bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 3
Proverbs 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 4 →
1
Ilma kiyya! barumsa kiyya hin irraanfatin; ajaja kiyyallee garaa kee keessatti eegi;
2
Isaan guyyoota sii eda'an, barootallee sii dheeressan; jireenna, durumma'aa fi nagaya sii baay'isan.
3
Jaalallinii fi amanamummaan sirima si irraa hin fooyamin; morma keetitti isaan hidhadhu; gabatee qalbii teetii keessatti barreeffadhu.
4
Hennaa san gaachenaa fi maqaa mishaa namaa fi Rabbiin birattillee argattaa.
5
Garaa kee guutu'uun Rabbiin abdadhu; hubannaa keetitti hin irkatin.
6
Karaa kee marattuu isa beeki; inni karaa kee sii qajeelchaa.
7
Yaada keetiin ani ogeessa ufiin hin jedhin; Rabbiin sodaadhu; hamaa irraa fagaadhu.
8
Kun nafa keetiif fayyaa; lafee keetiifillee jabeenna ta'a.
9
Rabbiin durummaa keetiin, midhaan kee maraa keessaa ka duraa kennu'uun kabajji.
10
Yoo kana goote sheemaxeen kee guutee irraa hafa; huleen cuunfaa woyini'ii keellee guutee cambalaqa.
11
Ilma kiyya! gorsa Rabbii hin tuffatin; xixa isaatittillee hin mararamin.
12
Akkuma abbaan ilma ufii ka itti gammadu maraa adabu Rabbillee ka ufii jaalatu hin adaba.
13
Namni ogummaa argatu, ka hubannaa horii ufii godhatu ka eebbaati.
14
Isiin ta meetii caalaa gatii fiddu; ta worqii caalaallee faayidaa argamsiiftu waan taateef.
15
Isiin mi'a diimaa gatii gudda'aa caalaa mi'a'a; wonti ati hawwitu maruu ka isii gayu hin jiru.
16
Harka isi'ii ka mirgaa irra umurii dheera'atu jira, harka ufii ka bita'aatitti durumma'aa fi ulfinna qabatteerti.
17
Daandiin isi'ii nama gammachiisa; karaan isiin deemtu maruu ka nagayaati.
18
Isiin worra isii ammataniif muka jireennaati; worri isii qabatanillee hin eebbifaman.
19
Rabbi ogumma'aan lafa jabeessee uume; hubannaa ufiitiin samiiwwan hulee isaaniititti jabeesse.
20
Ogummaa isaatiin burqaawwan gad fago'oo adda qoodaman; duumessillee fixeensa coccophsan.
21
Ilma kiyya! murtii sirri'iitii fi hubatanii gar gar baafachuu jabeessii qabadhu; kunniin ija kee afo'oo hin fagaatin.
22
Lubbuu keetiif jireenna; morma keetiifillee faaya ta'an.
23
Achiin maayessa karaa kee nagayaan deemta; lutti teellee hin gufattu,
24
yoo raftu hin sodaattu; hirribni keellee sitti mi'aaya.
25
rakkoo dimmaa dhufu, badii worra hammeeyyii irra gayullee hin sodaatin.
26
Rabbi waan hedoo kee ta'eef, akka lutti tee siibo'oon hin qabamne eega.
27
Worra waan mishaa barbaadanii uduu waan mishaa isaanii godhuu dandeettu godhuu hin dhiisin.
28
Amma uduu harkaa qabdu, ollaa keetiin «Turii koottu, boru sii kennaa» hin jedhin.
29
Nama si hedatee si bira taa'uu fi ollaa keetittillee hamtuu hin yaadin.
30
Uduu miidhaa si irra hin geessine sababaa malee nama hin himatin.
31
Nama hama'atti hin hinaafin, karaa isaa kamiinuu hin filatin,
32
Rabbi dabaa maraa waan balfuuf, nama qajeela'atti garuu dhossaa ufii ibsa.
33
Abaarsi Rabbii mana worra hammeeyyi'ii irra; mana worra balcha'aa garuu hin eebbisa.
34
Inni worra murugutti hin balda; worra kaso'oof garuu gaachena kenna.
35
Ogeeyyiin ulfinna argatan; gowwoota garuu salphinnatti isaan baasa.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31