bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 31
Proverbs 31
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
1
Dubbiin haati isaa Limu'eelii mooticha barsiifte kana.
2
«Ilma kiyya! ilma gadaamessa kiyyaa! ilma woreega kiyyaa;
3
Hunna kee dubarti'itti hin fixin; jabeenna keellee worra mootota balleessaniif hin oolchin.
4
«Limu'eeli! Mootonni waan kana godhuu isaan hin barbaachisu; mootonni daadhii woyini'ii dhuguu; bulchoonni dhuddoo macheessu dharra'uu isaan hin barbaachisu;
5
Yoo dhugan murtii seeraa irraanfatan; mirga worra hucuucamanii maraa hin dhiiban.
6
Worra badaniif dhuddoo maacheessu; worra rakkoo keessa jiraniif daadhii woyini'ii kennaa'a;
7
dhuganii hiyyummaa ufii haa irraafatanii; rakkoo ufiillee ammaa achi akka hin yaanne.
8
«Worra waan ufii dubbachuu hin dandeenne; mirga worra rakkatanii maraafuu falmi.
9
Dubbadhu; qajeellumma'aan murteessi; mirga hiyyeeyyi'iitii fi ka worra rakkatanii kabajjisiisi.»
10
Haadha manaa amala michu'uu eentu argata? isiin mi'a diimaa gatii gudda'aa caalti.
11
Abbaan manaa isi'ii guutumatti isii abdata; wonti isii irraa dhidhatu hin jiru.
12
Bara jiraattu maraa waan mishaa gootiif malee isa hin miitu.
13
Rifeensa hoola'aatii fi quuncee talba'aa filattee; harka isi'ii ka hujii jaalatuun footi.
14
Akka markaba daldaltu'uutitti nyaata ufii fago'oo wolitti qabdi.
15
Uduu hin bariine kaati; maatii ufiitiif nyaata; hojjattoota ufii ta intalaatiifillee gayee isaanii kenniti.
16
Ufumaa yaaddee lafa qonnaa bitatti; horii argattuun woyinii dhaabdi.
17
Hunna jabeeffattee hujii ufii raawwatti; irreen isi'ii huji'itti jajjaba'a.
18
Hujiin isi'ii akka gatii qabu hin hubatti; halkanillee ibsaan isi'ii hin dhaamu.
19
Harka ufiitiin fuuttaa qabatti; qubbiin ufiitiin jirbii footi.
20
Harka ufii hiyyeeyyi'ii badhifti; harka ufii worra rakkatetti hiixatti.
21
Yoo baradaa roobe maatii ufiitiif hin shukultu; maruu waan uffata diimaa uffataniiraniif.
22
Siree ufii ka irra raftuuf uffata hojjatti; uffata diimaa dhiilge'ee fi ka gad diratan uffatti.
23
Abbaan manaa isi'ii manguddoo jiddu'utti; hennaa bayima keessa taa'u kabajjama'a.
24
Isiin uffata quuncee talba'aa irraa hojjattee gurgurti; daldaltootaallee sabbata dhiyeessiti.
25
Isiin jabeennaa fi gaachena uffatteerti; baroota itti aanu gammachu'uun fudhatti.
26
Ogumma'aan dubbatti; afaan isi'ii keessa gorsa qajeela'atu jira.
27
Waan maatii ufii jabeennaan hordofti; buddeena amshaagga'aa hin nyaattu.
28
Ijoolleen isi'ii kaatee ta eebbifamte jedhaniin; abbaan manaa isi'iillee akkasuma; inni akkana jedhee isii galatoonfata;
29
«Dubartoonni hedduu waan mishaa godhaniiran; ati garuu isaan maraa hin caalta.»
30
Bareeddinni nama soba; mishummaanillee hin harca'a; Dubartiin Rabbiin sodaattu garuu ta galtoonfamte.
31
Badhaasa isi'ii ta'u kenna'aaf; hujiin isi'ii bayima marattuu isii haa galatoonfatuu.
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31