bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 12
Proverbs 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 13 →
1
Namni gorsa jaalatu beekkumsa jaalata; ka sirraayuu jibbu garuu dooma'a.
2
Namni mishaan Rabbiin biraa gaachena argata; dharticha garuu Rabbi itti murteessa.
3
Namni hammeenna irratti hundaayee jabaachuu hin danda'u; balchoonni garuu hulee ufiitii hin socho'an.
4
Dubartiin michuun abbaa manaa ufiitiif gaachena; haati manaa salphiftuun garuu akka dhukkuba lafee nyaatuuti.
5
Yaanni balchootaa qajeela'a; gorsi hammeeyyi'ii garuu dhara uf keessaa qaba.
6
Jechi hammeeyyi'ii dhiiga dhangalaasisiisa; dubbiin balchootaa garuu isaan oolcha.
7
Hammeeyyiin gara galan; sirimaa badan; manni balchootaa garuu jabaatee dhaabata.
8
Namni ogummaa ufiitiin galatoonfama; worri onnee micciiramaa qaban garuu tuffatamtoota.
9
Nama waan nyaatu hin qabne ka uf jaju irra; nama gad uf qabee hojjata'aa nyaata argatu woyya.
10
Namni balchaan hori'ii garaa laafa; hammeeyyiin garaa laafan uduu jedhamelle'ee naannayee hujiin isaanii garuu garjabeenna.
11
Namni lafa ufii qotu nyaata irraa hafaa argata; namni abdii duwwaa ari'u garuu waa wol bira qabu'utu hanqataan.
12
Cubbamtoonni boojuu hammeeyyi'ii hawwan; hiddi balcha'aa garuu hin babadhata.
13
Namni hamaan jechuma hamaa ufiitiin qabama; namni balchaan garuu rakkoo jalaa baya.
14
Namni sababaa afaan ufiitiif waan misha'aan guuttama; akkuma hujii harka ufiitiin gatii ta'uuf argata.
15
Nama gowwaa karaan isaa sirrii itti fakkaata; namni ogeessi garuu gorsa dhagaya.
16
Nama gowwaa aariin isaa yoosuu itti beekkama; namni hubatu garuu arraba tuffatee dhiisa.
17
Namni dhuga'aa dhugaa raga; ragaan sobaa garuu soba dubbata.
18
Dubbiin akka malee dubbatamu akka guraade'ee nama woraana; arrabni ogeessaa garuu hin fayyisa.
19
Arranbi dhugaa dubbatu baraa haga bara baraa jiraata; arrabni sobaa garuu hennamaaf.
20
Garaa namoota dhara dhayuu keessa sobatu jira; worri nagaya adeemsisan garuu gammachuu qaban.
21
Balchoota miidhaan isaan hin argatu; hammeeyyiin garuu worra rakko'oon guuttame.
22
Rabbi arraba sobaa hin jibba; namoota dhuga'aatitti garuu hin gammada.
23
Namni hubataan beekkumsa dhoffatan; garaan gowwa'aa garuu wollaala odeessa.
24
Namni jabaatee hojjatu bulchaa ta'a; dhumti ceem'aalessaa garuu hujii garbumma'aati.
25
Garaan nama shukuluu gaddaan duudhatama; jechi mishaan garuu hin gammachiisaan.
26
Namni balchaan jaalalloo ufiitii gorsa mishaa kenna; karaan hammeeyyi'ii garuu gara dogoggoraa isaan qajeelcha.
27
Namni amshaaggaan kama dhadhoolee fidee woddee in nyaatu; ka jabaatee hojjatu garuu qabeenni isaa gatii guddaa qaba.
28
Karaa balchumma'aa irra jireennatu jira; karaa san irra garuu duuti hin jirtu.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31