bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 28
Proverbs 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 29 →
1
Namni hamaan uduu eennullee isa hin ariine dheessa; balchaan garuu akka leencaa onneen isaa guutu'u.
2
Biyya finqila kaaftu bulchootatu itti baay'ata; nama beeka'aa fi hubataa yoo qabaatte garuu jabaattee dhaabatti.
3
Namni hiyyeeyyii rakkisu akka rooba jabaa midhaan balleessuuti.
4
Worri seera dhiisan hammeeyyii faarsan; worri seera eegan garuu isaaniin morman.
5
Hammeeyyiin haqa hin hubatan; worri Rabbiin barbaadan garuu guutumatti beekan.
6
Dureessa adeemsi isaa micciirama'aatii mannaa; hiyyeessa karaan isaa mudaa hin qabne woyya.
7
Ilmi hubannaa qabu seera eega; ka worra garaa jaalatu woliin goshoomu garuu abbaa ufii salphisa.
8
Namni horii ufii dhala gudda'aan kuufatu; nama biraa ka hiyyeessaa garaa laafuu kuusa.
9
Ka seera dhagayuu didda'aaf gurra cufatu; kadhaan isaatuu jibbisiisa'a.
10
Ka qajeellota gara karaa hama'aa masakku; boolla ufii qote seena; qulqulloonni garuu waan mishaa dhaalan.
11
Dureessi ogeessa uf seeya ta'a; hiyyeessi hubataan garuu qoree isa beeka.
12
Balchoonni yoo mooyan gammachuu gudda'atu ta'a; yoo hammeeyyiin baallii qabatan garuu baniin hin dhokata.
13
Ka cubbuu ufii dhoffatu hin lalisu; ka himatuu fi ka dhiisu garuu araara argata.
14
Namni hennaa maraa Rabbiin sodaatu eebbifama'a; namni mataa jabaatu garuu rakkinna irratti kufa.
15
Bulchaan garjabeessi banii gargaarsa hin qabne irratti mooye; akka leenca aaduu yookaan akka doobbaa utaalee qabuuti.
16
Bulchaa garjabeessa waa wol bira qabu'utu hanqataan; ka faayidaa haala malee argamu ceem'u garuu umuriin isaa hin dheerata.
17
Namni dhiinni namaa irra jiru bara maraa baqata'aa jiraata; eennullee isa hin gargaarin.
18
Nama adeemsi isaa mudaa hin qabne wonti hamaan isa hin argatu; ka karaan isaa micciirama'aa garuu dimmaa kufa.
19
Ka lafa ufii qotatu nyaata irraa hafaa argata; ka abdii gatii hin qabne qabatee deemu garuu hiyyummaa dhaala.
20
Namni amanamaan guddisee eebbifama; ka durummaa argachu'uuf jarjaru garuu adabbii jalaa hin bayu.
21
Daloo hojjachuun misha'aa miti; namni garuu buddeena diqqo'oof jedhee yakka raawwata.
22
Namni dondhi duroomu'uuf jarjara akka hiyyummaan isa eeggatu hin beeku.
23
Nama arraba sobu qabu caalaa; nama nama gorsutu oolee bulee jaalatama.
24
Namni abba'aa fi haadha ufii jalaa waa hatee «Kun balleessa'aa miti » jedhu inni goshoo nama waa balleessuuti.
25
Namni dondhi lola kakkaasa; namni Rabbiin abdatu garuu hin eebbifama.
26
Namni uf abdatu gowwa'a; namni ogumma'aan deddeebi'u garuu hamtuu irra hin bu'u.
27
Namni hiyyeeyyi'ii kennu hin rakkatu; ka isaan argee akka waan hin arginee ta'u garuu abaarsa heddutu irra gaya.
28
Hennaa hammeeyyiin baallii qabatan baniin hin dhokatan; hennaa hammeeyyiin badan garuu balchoonni heddu ta'an.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31