bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 29
Proverbs 29
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 30 →
1
Namni gorsa hedduun maayessa didee mataa jabaatu; dimmaa bada; ka isa oolchullee hin argatu.
2
Balchoonni hennaa baallii argatan baniin hin gammadan; hammeeyyiin yoo bulchan garuu baniin hin woyata.
3
Namni ogummaa jaalatu abbaa ufii gammachiisa; jaalalloon seebartootaa garuu qabeenna ufii bittinneessa.
4
Mootiin haqa muru'uun biyya tasgabbeessa; ka gabbarsuu fudhachuu hawwu garuu isii diiga.
5
Namni hiriyyaa ufii sobu lukuma ufiititti siiboo godha.
6
Namni hamaan cubbuma ufiitiin qabama; balchaan garuu hin faarfata, hin gammadalle'e.
7
Balchaan haqa hiyyeeyyi'iitiif dhiphata; namni hamaan garuu hajaa hin qabu.
8
Worri nama arrabsan qachaa booreessan; ogeeyyiin garuu lola qabbaneessan.
9
Ogeessi nama gowwaa woliin gara yaa'ii murti'ii yoo dhaqe gowwaan hin lola; hin balda; nagaya hin qabaatu.
10
Namoonni dhiiga namaa dheebotan nama haqaa jibban; qajeelaa ajjeesuu barbaadan.
11
Namni gowwaan hagaa ol lola ufii gad dhiisa; ogeessi garuu uf qaba.
12
Bulchaan yoo ka oduu sobaa dhagayu ta'e; qondaaltonni isaa maruu hammeeyyii ta'an.
13
Hiyyeessinii fi ka isa miidhu waan tokko woliin qaban; Rabbi isaan lamaaniifuu ifa ijaa kenneera.
14
Mootiin yoo hiyyeessaa murtii sirrii kenne; teessoon isaa bara baraan jabaatee jiraata.
15
Uleen gorsaa ogummaa namatti uwwifti; finni adaba hin qabne garuu haadha saalfachiisa.
16
Hammeeyyiin yoo baallii argatan cubbu'utu guddata; balchoonni garuu kufa isaanii argan.
17
Finna kee adabi; nagaya sii kennaa; lubbuu keellee hin gammachiisaa.
18
Yoo mudhanni hin jirre baniin gad-dhiifamaa ta'a; ka seera eegu garuu eebbifama'a.
19
Garbichi jecha calla'aan sirreeffamuu hin danda'u; yoma hubatellee tole hin jedhu.
20
Nama jarjaraan dubbatu argitaa? isa caalaa gowwaan abdii qaba.
21
Namni hojjataa ufii ijoollummaa isaa irraa jalqabee qananiisu; dhuma irratti hin gadda.
22
Namni aaru lola kaasa; ka biibbayullee cubbuu guddaa hojjata.
23
Namni uf jaju hin salphata; ka hafuura kasumma'aa qabu garuu ulfinna argata.
24
Namni shariika hattu'uu ufumaa diina ufitti ta'a; akka kakatee ragaa ta'u gaafatama; garuu ija jabeennaan dhugaa hin dubbatu.
25
Nama sodaachuun siiboo keessa nama galcha; ka Rabbiin sodaatu garuu nagayaan jiraata.
26
Namoonni hedduu worra bulchan biratti fudhatama argachuu hawwan; namni garuu Rabbiin biraa haqa argata.
27
Balchoonni worra soban hin ceem'an; hammeeyyiinillee qajeellota hin jibban.
← Chapter 28
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 30 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31