bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 25
Proverbs 25
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 26 →
1
Kunniin mammaakkan Solomoonii ka biraa ka namoonni Hisqiyaasii mootii Yihuuda'aa barreessan.
2
Waa dhossuun Rabbiif ulfinna; waa qotanii baasuun garuu moototaa ulfinna isaaniiti.
3
Akkuma samiiwwan ol fagoo ta'an akkuma laftillee gad fagoo taate garaan moototaallee akkasuma hin qoratamu.
4
Dammeessaya meetii irraa balleessi; ka bassullee waan qulqulluu argataa.
5
Hammeenna mootii afo'oo fageessi; teessoon isaallee balchumma'aan jabaattee dhaabatti.
6
Mootii afo'otti ol ol uf hin qabin; manguddoota keessatti argamuu hin jaalatin.
7
Nama guddaa afo'otti ka si salphisee mannaa; «Garana ol siiqi» yoo siin jedhe woyya. waan ijaan argite maraa;
8
gara afoo murti'ii ariiti'iin hin baasin; hiriyyaan kee yoo si salphise lamuu lafa kamtu si liqimsa?
9
Hennaa waan keetiif hiriyyaa keetiin wol mormitu; dhossaa nama biraa hin baasin.
10
Yookaan ka kana dhagayutu si salphisa maqaa kee takka bannaan deebisuu hin dandeettu.
11
Dubbiin haalaan dubbatame; akka worqii killa hudha qabuu ka meeti'iin hojjatameeti.
12
Gurri gorsa nama ogeessaa dhagayu akka qeshoo worqi'ii yookaan akka faaya worqi'iiti.
13
Akkuma hennaa midhaan haama'aa bisaan barada'aa garaa namaa qabbaneessu; ergamaan amanamaan ka isa ergeefillee akkasuma; gooftota ufiillee waan gammachiisuuf.
14
Namni kennaa arjumma'aa hin kennine hin kenna jedhee odeessu akka rooba duumessaa fi qilleensa hin qabneeti.
15
Obsaan bulcha'aan wolii galuun hin danda'ama; arrabni laafaanillee lafee cabsa.
16
Damma yoo argatte hagatti nyaadhu; yoo baay'ate ol si deebisiisa.
17
Gara mana hiriyyaa keetii deemuu hin guddisin; hifachiifteenii si jibbaa.
18
Namni dharaan hiriyyaa ufiititti ragu akka ulee jirmaa, akka guraade'eetii fi akka eboo qaramteeti.
19
Hennaa rakko'oo nama hin amanamne abdachuun akka waan ilkaan balla'ee fi luka laamshaye abdateeti.
20
Nama garaan gaddee faarfatuun, akka nama gaafa qorraa uffata baafatuu, yookaan akka sooqidda mada'atti naqaniiti.
21
Diina kee yoo beelaye nyaachisi; yoo dheebote obaasi.
22
Kana godhuu keetiin mataa isaa irratti barbadaa tuulta; Rabbillee gatii kee sii kaffala.
23
Akkuma bubbeen kaabaa rooba fidu; akkasuma arrabni hamatu fuula badaa fida.
24
Haadha manaa nyakkiftuu woliin mana tokko keessa jiraachu'uu mannaa; qaccee ginnoo manaa gubbaa jiraachuu woyya.
25
Oduun mishaan fago'oo dhufu akka bisaan qabbanaayaa lubbuu dheebotte dheebuu baasuuti.
26
Namni qajeelaan nama hama'aa jilbiiffatu akka burqaa boorayee yookaan akka bisaan boollaa ka faalameeti.
27
Hagaa olitti damma nyaachuun misha'aa miti; ulfinna ufii barbaaduun nama hin kabajjisiisu.
28
Namni uf hin qabne akka qachaa kaloon isi'ii diiggamteeti.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31