bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 30
Proverbs 30
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 31 →
1
Dubbiin Agur ilmi Yaaqe'ee dubbate kana; namni kun Iiti'eel, Iiti'eelii fi Akulitti dubbate.
2
«Ani nama maraa caalaa gowwa'a; hubannaa namni qabu ani hin qabu.
3
Ogummaa hin baranne; waan Woyyichaallee beekkumsa hin qabu.
4
Ka gara sami'ii ol baye; ka gad bu'e eennu? ka qilleensa harkaan cum'ee qabe eennu? ka uffataan bisaan mammaree qabe eennu? ka daangaawwan lafaa maraa murteesse eennu? maqaan isaa eennu? maqaan ilma isaa hoo eennu jedhama? yoo ka beettuu mee natti himi!
5
«Dubbiin Rabbii maruu mudaa hin qabu; inni worra isa abdatan maraafuu wonte'e.
6
Dubbii isaatitti waan tokkollee hin eda'in; yookaan si xixa; sobaa si taasisa.
7
«Yaa Rabbi! Ani waa lama si kadhadha; ani uduu hin duune waan kanniin na hin dhooggatin.
8
Sobaa fi kijiba dubbachuu na irraa fageessi; hiyyumma'aa fi durummaallee naa hin kennin; buddeenuma guyya'aa callaa naa kenni.
9
Yoo kana hin taane garuu hagaa olitti quufee si waakkadha; ‹Rabbi eennu?› jedha; yookaan hiyyoomee hata; maqaa Waaqa kiyyaallee hin arrabsisiisa.
10
«Garbicha gooftaa isaa afo'otti hammeennaan hin kaasin; yoo kana hin taanee si abaaree miidhaan si irra gayaa.
11
«Dhaloonni abbaa ufii abaaru; ka haadha ufiillee hin eebbifne hin jira.
12
Worri akka qulqullu'uutitti uf laalan; ka ufii garuu battummaa ufii irraa hin qulqulloofne hin jiran;
13
Worri uf jaju'uun nama laalan; akki isaan itti laalan tuffi'iin;
14
Hiyyeeyyii lafa irraa; rakkattootallee fiixaa namaa keessaa balleessu'uuf; worri ilkaan isaanii guraadee ta'e; worri a'oon isaanii billawa ta'e hin jiran.
15
Ulaa'ulli ilmoolee dhaltuu lama qabdi; isaan, «nuu kenni! nuu kenni!» jedha'aa iyyan; wonti sadihii ka sirima hin quufnetu jira; ka sirima «Na gayee» hin beenne afur;
16
isaanillee awwaala, gadaamessa hin deenne; lafa bisaan dhuddee hin quufne, ibidda ‹na gaye› hin jenne fa'a.
17
«Ija abba'atti balditu; ta ajaja haadhaallee tuffattu; harraageyyiin gammoojji'ii qotanii baasan; rumichi hedduu dhufanii nyaatan.
18
«Wonti sadihii ka guddisee na maalalchiisutu jira; arfaffaa garuu hin hubadhu;
19
Karaan bajjaa samii gubba'a; karaan bofaa dhagaa keessa; karaan markabaa galaana irra; karaan namaallee ijoollee intalaa woliin.
20
«Karaan dubartii seebartuu kana; nyaattee afaan haqachu'uun; ‹wonti badaan ani hojjadhe hin jiru› jetti.
21
Lafti waa sadihiin raafamti; akkasuma wonti isiin baadhachuu hin dandeenne waa afur;
22
garbicha mooye; amshaaggaa buddeena quufe;
23
intalti jibbamte ta abbaa manaa argatte; garbittii intalaa ta giiftii ufii bakka buute.
24
«Lafa irra waan didiqqoo afurtu jira; ta'anillee isaan guddisanii ogeeyyi'i.
25
Mixiin uumama dadadhaba'a; ta'ullee isaan nyaata ufii bonaan kuufatan.
26
Osoleen uumama hunna hin qabne; ta'ullee isaan dhagaa gugurdaa jiddu'utti mana ijaaratan.
27
Awwaannifni mootii hin qaban; garuu wol duraa duubaan deeman.
28
Lootuun harkaan qabamti; garuu mana mooti'ii keessatti argamti.
29
«Wonti sadihii ka deemsi isaanii gaachena qabutu jira; ka arfeesso'oo arnya ulfinnaa qaba.
30
Leenca busaawaa jiddu'utti hunnaamessaa; waa maraa dura ka nyaara ufii guuru;
31
Lukkuu kormaa, re'ee kormaa tika afo'otti bondhooran; akkasuma mootii loltootaan marfame fa'a.
32
Gowwaa taatee yoo uf tuulte; yookaan yoo waan hamaa karoorsite; afaan qabadhu.
33
Akkuma aannan yoo raasan dhadhaa bayu; funyaan yoo sukkuuman dhiigu; aarii kakkaasuun lola uuma.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31