waan hin dhageenneef dhugamaanuu lafa abbootii isaaniitii hin kenna jedhee isaanii kakadhe san ijaan hin argan; isaan keessaallee namni na tuffate maruu ijaan hin argu;
24
Garbichi kiyya Kaaleeb garuu Hafuurri kiyya waan isa woliin jiruuf inni waan na duukaa deemeef lafa inni gale san isaa kenna; fiixaan isaa lafa san hin dhaala.
25
Amaaleeqii worri Kana'aanotaa lafa dhooqaa keessa jiraatan; boru ganama deebi'aatii galaana diimaa biraan gara lafa gammoojji'ii dhaqaa'a» jedhee deebise.
26
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe,
27
«Banii badaa natti guguungumu kana ani haga yoomii isaanii obsa? Ani guguunguma ijoolleen Israa'elii natti guguungumtu dhagayeera.
28
Ati akkana isaaniin jedhi, ‹Ani Rabbii jiraataa waan ta'eef akkuma isin gurra kiyya irratti dubbattan akkasuma isin irratti raawwadha› jedha Rabbi jedhee isaanitti dubbate.
29
Reeffi keessanillee lafuma gammoojji'ii kanatti hafa; worri laakkayamtan maruu akkuma laakkobsa keessaniitiin namni woggaa diddamaatii fi ka achii olii maruu isin worri na irratti guguungumtan,
30
ilma Yoofoonii Kaaleebii fi ilma Nawwe'ee Iyyaasuu malee gara biyya ani harka kiyyaan isinitti akeekee itti galtan jedhee isinii kakadhe sanitti dhugamaanuu hin galtan.
31
Ijoollee teessan ta isin hin booji'aman jettan sanniintu itti gala; biyya isin tuffattan san isaanii kenna biyyi sun ristii isaanii taati.
32
Reeffi keessan ammo lafa gammoojji'ii kanatti hafa.
33
Ijoolleen teessan lafa gammoojji'ii keessa woggaa afurtamaaf jaljal jedhan waan isin amanuu diddaniif isin keessa hangafaa haga maandha'aa haga dhumatutti rakkata'aa lafa gammoojji'ii keessa jiraatan.
34
Waan cubbuu keessaniitiif woggaa afurtamaa maraa rakkattan; akkuma biyyattii gaadu'uuf guyyaa afurtamaa teettan guyyaan tokko akka woggaa tokkoo isinitti ta'a; haga woggaa afurtamaa cubbuu keessan baattan lola kiyyallee hin beettan.
35
Ani Rabbi banii badaa narratti ka'u'uuf wol gaye kana maraa akkuma waan badaa isaan irratti godha jedhee dubbadhe lafa gammoojji'ii kanatti dhuman› » isaaniin jedhe.
36
Namoonni akka lafa gaadaniif Muuseen isaan ergee achii deebi'anii oduu badaa biyyattii sanii dubbata'aa akka baniin maruu Muuse'etti guguunguman godhan.
37
Namoonni oduu badaa dubbatan sunniin bala'aan Rabbiin afo'otti qoomto'oon dhuman.
38
Garuu namoota lafa gaadu'uuf deeman keessaa ilmi Nawwe'ee Iyyaasuunii fi ilmi Yoofoonii Kaaleeb lubbu'uun jiraatan.
39
Muuseen waan kana maraa ijoollee Israa'eliititti hime; baniinillee guddisee gadde.
40
Bariisaa ka'anii gaara gubba'atti ol bayanii «Nu kunoo dhufnee gara hulee Rabbi jiruu dhandhaa» jedhan.
41
Muuseen, «Ajaja Rabbii maaf diiddan? Kun isin hin fayyadu.
42
Rabbi waan isin jidduu hin jirreef diina keessan afo'otti akka hin kufne hin bayinaa'a.
43
Worri Amaaleeqiitii fi worri Kana'aanii waan isin afoo jiraniif guraade'een isin fixan Rabbiin woliin jiraachuu waan dhiiftaniif Rabbi isin woliin hin ta'u»
44
Isaan garuu wol gayii gaara irra bayan jechi Rabbii saanduundhi waada'aatii fi Muuseen qe'e'ee hin kaane.
45
Achiin maayessa worri Amaaleqiitii fi worri Kana'aanii dhufanii isaan dhayanii haga biyya Heerma'aa isaan ari'an.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36