bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 14
Proverbs 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 15 →
1
Dubartiin ogeettiin mana ufii ijaaratti; gowwittiin garuu harka ufiitiin diiddi.
2
Namni jireenni isaa qajeelaa ta'e Rabbiin sodaata; ka karaan isaa micciiramaa ta'e garuu isa tuffata.
3
Dubbiin nama gowwa'aa dudda isaatitti ulee fiddi; arrabni ogeessaa garuu isa eeddi.
4
Bakka sangoonni hin jirretti gongaan duwwaa ta'a; bakka midhaan hin jirretti gongaa keessallee wonti kaayan hin jiru.
5
Ragaan amanamaan hin sobu; ragaan sobaan garuu kijiba odeessa.
6
Ka baldu ogummaa barbaada; garuu hin argatuun; beekkumsi garuu worra hubatuuf salphamatti argamti.
7
Nama gowwaa irraa fagaadhu; arraba isaa keessaa waan beekkumsa hin arganneef.
8
Ogummaan worra hubatuu karaa ufii hubatu'u; gowwummaan worra gowwa'aa garuu sobu'u.
9
Gowwoonni gatii yakkaa ka dhiyeessanitti baldan; qajeellota jiddu'utti garuu fedha misha'atu argama.
10
Garaan maruu gadda hadhaayaa ufii hin beeka; eennullee ka gammachuu isaa irraa qoodamu hin jiru.
11
Manni hammeeyyi'ii hin diiggama; daaseen qajeellotaa garuu hin babadhata.
12
Karaan namaaf qajeelaa fakkaatu hin jira; dhumti garuu gara du'aa geessa.
13
Hennama kolfaatuu onneen hin gadda; gammachuunillee gaddaan raawwatamuu danda'a.
14
Worri garaa ufii balchummaa irraa deebifatan; gatii harka ufii guutuu argatan; namni mishaanillee gatii ufii hin argata.
15
Namni gowwaan maraa amana; hubataan garuu hubatee deema.
16
Namni ogeessi uf eeggata; hammeenna irraallee hin fagaata; gowwaan garuu jarjara'aa fi ka hajaa hin qabne.
17
Namni mufatu hujii gowwa'aa raawwata; namni dhartichi hin jaalatamu.
18
Worri bilchinna hin qabne gowwummaa dhaalan; worri hubatu garuu beekkumsa akka gullo'ootitti godhatan.
19
Hammeeyyiin worra mishaa afo'otti; cubbamtoonni balbala balchootaatitti gad jedhan.
20
Hiyyeeyyii goshommaan isaaniituu isaan jibban; dureeyyiin garuu jaalalloo heddu qaban.
21
Namni ollaa ufii tuffatu cubbuu huja; namni worra rakkatanii garaa laafu garuu ka eebbaati.
22
Worri waan hamaa karoorsan worra karaa kolbaa irraa bayanii mii? worri waan mishaa karoorfatan garuu jaalalaa fi amanamummaa bu'aa buufatan.
23
Wonti xaaranii hojjatan maruu bu'aa argamsiisa; oduun duwwaan garuu gara hiyyumma'aa nama geessa.
24
Ogeeyyi'ii durummaan gulloo ulfinnaati; gowwummaan gowwootaa garuu daraaraan isaanii duwwa'a.
25
Ragaan dhuga'aa lubbuu oolcha; ragaan sobaa garuu dharuma.
26
Namni Rabbiin sodaatu golga jabaa qaba; ijoolleen isaaniillee waan itti irkatan qaban.
27
Rabbiin sodaachuun burqaa jireennaati; nama siiboo du'aa jalaa oolcha.
28
Baay'inni bani'ii yoo mooti'ii ulfinna ta'u; diqqaachuun bani'ii ka bulchuu badi'i.
29
Namni obsu hubannaa guddaa qaba; namni biibbayu garuu gowwummaa ufii ibsa.
30
Garaan nagaya qabu nafaa jireenna kenna; hinaaffaan garuu lafee xiinxaneessa.
31
Ka hiyyeeyyii rakkisu uumaa ufii tuffata; garuu ka rakkate maraa ka garaa laafu maruu Waaqa kabajja.
32
Hammeeyyiin hammeenna ufiitiin kufan; balchoonni garuu hennama du'aatuu irkoo qaban.
33
Ogummaan garaa namoota waa hubatanii keessa bulti; worra gowwaa jiddu'utti uf mudhifti.
34
Balchummaan banii ol guddifti; cubbuun garuu banii kamiifuu salphinna.
35
Hojjataan ogeessi mootii gammachiisa; hojjataan salphisaan garuu lola ufitti fida.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31