bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 4
Proverbs 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 5 →
1
Ijoollee tiyya! gorsa abba'aa dhagayaa'a; qalbi'iin caqasaa'a; hubannaa horii godhadhaa'a.
2
Ani barumsa mishaa isinii kenna; kanaafuu barumsa kiyya hin dhiisinaa'a.
3
Ani hennaa mana abbaa kiyyaatitti mucaa areedoo ture, haadha tiyyaafillee hennaa ilma tokkocha ture,
4
Abbaan kiyya akkana jedhee na barsiise, «Garaa kee guutu'uun jecha kiyya qabadhu; ajaja kiyyallee eegi lubbu'uun jiraattaa.
5
Ogummaa argadhu; hubannaallee qabadhu; jecha kiyya hin irraanfatin; isii irraa hin gorin.
6
Ogummaa hin dhiisin, golga sii taatii; jaaladhuun si eeddii.
7
Ogummaan waan guddo'o; kanaafuu ogummaa argadhu; waan qabdu maraa yoo si kaffalchiiftellee hubannaa horii kee godhadhu.
8
Ulfinna kenniif ol ol si qabdii; ammadhuun; si kabajjitii.
9
Gulloo ulfinnaa mata'atti sii gooti; qoobii ulfinnaallee sii kenniti.»
10
Ilma kiyya! na caqasi; dubbii kiyyallee qalbifadhu; bara dheeraa jiraattaa.
11
Daandii ogumma'aa irratti si barsiisa; karaa qajeelaallee sitti mudhisa.
12
Yoo deemtu miilli kee hin sakaalamu; yoo fiiddullee hin gufattu.
13
Gorsa jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin, jireenna kee waan ta'eef eeggadhu.
14
Gara karaa cubbamtootaa luka kee hin kaasin; daandii worra hammeeyyi'iitiin hin deemin.
15
Achi hin gayin, isii irra hin deemin; dheessi; karaa kee qabadhuu deemi.
16
Waan hamaa yoo hin goone hin rafan; yoo nama hin gufachiifne hirribni isaan hin qabu.
17
Buddeena hammeennaa nyaatan; daadhii woyini'ii ka hunnaan namatti ka'u'uu dhugan.
18
Karaan worra balcha'aa akka ifa haga guyyaa guutu'uu ifa'aa deemuu ka akka gagaarrinna ganamaati;
19
Karaan hammeeyyi'ii garuu akka dukkana jaama'aati; maaltu akka isaan sakaalu hin beekan.
20
Ilma kiyya! waan ani sitti himu hubadhu; dubbii kiyyallee uf eeggadhuu caqasi.
21
Ija tee afo'oo hin fageessin; garaa kee keessatti eegi.
22
Worra isii argatuuf jireenna, qaama namaa maraafuu fayyaa waan taateef.
23
Waa maraa caalaa qalbii tee eeggadhu; maddi jiruu teetii waan isii ta'eef.
24
Daba afaan kee keessaa balleessi; qaaqa badaa arraba kee irraa fageessi.
25
Ijji tee qajeelchitee haa laaltuu; guuttadhuu uf afoo laali.
26
Karaa miila keetii qajeelfadhu; karaa wol qixxaayaa callaa qabadhu.
27
Bita'aa fi mirga hin jedhin, miila kee hamaa irraa eegi.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31