bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 9
Numbers 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 10 →
1
Haga biyya Misiriitii bayan woggaa lammeesso'oo ji'a duraa gammoojjii Siina'aa keessatti Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate;
2
«Ijoolleen Israa'elii hennamatti ayyaana faasika'aa haa ayyaanteffatanii;
3
Ji'a kana keessa guyyaa kudha arfeesso'ootitti galgala haa ayyaanteffatanii; waan seeraatii fi waan murti'ii maraa haa godhanii»
4
Muuseen ijoolleen Israa'elii akka ayyaana Faasika'aa ayyaanteffatan isaanitti hime;
5
isaanillee ji'a duraa guyyaa kudha arfeesso'oo galgala gammoojjii Siina'aatitti ayyaana faasika'aa ayyaanteffatan; ijoolleen Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan.
6
Garuu namoonni reeffa namaa tuqanii battaayan waan achi jiraniif guyyaa san ayyaana Faasika'aa hin ayyaanteffanne; guyyaa san gara Muuse'eetii fi gara Aaroonii dhaqan.
7
Namoonni sunniinillee, «Ijoollee Israa'elii keessaa nu'u reeffa tundhee battoofneerra; garuu akka nu kennaa Rabbii hin dhiyeessine maaf nu dhooggan?» jedhaniin.
8
Muuseenillee, «Rabbi waan keessan waan jedhu haga dhagayutti cadhisaa'a» isaaniin jedhe.
9
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
10
«Ijoollee Israa'eliititti akkana jedhii himi; isin keessaa yookaan hortee keessan keessaa namni reeffa tuqee yoo battaaye yookaan yoo imala fagoo deeme, innillee ayyaana Faasika'aa ka Rabbii haa ayyaanteffatuu.
11
Ji'a lammeesso'oo guyyaa kudha arfeesso'oo galgala haa ayyaanteffatanii; xoroshoo baala hadhaayaa woliin haa nyaatanii;
12
Waan nyaatan san keessaa haga boruutitti womaa akka hin hambifne lafee hin cabsinaa'a; waan seera ayyaana Faasika'aa maraa godhaa'a;
13
Namni qulqulluun tokko ka imala hin dhandhe yoo ayyaana Faasika'aa hin ayyaanteffanne namni sun bani'iin adda bayee haa baduu; namni sun kennaa Rabbii henna'aan waan hin dhiyeessineef cubbamaa ta'a.
14
«Namni isinitti gale tokko yoo isin keessa jiraate inni ayyaana Faasika'aa ka Rabbii yoo ayyaanteffachuu barbaade akka seeraa fi murtii ayyaana Faasika'aatitti haa ayyaanteffatuu; nama biyyaatii fi nama isinitti galeefillee seerri ayyaana Faasika'aa tokko isinii haa ta'uu»
15
Guyyaa hulee bulti'ii dhaaban duumessi dhufee daasee raga'aa san golge galgalaa jalqabee haga ganamaa hulee bulti'ii ka dhaabame san irratti waan akka ibiddaa fakkaatutu jira;
16
hennaa maraa guyyaa duumessaan, halkan ammo duumessi akka ibiddaatitti golga'aa ture.
17
Hennaa duumessi daasee san irraa ka'u ijoolleen Israa'elii hin deeman ture; bakkuma duumessi itti dhaabate bulan ture.
18
Ijoolleen Israa'elii ajaja Rabbiitiin deeman; ajaja Rabbiitiin quphatan ture; hennaa duumessi hulee bulti'ii irratti uwwifamu achuma turan;
19
Hennaa duumessi hulee bulti'ii irra guyyaa hedduuf turu, ijoolleen Israa'elii ajaja Rabbii eeggatan malee hin deeman.
20
Hennaa tokko tokko duumessi hulee bulti'ii irra guyyaa hagoo tura; hennaa san akka ajaja Rabbiititti hulema san turan; achiillee akkuma ajaja Rabbiititti deeman;
21
Hennaa gari garii duumessi ganamaa haga galgalaa tura; ganama yoo duumessi ka'e hin deeman; guyya'aa fi galgalallee yoo duumessi ka'e hin deeman.
22
Yoo duumessi guyyaa lamaa yookaan ji'a tokko yookaan woggaa tokko hulee bulti'ii irra ture ijoolleen Israa'elii hin deeman achuma taa'an; garuu yoo duumessi ka'e hin deeman.
23
Akka ajaja Rabbiititti quphatan; akka ajaja Rabbiititti deemanille'e; akkuma Rabbi karaa Muuse'eetiin ajaje ajaja Rabbii eega'aa turan.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36