bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 22
Proverbs 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 23 →
1
Maqaan mishaan durummaa heddu caalaa filatama; kabajjamuun meeti'ii fi worqii caala.
2
Wonti dureessinii fi hiyyeessi woliin qaban; Rabbii uumaa isaanii ta'e.
3
Namni hubataan hennaa balaa argu hulee itti dhokatu barbaada; ka bilchinna hin qabne garuu ittuma deemee rakkoo irratti kufa.
4
Kasoomuunii fi Rabbiin sodaachuun qabeenna, ulfinnaa fi jireenna argamsiisa.
5
Karaa worra hammeeyyi'ii irra qore'ee fi siibo'otu jira; ka lubbuu ufii eegu garuu kanniin irraa fagaata.
6
Finna karaa inni deemu barsiisi; inni hennaa jaarellee achi irraa hin goru.
7
Dureessi hiyyeessa bulcha; ka liqeeffatu garbicha ka liqeessuuti.
8
Namni hammeenna facaasu rakkinna haamata; uleen isaa ta lolaallee hin baddi.
9
Namni arjaan ufumaa eebbifama; nyaata ufii hiyyeeyyii woliin qoodama.
10
Nama baldu baasi; lolli hin dhaabataa; lollinii fi arrabnillee hin hafa.
11
Nama garaa qulqulluu jaalatuu fi nama dubbiin isaa gaachena qabu; mootiin jaalalloo ta'aan.
12
Ijji Rabbii beekkumsa hin eega; dubbii namoota hin amanamnee garuu hin balleessa.
13
Amshaaggaan, «leenci waan dida jiruuf; yoo diida baye na ajjeesa ta'a» jedha.
14
Afaan dubartii seebartuu akka boolla qile'eeti; ka Rabbi loleen itti bada.
15
Gowwummaan garaa daa'imaatitti hidhameera; uleen gorsaa garuu isa irraa fageessiti.
16
Namni qabeenna kuufatu'uuf hiyyeessa miidhu; ka dureessaa kennaa dhiyeessu, isaan lachuu hin hiyyooman.
17
Jecha ogeeyyi'ii qalbi'iin dhagayi; garaa kee gara barumsa kiyyaa deebisi.
18
Hennaa garaa kee keessatti isaan eedde; isaan maruu yoo afaan kee keessa jiraatan si gammachiisan.
19
Kanaafuu akka ati Rabbiin abdattuuf; ani adha si barsiisa.
20
Ani barumsa mishaa gorsaa fi dubbii beekkumsaa sii hin barreessinee?
21
Ka si ergeef deebii ta'u akka kennitu akka dubbii dhuga'aatii fi amanamaa ta'an si barsiisuufii mitii?
22
Waan hiyyeeyyii ta'an calla'aaf hiyyeeyyii hin saamin; rakkataallee bayima afo'otti hin cunqursin.
23
Rabbi waan isaanii murteessuuf; worra isaan saaman hin saama.
24
Nama biibbayuun jaalalloo hin ta'in; nama salphamatti aaruun hin goshoomin.
25
Kana ta'uu baannaan karaa isaa baratta; atillee siiboo kanaan qabamta.
26
Waada'aaf harka hin dhayin; liqeeffata'aa wobii hin ta'in.
27
Yoo waan kaffaltu dhabde; siree irra raftu si jalaa fudhata.
28
Malkata daanga'aa ka abboonni tee ta durii dhaaban hin buqqisin.
29
Nama ogummaa ufiitiin leenji'e argiteertaa? mootota biratti kabajjamaa ta'a; namoota hin mallee hin hojjatu.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31