bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 6
Proverbs 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 7 →
1
Ilma kiyya! yoo ollaa keetii wobii taate, waan nama biraatiif yoo ganaa dhooftee waadaa galteef,
2
yoo waan dubbatteen qabamte, dubbii afaan keetii bayeen yoo si qaban,
3
ilma kiyya! uf oolchu'uuf kana godhi; waan ollaa kee jalatti kufteef, gara nama sanii dhaqii miilatti kufi, ollaa kee jabeessii wogi.
4
Uduu kana hin goone hin rafin ija tee hirribni hin qabin;
5
Akkuma kurupheen ka isii dhadhoolu jalaa baatuu, akkuma simbira siiboo ka isii adamsu jalaa baatuutitti uf oolchi.
6
Ati namni hifatu; gara mixi'ii dhaqii karaa isi'ii laali; mala isaa hubadhuu ogeessa ta'i;
7
Ka isa ajaju hin qabu; bulcha'aa fi hoogganaallee hin qabu;
8
Ta'ullee bonaan nyaata ufii kuufata; hennaa haama'aa dhiyana ufii wolitti qabata;
9
Ati namni hifataan! haga yoomii rafta? yoom hirribaa kaata?
10
Diqqoo muga'aa diqqoo rafuun, harka maratanii «Mee diqqoo hara baafadhaa» jechuun;
11
hiyyummaan akka shifta'aatitti, dhabdillee akka nama meeshaa hidhateetitti sitti dhufa.
12
Namni gadheenii fi garjabeessi; ka arraba adaba hin qabne qabatee naannayu;
13
ka ijaan nama dhayu; ka luka raasu, ka quba namatti qabu,
14
Ka garaa ufii keessatti dharaa fi hammeenna dhayu; yoo maraa lola kaasa.
15
Kanaafuu tasa balaan itti bu'a; dimmaa bada; ka isa oolchu hin jiru.
16
Wonti Rabbi jibbu waa jaha; torbeessoo lubbuu ufii keessatti guddisee jibba;
17
Uf jajuu, arraba sobu, harka nama dhiiga nama balleesssaa hin qabnee jissu,
18
ka garaa ufii keessatti dhara dhayu, miila dharaaf ariifatu,
19
Ragaa sobaa ka kijiba irratti kijiba eda'ee ragu, nama obboleewwan wol lolchiisu.
20
Ilma kiyya! ajaja abbeetii kabajji; barumsa haatetiillee hin dhiisin.
21
Hennaa maraa gara'atti qabadhu, mormatti hidhadhu.
22
Yoo deemtu maraa si masakkan, hennaa raftullee si eegan; hennaa dammaxxullee si qaassan.
23
Ajanyi kunniin ibsaa waan ta'aniif barumsi kunillee ifa, gorsa, sirreessa'a, karaa jireennaati;
24
Inni kun dubartii adaba dhabeettii irraa, dubartii arraba laafaa qabdu ta seebartu irraa si eega.
25
Bareeddinna isi'ii garaa kee keessatti hin hawwin; ijji isi'ii si hin booji'in.
26
Dubartii sagaagaltu kutaa buddeenaatiin argatta; sagaagaltuun dhokattee jireenna kee dhadhoolti;
27
Namni ibidda boba'atti qabatee uffanni isaa sirima hin gubanne jiraa?
28
Namni barbadaa irra deemee lutti isaa hin gubanne jiraa?
29
Namni haadha manaa nama biraa bira seenullee akkanuma; ka isii tuqu maruu uduu hin adabamne hin hafu.
30
Hattuun beelayee beela cabsachu'uuf yoo hate namoonni isa hin tuffatan.
31
Yoo ka qabeenna manaa qabu maraa ka gaafatuullee yoo qabame dachaa torba kaffala.
32
Namni seebaru nama waa hin bikkine, ka waan kana godhu maruu uf balleessa;
33
Tumamu'uu fi salphachuun hiree isaati; salphinni sirima isa irraa hin badu.
34
Hinaaffaan lola abbaa worraa waan kakkaasuuf hennaa haluu bayu hin nayuuf.
35
Inni kaffaltii tokkollee hin fudhatu yoma hagamillee baay'ee ta'e kennaan aarii isaa hin qabbaneessu guddisee kenne'eefillee hin araaramu.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31