bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 20
Numbers 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 21 →
1
Baniin ijoollee Israa'elii maruu ji'a jalqabaa gara biyya gammoojjii Siinii dhufanii Qaadeesiin keessa taa'an; Maariyaamillee achitti duutee achummatti awwalaniin.
2
Baniin waan bisaan dhabeef Muusee fi Arooniin biratti wol gayanii,
3
akkana jedha'aa isaanitti guguunguman «Uduu hennaa obboleewwan teenna Rabbiin afo'otti dhuman san maal nullee uduu yoo san duunee jedhan.
4
Nu'uu fi horiin keennallee akka dhumnuuf banii Rabbii kana gara biyya gammoojji'ii kana maaf nu fiddan?
5
Hulee hamaa kana nu fidu'uuf maaf biyya Misiriitii nu baaftan? biyyi kun midhaan, balasii, muka woyini'iitii fi roomaanii hin qabnee fi bisaan dhuganillee hin qabuu» jedhan.
6
Muuse'ee fi Aaroon gara balbala daasee wol gayi'ii dhaqanii kallachaan gad kufanii ulfinni Rabbiillee isaanitti mudhate.
7
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
8
«Ulee tee fudhadhuu atii fi obboleessi kee Aaroon banii wolitti qabaa'a; dhagaan akka bisaan baasu uduu isaan laalan itti dubbadhaa'a; ati dhagaa keessaa bisaan baaftee isaanii fi horii isaaniillee obbaafta»
9
Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje ulee daasee keessaa fudhate.
10
Muuse'ee fi Aaroon dhagaa biratti banii wolitti qabanii «Isin worra nama dhibu dhagayaa'a! nu dhugamaan dhagaa kana keessaa bisaan isinii baafnaa?» isiniin jedhan.
11
Kanaan maayessa Muuseen harka ol fudhatee hennaa lama ule'een dhagaa dhayee bisaan baay'een bayee baniin fi horiin isaaniillee dhugan;
12
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin «Isin banii Israa'elii jiddu'utti waan natti amantanii ana hin woyyoomsineef banii kana qabattanii gara biyya ani isinii kennee hin galtan» isaaniin jedhe.
13
Kun hulee ijoolleen Israa'elii Rabbiin itti wol lolanii fi hulee Rabbi woyyummaa ufii itti mudhise ka bisaan mariiba'aati.
14
Muuseen biyya Qaadeesiitii gara mootii Edomiyaasii dhaamsa ergee, «Obboleessi kee Israa'el akkana siin jedha; rakkoo nu irra gaye atuu hin beetta;
15
abboonni teenna gara biyya Misirii gad bu'anii biyya Misirii keessa woggaa dheeraa jiraanne; worri biyya Misirii nu'uu fi abboota teennallee hin yakkan.
16
Hennaa nu gara Rabbii iyyine innillee rakkinna keenna dhagayee Maleekkaa ergee biyya Misiriitii nu baasee kunoo amma gara daangaa qachaa Qaadeesiin jirtuu dhufnee teenneerra.
17
Yabo'ootii biyya tee keessaa gara maasaa midhaaniitii fi gara maasaa woyini'iillee hin gorru; bisaan boollaallee hin dhunnu; karama mootiin baase irra deemna; haga daangaa kee irra lufnuuf bita'aa mirgallee hin jennu» jedhan.
18
Edomiyaasillee, «Biyya keenna keessa akka luftan isin hin hoffolchinu; yoo lufu'uuf yaaltan ammo baanee guraade'een isiniin lolla» jedhan.
19
Ijoolleen Israa'elii «Karaa irra hin deemna; anii fi horiin kiyyallee bisaan kee yoo dhunne gatii hin kaffalla waan biraa womaa hin goonu; lukuma calla'aan keessa lufna» jedhaniin; inni ammo «Hin luftan» jedhe.
20
Edomiyaas banii hedduu fi irree jaba'aan bayee,
21
akka baniin Israa'elii daanga'aan hin lufne dhoogginaan baniin Israa'elii irraa dacha'ee karaa biraatiin deeman.
22
Ijoolleen Israa'elii biyya Qaadeesiitii ka'anii gara gaara hoorii dhaqan.
23
Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin gara daangaa lafa Edomiyaasiititti akkana jedhee isaanitti dubbate,
24
«Aaroon gara worra ufii haa deebi'uu; ijoolleen Israa'elii bisaan mariiba'aa biratti jecha kiyya waan didaniif gara biyya ani isaanii kennee hin galan.
25
Aaroonii fi ilma isaa Alaazariin qabiitii gara gaara hoorii isaan fidi.
26
Aarooniin irraa uffata mulqii ilma isaa Alaazaritti uwwis; Aaroon achumatti du'ee worra ufii ka du'etti haa eda'amuu»
27
Muuseenillee akkuma Rabbi isa ajaje godhe; baniin maruu uduma laalan gara gaaraa bayan.
28
Muuseen uffata Aarooniin irraa mulqee ilma Aaroonii Alaazaritti uwwise; Aaroon gaaruma san irratti du'e; Muuse'ee fi Alaazar ammo gaara irraa bu'an.
29
Baniin maruu akka Aaroon du'e haga argan, ijoolleen Israa'elii maruu Aaroonii guyyaa soddoma booyan.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36