bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 23
Proverbs 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 24 →
1
Hennaa bulchaa woliin waa nyaachu'uuf teettu; waan si afoo jiru xiinxallii hubadhu.
2
Yoo nyaachu'uuf muddamtee jiraattellee; uf qabi.
3
Dhiyanni isaa mi'aayaan si hin kajeelchisin; nyaanni waan si sobuuf.
4
Durummaa argachu'uuf jettee uf hin dadhabsiisin; ogummaa yaada kee dhooggituun qabaadhu.
5
Ija kee yoo qabeenna kee irra keette yoosuu bada; akkuma bajjaa samii irra bararuu koola baafatee bararee bada.
6
Dhiyana dondhaa hin nyaatin; dhiyanni isaa mi'aayaanillee si hin kajeelchisin.
7
Inni hennaa maraa nama gatii bikku waan ta'eef afaanumaan «Nyaadhu; dhugi» siin jedha; garaan isaa garuu si woliinii miti.
8
Diqqommaan nyaattellee ol si deebisiisa; galata keellee hin balleessita.
9
Nama gowwaa woliin hin qaaqin; waan dubbii kee ka ogumma'aa si jalaa salphisuuf.
10
Malkata daanga'aa ka ture hin buqqisin; lafa ijoollee abbaa hin qabnee hin dhiibin;
11
Ka isaan oolchu jabaa waan ta'eef Inni isaanii murteessa.
12
Garaa kee gorsaaf; gurra kee beekkumsaaf kenni.
13
Finna adabuu irraa duubatti hin jedhin; harcumme'een dhaante'eef hin du'u.
14
Harcumme'een adabi; lubbuu isaa du'a oolchi.
15
Ilma kiyya! yoo garaan kee ogeessa ta'e; garaan kiyyallee hin gammada.
16
Afaan kee yoo waan sirrii ta'e dubbate keessi kiyya maruu hin gammada.
17
Garaan kee cubbamtootatti hin hinaafin; garuu hennaa maraa guddisii Rabbiin sodaadhu.
18
Boruuf abdii dhuga'aa qabaatta; abdiin keellee duwwaa hin ta'u.
19
Ilma kiyya! dhagayi; ogeessa ta'i; garaan kee karaa qajeelaa irraa hin dabin.
20
Worra daadhii woyini'ii guddisanii dhugan; worra guddisanii foon nyaatan woliin goshoo hin ta'in.
21
Worri machaayuu fi worri garaa jaalatu hin hiyyooman; hirriba jaalachuun dasuu ciccitaa namatti uwwisa.
22
Abbaa kee ka si uumate dhagayi; haadha tee hennaa jaarte hin tuffatin.
23
Dhugaa biti malee hin gurgurin; ogummaa, gorsaa fi hubannaa horii kee godhadhu.
24
Abbaan nama balcha'aa guddisee gammada; ka ilma ogeessa qabullee guddisee isatti gammada.
25
Abbeetii fi haatee haa gammadanii; haati si deettellee haa usheexxituu.
26
Ilma kiyya garaa kee naa kenni; ijji tee karaa kiyya irraa hin gorin.
27
Haati manaa sagaagaltuun akka boolla dhipho'ooti; dubartiin saarageen akka boolla qilee keessaati.
28
Akka saamtu'uutitti riphxi; namoota jiddu'utti worra adaba hin qabne baay'eessiti.
29
Ani badeen ka eennuuti? gaddi ka eennuuti? lolli ka eennuuti? mararoon ka eennuuti? akkanumaan madaayuun ka eennuuti? ija diimachuun eennuuf?
30
Ka worra daadhii woyini'ii dhuga'aa hennaa ufii dabarsaniiti; worra naannaya'aa daadhii woyini'ii ka wolitti makame dhadhamuuf.
31
Bifti isaa diimatee yoo burcuqqoo keessaa calalaqe; hennaa qajeelee gad bu'u, gara daadhii woyini'ii guuttattee hin laalin.
32
Dhuma irratti akka bofaa si iddaa; akka buuti'iititti hadhaa facaasa.
33
Ijji tee waan haarawa argiti; sammuun keellee hin suura.
34
Waan galaana irra ciifte; akka waan qaccee utubaa markabaa irratti irkatte fakkaatta.
35
Ati, «Na dhayan, hin miidhamne; na dhaanan natti hin dhagayamne; eeganaa dhuddoo biraa akka argadhu yoom dammaqa?» jetta.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31