bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 8
Proverbs 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 9 →
1
Ogummaan nama hin waamtuu? hubannaan hoo sagalee ufii ol qabattee hin dhageessiftuu?
2
Tulloota karaa bira jiranitti hulee karaan itti wol gayu irra dhaabatti.
3
Balballan gara qachatti'ii seensisan bira, seensa balballanii irratti laagaa ol qabattee akkana jettee iyyiti,
4
«Namniin nana! isin waama'aaraa bee ilmaan namaa maraafuu laagaa kiyya ol qabadheeraa,
5
Isin worra bilchinna dhidhu'uu, uf eeggachuu horii godhadhaa'a; isii gowwoonni hubannaa bu'aa godhadhaa'a.
6
Waan faayidaa qabu waan dubbadhu waan qabuuf na caqasaa'a; waan qajeelaa dubbachu'uuf afaan baqaffadha.
7
Afaan kiyya dhugaa dubbata, waan arrabni kiyya hammeenna balfuuf.
8
Dubbiin afaan kiyyaa bayu maruu balcha'a; tokkollee daba'aa fi faalla'aa miti.
9
Worra gad fageessanii hubatanii maruu qajeela'a; worra beekkumsa qabuuf dogoggora uf keessaa hin qaban.
10
Meetii caalaa gorsa kiyya; worqii qulqulluu caalaa beekkumsa kiyya filadhaa'a.
11
«Ogummaan waan diimaa gatii gudda'aa caalaa waan mi'aa taateef; waan hawwitan maraa keessaa tokkollee ka isi'itti qixxaayu hin jiru.
12
Ani ogummaan hubannaa woliin jiraadha; beekkumsinii fi qalbii qabaachuun horii kiyya.
13
Rabbiin sodaachuun hammeenna jibbu'u; anillee uf jaju'uu fi mata jabeenna, amala hama'aa fi qaaqa micciiramaa hin jibba.
14
Gorsinii fi murtiin sirri'ii kiyya; hubannaa qaba, jabeenna qaba.
15
Mootonni anaan mooyan; bulchoonnillee seera sirrii ta'e tumatan.
16
Abboonni murti'ii anaan bulchan; qondaaltonni biyya lafaa bulchan maruu anaan bulchan.
17
Worra na jaalatan hin jaaladha; worri jabaatanii na soqan na argatan.
18
Qabeenninii fi ulfinni qananiin wol irraa hin cinnee fi milkaayinni na bira jiran.
19
Daraaraan kiyya worqii qulqulluu caala; kennaan kiyya worqii qulqullaaye.
20
Ani karaa balchumma'aatiin deema; daandii haqaa irrallee hin imala.
21
Worra na jaalatanii qananii kenna; mana kuusaa meeshaa isaaniillee hin guuta.
22
Rabbi hujii ufii ka duraatiin dura; jalqaba hujii ufii godhatee na fide.
23
Uduu adunyaan hin uumamneen dura, dura bara baraan dura muudame.
24
galaanaan dura, burqaawwan bisaanii uduu hin burqineen dura dhaladhe.
25
Uduu gaarran hin hundoofne, tulluuwwaniin dura dhaladhe.
26
Ardiin yookaan raasaawwan yookaan biyyeen lafaa kamuu uduu hin uumaminiin dura ani dhaladhe.
27
Hennaa samiiwwan diriirse, hennaa galaana irratti daangaa godhe, ani achi ture.
28
Hennaa duumessa gubba'atti jabeesse, hennaa burqaawwan galaanaa hundeesse,
29
Hennaa horatti daangaa godhe, hennaa akka bisaan daangaa hin ceeneef hundeewwan lafaatitti daangaa godhe,
30
hennaa san ani isa biratti ogeessa ijoo ture; hennaa maraa isa afo'otti natti tola'aa, guyyama guyya'aan gammachu'uun guuttama ture.
31
Adunyaa guutuu isaatitti hennaa maraa natti tola'aa, ilmaan namaatitti gammada ture.
32
Eeganaa ijoollee tiyya! na caqasaa'a; worri karaa kiyya eegan worra eebbaati.
33
Gorsa kiyya caqasaa'a; ogeeyyii ta'aa'a; lash itti hin jedhinaa'a.
34
Ka hennaa maraa balbala kiyya irratti eegu; ka guyya guyya'aan balbala kiyya afo'otti eegu; namni na dhagayu nama eebbaati.
35
Ka na argate maruu jireenna waan argatuuf; Rabbiin irraa gaachena fudhata.
36
Garuu ka na dhabe maruu uf miidha; worri na jibbu maruu du'a jaalata.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31