bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 20
Proverbs 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 21 →
1
Daadhiin woyini'ii nama baldu; dhuddoon jabaan nama lolaa nama taasisa; worri kanaan dogoggore maruu ogeeyyi'ii miti.
2
Lolli mooti'ii akka leenca aaduuti; namni isa aarsu jireenna ufii rakkinnatti galcha.
3
Lola irraa fagaachuun namaaf ulfinna; garuu gowwaan maruu lolaaf jarjara.
4
Namni amshaaggu yero'oon hin qotatu; kanaafuu hennaa midhaan galfatan inni womaa hin argatu.
5
Yaanni garaa namaa akka bisaan qilee keessaati; nama hubatu calla'atu achi keessaa woraabee baasa.
6
Namni hedduu akka waan jaalala jabaa qabuu dubbata; nama amanamaa garuu eentu argachuu danda'a?
7
Balchaan jireenna mudaa hin qabne jiraata; ijoolleen isaa ka isaan maayessa dhufanillee eebbifamtoota.
8
Mootiin hennaa murti'iif teessoo ufii irra taa'u; ija ufiitiin hammeenna maraa filee adda baasa.
9
Sirima eennutu «Garaa kiyya qulqullinnaan eegeera; ani qulqullu'u; cubbuun na irra hin jiru» jedha?
10
Madaala bifa lamaa; safartuu bifa lamaa; lamaanuu Rabbi hin ceem'a.
11
Daa'imninuu waan godhuun qulqullu'uu fi qajeelaa ta'uu beekkama.
12
Gurra dhagayu; ija argu; lamaanuu Rabbitu isaan hojjate.
13
Hirriba hin jaalatin; ta'uu baannaan hin hiyyoomtaa; ija banadhu nyaata irraa hafaa qabaattaa.
14
Namni meeshaa bitu «Hin dabalu, hin dabalu» jedha'aa busheessa; yoo galu garuu akka itti biteen boona.
15
Worqiin hin jira; wonti gatii gudda'aa diimaan guuteera; arrabni beekkumsaan dubbatu garuu faaya hin argamne.
16
Nama nama hin beennee wobii ta'e uffata isaa irraa mulqi; nama dubartii yaantare'ee wobii ta'e jecha isaatiin isa qabi.
17
Nama nyaanni inni sobaan argate itti mi'aaya; dhuma irratti garuu akka hargiisaa itti ta'a.
18
Gorsa gaafadhuu karoora baasi; yoo ka lolaaf duultu ta'e qajeelfama fudhadhu.
19
Namni nama hamatu dhossaa baasa; kanaafuu nama oduu guddisu uf irraa fageessi.
20
Namni abba'aa fi haadha ufii arrabsu ifni isaa dukkana jaamii keessatti dhaama.
21
Qabeenni jalqaba irratti dafee dhufu; dhuma irratti eebba hin qabu.
22
Namni yoo si miidhe «Deebi'ee haluu baya» hin jedhin; Rabbiin eeggadhu inni si oolchaa.
23
Bikkituu bifa lamaa Rabbi hin ceem'a; madaalli sobaa hin jaalatamu.
24
Deemsa namaa Rabbitu qajeelcha; namni karaa ufii attamitti hubatuu danda'a?
25
Jarjaranii woreega woreeguun; haga woreeganiin maayessa gaabbuun namaaf siibo'o.
26
Mootiin ogeessi hammeeyyii filee adda baasa; dhiifama malee isaan adaba.
27
Hafuurri namaa ibsaa Rabbiiti; eennummaa keessa namaallee qoree laala.
28
Jaalaltinii fi amanamummaan mootii eegan; jaalalaan teessoon isaa jabaatee dhaabata.
29
Jabeenni ulfinna dargaggeeyyi'iiti; arriin ulfinna manguddootaati.
30
Uleen nama madeessu hammeenna balleessa; dhaanuun keessa namaa qulqulleessa.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31