bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Numbers 11
Numbers 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 12 →
1
Baniin badoomee Rabbitti gururi'e; Rabbillee dhagayee guddisee isaaniin lole; ibidda isaaniitti ergee ibiddi sun ganda cinaa gara tokkoo gubee balleesse.
2
Baniinillee gara Muuse'ee iyyinaan Muuseen Rabbiin kadhate; ibiddillee hin dhaame.
3
Waan ibiddi Rabbiin biraa isaanitti bobayeef maqaa hulee sanii «Taabeeraa » jedhame.
4
Baniin adda addaa ka isaan jidduu jiru guddisanii kajeelan; ijoolleen Israa'elii ammo booyanii turan, «Foon nyaannu eentu nuu kennaa?
5
Biyya Misiriititti akkanumaan qurxummii, baxihunii, baalqulaa'a, godarree, shunkurtii adi'ii fi diimaa nyaanna turre;
6
amma ammo qoonqoon nu goddee mannaa malee ijji teenna womaa arga'aa hin jirtu» jedhan.
7
Mannaan sun akka sanyii dimbilaalaati; bifti isaa ham'ee fakkaata ture.
8
Baniin raasaa keessa naannaya'aa guuratan; dhaga'aan daakkatan; yookaan mooyye'etti tuman; xuwwee keessatti affeelatan; bixilee godhatan; mi'aan isaallee akka xoroshoo dhadha'aan sukkuumamee ture.
9
Halkan hennaa fixeensi bu'u naannaya sanitti mannaanillee achitti bu'a.
10
Muuseen baniin maruu hennaa balbala daase'eetitti booyan dhagaye; Rabbillee guddisee lole; Muuseenillee hin hucuucame.
11
Muuseen Rabbiin akkana jedhe «Maaf garbicha kee irratti waan ulfaataa kana fidde? Maaf si afo'ottillee gaachena dhabe? Maaf ba'aa banii kana maraa na irra goote?
12
Gara lafa abboota keennaa ati kakattee akka isaan geessu akka haati guddiftu daa'ima boba'atti qabattutti wonti ammadhu naan jettuuf banii kana natu ulfaayee dayee?
13
Wonti na afo'otti booya'aa foon nuu kenni jedhaniif ani foon banii kana maraa kennu eessaa fuudha? ana guddisee natti ulfaateeraa;
14
banii kana maraa ani baadhadhee hin danda'u.
15
Ka waan akkanaa na irratti goote irra yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe, yabo'ootii rakkinna na irra gawu kana maraa akka hin argine sirima na ajjeesi» jedheen.
16
Rabbi Muuse'een, «Banii Israa'elii keessaa jaarsota biyya bulchanii fi bulchoota hin ta'an jettee yaaddu namoota torbaatamaa wolitti naa qabi; gara daasee wol gayi'ii fidiitii uf bira dhaabsisi.
17
Ani bu'ee si qaassa; Hafuura sii kenne irraa qoodee isaaniillee kenna; akka ati hojja kee hin baadhanne ba'aa kee isaanillee hin baadhatan.
18
Bani'iin akkana jedhi, ‹Foon nyaannu eentu nuu kenna? biyya Misiriititti akka misha'atti turre jedha'aa booyicha isin boottan Rabbi waan dhagayeeruuf boruuf woyyoomaa'a; foonillee hin nyaattanii Rabbi foon isinii kenna.
19
Guyyaa tokko yookaan guyyaa lama yookaan guyyaa shanii yookaan guyyaa kudhanii yookaan guyyaa diddamaa callaa hin nyaattan;
20
Garuu Rabbii isin jidduu jiru waan tuffattaniif waan isaan maaf biyya Misiriitii nu baafte? jettanii boottaniif foon nyaattanii haga funyaaniin isin bawutti ji'a guutuu haga hifattanitti nyaattan› » jedhe.
21
Muuseen Rabbiin, «Baniin na woliin jiru worri lukaan deeman namoota kuma dhibba jaha; ati foon ji'a guutuu isaan nyaatan isaanii kennaaf jetteerta;
22
Foon isaan nyaatanii quufanii foon sangootaatii fi hoolotaa tokko qallaa? Qurxummii galaana keessaa maraa akka isaan quubsu wolitti qabnaafii? jedhe.
23
Rabbi Muuse'een, «Harki Rabbii gabaaba'aa? amma dubbiin kiyya akka raawwatamuu fi akka hin raawwatamne atuu hin argita!» jedheen.
24
Muuseenillee bayee waan Rabbi jedheen maraa bani'itti himee banii keessaa jaarsota torbaatamaa wolitti qabee naannaya daase'ee dhaabsise.
25
Rabbi duumessa keessaan bu'ee ayyaana isa irra jiru fuudhee jaarsota torbaatamaa irra kaayee isaanillee haga hafuura san argataniin maayessa raaga dubbatan; achiin maayessa garuu deebi'anii raaga hin dubbanne.
26
Isaan keessaa namoonni lamaa qe'etti hafan; maqaan namicha duraa Eldaadi, ka lammeesso'oo ammo Moodaadi; Hafuurri isaan irrattillee hin bu'e; isaan kun worra maqaan isaanii barreeffame woliin turan; gara daase'ee ammo hin seenne ture; uduma qe'ee jiran raaga dubbatan.
27
Ka'imtichi tokko fiigee gara isaanii dhufee «Eldaadii fi Moodaadi qe'etti raaga dubbata'aaran jedhee Muuse'eeti hime.
28
Ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun ka ijoollummaa irraa jalqabee tajaajilaa Muuse'ee ture, «Muusee gooftaa kiyya! akka isaan raaga hin dubbanne dhooggi» jedheen.
29
Muuseen «Yoo baniin Rabbii maruu raagaa ta'e Rabbi Hafuura ufii isaan irratti yoo buuse ati anaaf hinaaftaa?!» Jedheen.
30
Kanaan maayessa Muuseenillee jaarsota worra Israa'elii woliin gara qe'e'ee deebi'e.
31
Qilleensi Rabbiin biraa bubbisee gootanaasisa lagaa yaasee qe'ee irraa haga deemsa fageenna guyyaa tokkoo irratti facaase; achitti baay'inni isaanii lafa irraa haga ciqilee lamaa ol tuulamee ture;
32
Kanaafuu baniin maruu gaafasumaa halkaanii fi guyyaallee ka'anii gootanaasisa sanniin wolitti guuratan; isaan keessaa ka diqqoo wolitti qabe ka safartuu guddaa kudhanii gad ka wolitti qabe hin jiru; guuratanii naannaya qe'ee ufiititti badhisanii,
33
uduu isaan foon afaan kaayatanii hin alanchine Rabbi isaaniin lolee banii san balaa gudda'aan dhaye.
34
Worri foon san dharra'anillee waan achitti awwaalamaniif maqaan hulee sanii «Qeebroot Hattawwaa » jedhame.
35
Baniin awwaala dharra'aa san biraa gara Hatseerootii deemanii achi jiraatan.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36