bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 24
Proverbs 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 25 →
1
Namoota hammeeyyi'itti hin hinaafin; hiriyyummaa isaanii hin halchin.
2
Garaan isaanii waan didda'aa yaada; afaan isaanii soba dubbata.
3
Manni ogumma'aan ijaarama; hubanna'aan jabaatee dhaabata.
4
Beekkumsaan meeshaan bareenninii fi ka gatii mi'a'aa keessa guutan.
5
Namni ogeessi hunna jabaa qaba; namni beekkumsa qabullee jajjabeenna eda'a.
6
Lola lolu'uuf gorsa mishaa; mooyachu'uufillee worra gorsu heddutu barbaachisa.
7
Ogummaan gowwaa irraa guddisee fago'o; gumii balbala qachatti'ii keessatti dubbachuu hin danda'u.
8
Ka dhara dhayu «Hammaata'a» jedhamee beekkama.
9
Karoorri gowwa'aa cubbu'u; namoonni nama baldu hin ceem'an.
10
Hennaa rakko'oo yoo mama'aa sodaatte; hunni kee hagam dadhaba'a!
11
Namoota gara du'aa deeman oolchi; worra qalamaaf harkifaman hambisi.
12
Ati hagamillee «Yoo waan kana ani hin beeku» jette ka garaa namaa qoru sitti hin beekuu? ka lubbuu tee eegu hin beekuu? maraafuu akka hujii isaaniititti isaanii hin kennuu?
13
Ilma kiyya! dammi waan mishaa ta'eef nyaadhu; nadhiin dammaa sitti mi'aaya.
14
Ogummaanillee lubbuu teetitti akkasuma akka mi'ooftu beeki; yoo isii argatte boruuf abdii qabda; abdiin keellee duwwaa hin ta'u.
15
Mana nama balcha'aa akka saamtu'uutitti itti hin riphin; mana inni keessa jiraatullee dimmaa hin miidhin.
16
Balchaan yoo hennaa torballee kufe hin ka'a; hammeeyyiin garuu badi'iin kufan.
17
Diinni kee yoo kufe hin gammadin; yoma gufatee hashu hin jedhin.
18
Kana taanaan Rabbi kana argee hin gammadu; lola ufiillee isa irraa deebisa.
19
Hujii worra garjabeeyyi'iititti hin rakkatin; hammeeyyi'ittillee hin hinaafin.
20
Dhartichi abdii hin qabu; ibsaan hammeeyyi'iillee jim jettee dhaamti.
21
Ilma kiyya! Rabbii fi mootii sodaadhu; worra dhibaniin wolii hin galin.
22
Balaa isaan lamaanuu fidan eentu beeka?
23
Kunniinillee mammaakkan ogeeyyi'iiti; murtii irratti daloo godhuun waan ta'uu miti.
24
Ka yakkama'aan «Ati qulqullu'u» jedhu, baniin hin abaarata, mootonnillee hin teedeffataniin.
25
Worri yakkama'aan «Ati badii qabda» jedhan garuu waan mishaa argatan. eebbi irraa hafaanillee isaanii gad bu'a.
26
Deebii dhuga'aa kennuun akka waan afaan keessa dhungatu'uuti.
27
Hujii balbala keetii raawwadhu; qonna kee qopheessi; achiin maayessa mana kee ijaari.
28
Eennuttille sababaa malee hin ragin; afaaniinillee hin sobin.
29
«Akkuma inni na irratti hojjate isa irratti hojjadha; akkuma hujii isaatitti isaa deebisa» hin jedhin.
30
Karaa qonna amshaaggichaatiin lufe; karaa woyinii nama hubannaan dhidhateetiin darbee deeme;
31
achitti qoreen itti margeera; laftillee shuqunaa uffateera kaloonillee diiggamteerti;
32
Haga arge buusee baase; waan hubadhe keessaa barumsa argadhe.
33
Yoo «mee diqqoo rafaa; diqqoo hin mugaa; harka maradhee diqqoo hara baafadhaa» jette;
34
Hiyyummaan akka saamtu'uutitti deennillee akka nama meeshaa lolaa hidhateetitti sitti dhufa.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31