bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 7
Proverbs 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 8 →
1
Ilma kiyya! jecha kiyya eegi; ajaja kiyyallee uf keessatti qabadhu.
2
Ajaja kiyya eegi lubbu'uun jiraattaa; barumsa kiyyallee akka gumaa ija teetiititti eeggadhu.
3
Akka qubee qubaatitti hidhadhu; gabatee garaa keetii keessatti barreeffadhu.
4
Ogumma'aan «Ati obboleettii tiyya» jedhi; hubanna'aanillee «Ati fira kiyya» jedhi.
5
Dubartii seebartu irraa, ta arrabaan nama sobdu ta adaba hin qabne irraallee si eeganii.
6
Foddaa mana kiyyaa keessaan gara raasa'aa laalee;
7
Dargaggeessa hubannaa dhidhu'uu, worra bilchinna hin qabne keessatti arge; ka'imman keessaa isa fooye.
8
Kolba mana isi'ii qabatee karaa mana isi'ii laddaan lufa'aa ture.
9
Galgalaayee hennaa aduun dhiite dukkanti halkanii seena'aa ture,
10
Achiin dubartiin takka isa argu'uuf baate, akka dubartii seebartuutitti uffattee dogoggorsu'uuf hidhatte.
11
Isiin ta sagalee gad hin qabannee fi ta maal naan jedhanii hin beenne lutti isi'ii adabattee mana hin teettu.
12
Hennaa tokko karaa keessa; hennaa tokko bayima keessa, qaxxaammura kara'aa irratti riphxi.
13
Qabdee ufitti as buttee dhungatte, saala malee akkana jetteen,
14
«Mana kiyyatti ciincaa tokkumma'aa dhiyeessuun na irra ture; adha woreega kiyya raawwadhe;
15
Kanaafuu si argu'uuf baye; si soqee ture kunoo si argadhe.
16
Siree kiyya uffata haarrii, biyya Misiriitii dhufe irra afeera.
17
Siree kiyya urgooftuu qumbii, beenso'oo fi qurunfudii itti firfirseera.
18
Koottu haga bariitutti jaalala cima'aan dharraa baanaa, jaalalaan uf gammachiifnaa.
19
Abbaan manaa kiyya mana hin jiru, biyya fagoo deemeera.
20
Inni qarshii korojo'otti guuttatee deemeera; haga jiini goobanutti hin deebi'u.»
21
Isiin jechoota mimmisha'aan dogoggorsiteen; arraba laafa'aan isa sobde.
22
Akka sangaa qalmaaf oofamuu, akka gadamsa haga tiruun isaa woraannamutti siiboo keessa seenuu,
23
Akka simbira barartee siiboo seentuu, mamii malee isii faanaa deeme; kun akka lubbuu isaa dhabsiisa'aaru hin beenne.
24
Ijoollee tiyya! ammallee na caqasaa'a; waan jedha'aaru qalbi'iin na dhagayaa'a;
25
Garaa keessan gara karaa isi'ii hin dabsatinaa'a gara daandii isi'ii ka dogoggoraa hin bayinaa'a;
26
Worri isiin salphiftee kuffifte baay'e'e; worri isiin ajjeefte hagaa fi laakkobsa hin qaban.
27
Manni isi'ii gara asaabaa geessa; karaan isi'ii gara bultii du'aa geessa.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31