bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 15
Proverbs 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 16 →
1
Deebiin laafaan lola qabbaneessa; jechi badaan garuu lola kaasa.
2
Arrabni ogeessaa beekkumsa faarsa; arrabni gowwootaa garuu gowwummaa burqisiisa.
3
Ijji Rabbii hulee maraa jirti; hammeeyyi'ii fi mimmishaallee daguu malee laalti.
4
Arrabni dubbii nama jajjabeessu dubbatu muka jireennaati; arrabni sobu garuu yaada namaa cabsa.
5
Gowwaan gorsa abba'aa tuffata; ka sirreeffama fudhatu garuu hubataa ta'uu mudhisa.
6
Manni balchootaa ka qabeenna hedduun guuttame; galiin hammeeyyi'ii garuu rakkinna isaanitti fiddi.
7
Afaan ogeeyyi'ii beekkumsa babadhifti; garaan gowwootaa garuu akkanaa miti.
8
Rabbi ciincaa hammeeyyi'ii hin jibba; kadhaan qajeellotaa garuu isa gammachiisa.
9
Rabbi karaa hammeeyyi'ii hin jibba; worra balchummaa faanaa deeman garuu hin jaalata.
10
Nama karaa irraa dabu adabbii cima'atu isa eeggata; ka sirreeffama jibbu hin du'a.
11
Asaabninii fi adunyaan du'aa Rabbiin afo'otti ka ifa baye; garaan namaa isa afo'otti hagam beekkaminna!
12
Namni baldu sirreeffama jibba; ogeeyyiillee hin mari'achiisu.
13
Garaan gammade fuula namaa ibsa; gaddi gara'aa garuu yaada namaa cabsa.
14
Garaan hubataan beekkumsa barbaada; afaan gowwa'aa garuu gowwummaa alansha.
15
Namoonni gad qabaman barri isaanii maruu hammaata'a; garaan gammachu'uun guuttame garuu ayyaana qaba.
16
Wonti diqqoon sodaa Rabbiitiin argatan; qabeenna guddaa jeequmsa qabu caalti.
17
Bakka jaalalli jirutti shaanaa nyaachuun, bakka jibbansi jirutti cooma nyaachuu caala.
18
Namni biibbayu lola kakkaasa; namni obsu garuu lola qabbaneessa.
19
Karaan nama amshaagga'aa ka qore'een cufame; karaan qajeellotaa garuu karaa araataa ka haxaayame.
20
Ilmi ogeessi abbaa ufii gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha ufii tuffata.
21
Nama waa wol bira qabuun hanqatuun gowwumma'atu gammachiisa; namni hubataan garuu karaa qajeelaa deema.
22
Gorsi hanqate karoora faalleessa; gorsitoota hedduun garuu hin milkaaya.
23
Namni deebii ta'u kennu'uun gammachuu argata; deebiin henna'aan kenname akkam misha'a!
24
Akka gara asaabaa gad hin buune; nama ogeessa gara karaa jireennaa masakkiti.
25
Rabbi mana nama uf jajuu hin diiga; daangaa haadha hiyyeessaa garuu akka hin uggamne eega.
26
Rabbi yaada nama hama'aa hin jibba; yaanni qulqullootaa garuu isa gammachiisa.
27
Namni dondhi mana maatii ufiititti rakkoo fida; ka gabbarsuu jibbu garuu lubbu'uun jiraata.
28
Garaan nama balcha'aa deebii deebisu wol bira qaba; afaan nama hama'aa garuu hammeenna lolaasa.
29
Rabbi hammeeyyii irraa fago'o; kadhaa balchootaa garuu hin dhagaya.
30
Fuulli ifu garaa namaa gammachiisa; oduun mishaanillee lafee akka lalisu taasisa.
31
Ka gorsa jireenna kennu dhageeffatu ogeeyyii jidduu jiraata.
32
Namni gorsa tuffatu uf tuffata; ka sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.
33
Rabbiin sodaachuun ogummaa barachu'u; kasoomuun ulfinna dursiti.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31