bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 6
Numbers 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 7 →
1
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2
«Dhiirti yookaan intalti yoo Rabbiif adda uf baasu'uuf silatii qabe;
3
daadhii woyini'iitii fi waan nama macheessu irraa uf haa qabuu; woyinii yookaan waan dhangaggaawu hin dhugin; cuunfaa woyini'iillee hin dhugin; daraaraa isaa ka gogellee hin nyaatin;
4
Ji'oota Rabbiif adda uf baase irraa jalqabee daraaraa woyini'ii qola isaallee akka hin nyaanne.
5
«Bara Rabbiif adda uf baasu'uuf silatii qabe san irraa jalqabee haga barri inni Rabbiif adda uf baase sun raawwatamutti mataa akka hin haadanne inni woyyuu ta'a; mataa ufiillee hin guddifata.
6
Bara Rabbiif adda uf baase maraa reeffatti akka hin dhiyaanne;
7
silatiin inni Rabbiif qabe ka adda uf baaseen sun isa irra waan jiruuf abbaa, haati, ilmi haadha isaatii fi intalti haadha isaa yoo du'an reeffa isaanii tuqee akka uf hin batteessine.
8
Barri inni Rabbiif adda baye sun woyyuu ta'a.
9
«Namni yoo akka tasaa isa biratti du'e uf Rabbiif ka adda uf baase kun yoo uf batteesse guyyaa torbeesso'oo guyyaa qulqullaawu mataa ufii haa haadatuu.
10
Guyyaa saddeetesso'ootitti kuukurruu lamaa, ilmoolee handari'ii qabatee gara balbala daasee wol gayi'ii gadichatti haa fiduu;
11
gadichi tokko ciincaa cubbu'uutiif; ka lammeesso'oo ammo ciincaa ciincawuuf dhiyeessa; namichi reeffa tuqee uf batteessu'uun waan cubbamaa ta'eef guyyaa san araara godheefii isa woyyoomsa.
12
Bara inni Rabbiif adda uf baase san Rabbii woyyoomsa; korbeessa woggaa tokkoo ciincaa yakkaatiif haa fiduu; waan inni bara Rabbiif adda uf baase san keessatti battaayeeruuf bara sanniin hin woyyoomsa; korbeessa woggaa tokkoo ciincaa yakkaatiif haa fiduu; waan Rabbiif adda uf baasuun isaa sun battaayeef; ji'oonni inni Rabbiif adda uf baase sunniinillee duwwaa ta'a.
13
«Barri inni Rabbiif adda uf baase sun hennaa raawwate; seerri Rabbiif adda bayaniin kana; inni gara balbala daasee wol gayi'ii haa dhufuu.
14
Achitti kennaa Rabbiif haa dhiyeessuu; korbeessa hoola'aa ka woggaa tokkoo ka mudaa hin qabne ciincaa ciincawuuf; goromtii woggaa tokkoo ta mudaa hin qabne ciincaa cubbu'uutiif; korbeessa hoola'aa ka mudaa hin qabne ciincaa fayyumma'aatiif,
15
xoroshoo kooboo tokkoo ka sayiti'iin sukkuumame bixilee daakuu misha'aan tolfame ka sayitii itti diban xoroshoo haphii fi kennaa waan dhuganii haa fiduu;
16
«Gadichi kanniin maraa Rabbiin afoo fida; ciincaa cubbu'uutii fi ciincaa waan yakkaatiif dhiyaatullee hin dhiyeessaaf;
17
korbeessa hoola'aa ka ciincaa fayyumma'aa xoroshoo kooboo tokkoo woliin Rabbiif dhiyeessa; gadichillee kennaa midhaaniitii fi kennaa waan dhuganii dhiyeessa.
18
Namichi Rabbiif adda baye sun mataa ufii daasee wol gayi'ii keessatti haadata; rifeensa mata'aa ka haadate san fuudhee ibidda ciincaa fayyumma'aatiif qophaaye irratti guba.
19
«Gadichi irree foon korbeessa hoola'aa ka affeelame bixilee xoroshoo kooboo tokko keessaa fuudhee xoroshoo haphii tokko fuudhee namichi adda uf baasee mataa haga haadateen maayessa harka nama adda uf baasee san irra kaaya;
20
gadichi kennaa kanniin sosochoosu'uuf Rabbiin afoo fida; hin sosochoosalle'e; foon lukaatii fi foon handaraafaa ka gadichaaf woyyoome; achiin maayessa namichi Rabbiif adda baye (Naazirichi) sun daadhii woyini'ii dhuguu hin danda'a.
21
«Eegasuu namoonni adda bayan kun seera waan nama Rabbiif adda bayeef kennamu akkuma seera nama Rabbiif adda bawuutitti waan kana godha» jedheen.
22
Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
23
«Aaroonii fi ijoollee Aarooniititti akkana jedhii himi; yoo ijoollee Israa'elii eebbiftan akkana jedha'aa eebbisaa'a.
24
‹Rabbi si haa eebbisu; si haa eegu;
25
Rabbi fuula ufii sii haa ibsu garaa sii haa laafu;
26
Rabbi fuula ufii gara kee haa deebifatu; nagaya sii haa kennu› » jedheen.
27
Akkasuma Rabbi, «Akka kanaan maqaa kiyya waamanii banii Israa'elii yoo eebbisan anillee isaan eebbisa» jedhe.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36