bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 1
Proverbs 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 2 →
1
Mammaakkan Solomoon ilmi Daawitii mootiin Israa'elii dubbate.
2
Mammaakkan kunniin ogumma'aa fi gorsa hubachu'uu fi jechoota yaada gad fago'oo hubachu'uuf,
3
balchummaa, haqaa fi murtii madaalli'ii raawwachu'uuf, qalbii ogumma'aan leenjite argachu'uuf,
4
worra bilchinna hin qabneef hubannaa, worra umuri'iin ijoolloomanii beekkumsaa fi qalbii kennu'uufiif,
5
ogeeyyiin haa caqasanii; barumsa ufiillee haa cimsatanii; worri hubatanillee qajeelcha irraa haa argatanii;
6
kunillee mammaakkan ogeeyyi'iitii fi fakkeenna, jechootaa fi hibboowwan akka hubataniif.
7
Rabbiin sodaachuun ogummaa jalqabaati; gowwoonni garuu beekkumsaa fi gorsa tuffatan.
8
Ilma kiyya! gorsa abbeetii dhagayi; barumsa haatetiillee hin dhiisin.
9
Kunniin mataa keetii gaachena; morma keetitti hudhoo bareedaa sii ta'an.
10
Ilma kiyya! yoo cubbamtoonni si sossoban tole isaanii hin jedhin.
11
Isaan «Nu woliin koottu, dhandhee riphnee dhiiga namaa dhangalaafnaa nama balleessaa hin qabne sababaa tokko malee miidhu'uuf kara'atti eennaa;
12
Akka awwaalli worra du'an nyaatutti nullee uduu isaan lubbu'uun jiran isaan liqimsinaa! akka namoota du'anii boollatti galanii isaan haa goonuu!
13
Waan mi'aa ta'e maraa hin argannaa, manniin keenna waan saamneen guunnaa;
14
Koottu nu woliin birmadhu; waan saamnee fudhannu maraa woliin qaraciitii keenna guunnaa» yoo siin jedhan;
15
Ilma kiyya! ati isaan woliin miila hin buqqifati; karaa isaan deeman irraa gori.
16
Lutti isaanii cubbu'uuf jarjarti; dhiiga jissu'uuf ariifatan.
17
Siiboon uduu gogorriin argitu dhaabdu gatii hin qabu.
18
Riphanii eeggachuun isaanii, dhiiguma ufii jissu'utti isaan geessa dhokatanii ka biraa eeguun isaanii isaanuma balleessa.
19
Worri bu'aa argachu'uuf karaa male'een fiigan maruu; dhumti isaanii akkana; badiin jireenna isaaniillee kanuma.
20
Ogummaan karaa irra dhaabattee iyyitee waamti; hulee itti gad bayan maratti guddiftee laagaa ufii dhageessifti.
21
Karaa wony'i itti baay'atu irratti iyyiti; balbala seensa qacha'aatitti akkana jetti,
22
«Isin worri bilchinna hin qabne! karaa keessan ka hubannoo hin qabne haga yoomii jaalattan! worri baldu balda ufiititti ka gammadan, worri gowwaan beekkumsa haga yoomii jibban?
23
Uduu xixa kiyya dhageettanii, silaa ani garaa isinii laafee yaada kiyyallee isinitti beessisa ture.
24
Garuu hennaa ani isin waame waan diddaniif, hennaa harka kiyya isinii diriirse eennullee waan hajaa hin qabneef,
25
gorsa kiyya maraa waan tuffattaniif, xixa kiyyallee waan hin fudhanneef,
26
kanaafuu anillee rakkinna keessanitti hin kolfa; hennaa balaan isin irratti bu'ullee isinitti balda.
27
Hennaa balaan akka dambali'ii isin raasu, hennaa rakkinni akka haboonbolatti'iititti isin haxaayu hennaa rakkinninii fi leelaluun isin irra gara galu isinitti balda.
28
Hennaa san na waamatan; ani garuu isaanii hin deebisu; jabaatanii na barbaadan garuu na hin argatan.
29
Waan beekumsa jibbaniif waan Rabbiin sodaachuu didaniif,
30
gorsa kiyyallee waan hin jaalanneef, xixa kiyya maraa waan tuffataniif,
31
Kanaaf daraaraa hujii ufii nyaatan; bu'aa karoora ufii quufan.
32
Worra bilchinna hin qabne adaba dhabuu isaaniititu isaan ajjeessa; gowwoota lash jechuun isaan balleessa.
33
Garuu ka na dhagayu maruu tasgabbaayee nagayaan jiraata; rakkoo gara garaa irraallee hara baafata.»
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31