bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 16
Proverbs 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 17 →
1
Karoorri gara'aa ka namaati; ka deebii kennu garuu Rabbi.
2
Namaaf karaan maruu qulqulluu fakkaata; ka'umsa yaadaa garuu Rabbitu madaala.
3
Waan gootu maraa Rabbitti yaboo kenni; karoorri kee maruu sii milkaayaa.
4
Rabbi waa maraa kaayoo ufiitiif hojjateera; hammeeyyimaa guyyaa badi'iitiif qopheesseera.
5
Rabbi worra gara'aan boonan maraa hin ceem'a; akka isaan adabbii malee hin hafne beeki.
6
Jaalalaa fi amanamumma'aan cubbuun dhiifama; namni Rabbiin sodaachu'uun hamaa irraa fagaata.
7
Adeemsi namaa yoo Rabbiin gammachiise; diintota isaatuu akka isa woliin nagayaan jiraatan taasisa.
8
Wonti diqqoon balchummaa woliinii; bu'aa guddaa dabaan argamu caala.
9
Namni garaa ufiititti keessatti karoora baafata; Rabbi garuu karoora isaa san hin murteessaaf.
10
Arrabni mooti'ii akka Waaqaa dubbata; afaan isaa haqa hin dabsu.
11
Madaalli dhuga'aatii fi bikkituun haqaa ka Rabbiiti; safartuun qaraciitii keessaa maruu hujii harka isaati.
12
Waan hamaa hojjachuun moototaa ceem'a'a; waan teessoon qajeellumma'aan jabaatee dhaabatuuf.
13
Mootonni arraba amanama'atti gammadan; nama dhugaa dubbatu hin jaalatan.
14
Lolli mooti'ii akka ergamaa du'aati; namni ogeessi garuu lola isaa qabbaneessa.
15
Fuulli mooti'ii yoo ifu jireennatu jira; mishummaan isaa akka duumessa rooba badheessaati.
16
Worqii caalaa ogummaa argachuun; meetii caalaa hubannaa filatuun akkam caala!
17
Karaan qajeellotaa ka hammeenna irraa fagaate; ka deemsa ufii eeggatu jireenna ufii eeggata.
18
Uf jajuun badii, kooruun kufaatii firrifti.
19
Hafuura gad uf qabu'uutiin worra gad qabaman woliin ta'uun; worra boonu woliin boojuu qoodamuu caala.
20
Namni gora dhagayu hin lalisa; namni Rabbiin abdatu eebbifama'a.
21
Worri gara'aan ogeeyyii ta'an hubattoota jedhaman; jechoonni nama gammachiisan beekkumsa gabbisan.
22
Nama ogummaa horii ufii godhatee burqaa jireennaati; gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fiddi.
23
Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; arrabni isaa beekkumsa gabbisa.
24
Dubbiin nama gammachiisu akka nadhii dammaati; lubbu'uu mi'a'a; lafe'eefillee fayya'a.
25
Karaan namatti qajeelaa fakkaatu jira; dhumti isaa garuu gara du'aa geessa.
26
Hojjattoota fedhiin nyaataa guyya'atti akka jabaatee hojjatu taasisa; beellillee irraa bada.
27
Namni hamaan hamtuu dhaya; dubbiin isaallee akka ibidda nama gubuuti.
28
Namni dabaan lola facaasa; hamattichi jaalalloota wolitti dhiyaatan gara gara baasa.
29
Namni hamaan hiriyyaa ufii hawata; gara karaa mishaa hin taanee qajeelchaan.
30
Namni ijaan nama dhawu micciirama dhaya; namni hidhii ciniinnatu gara dharaa daba.
31
Arriin gulloo ulfinnaati; jireenna balchumma'aatiin argama.
32
Namni obsu loltuu'u, ka si'a ufii ittisu ka qachaa hunnaan qabee bulchu caala.
33
Fedha Rabbii beeku'uuf hixaa buufatan; murtii maraa ka kennu garuu Rabbi.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31