bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 10
Proverbs 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 11 →
1
Mammaakkan Solomoonii; ilmi ogeessi abbaa ufii gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha gaddisiisa.
2
Qabeenni karaa malee argame hin fayyadu; balchummaan garuu du'a nama oolcha.
3
Rabbi balchaa akka beelayu hin taasisu; hawwii hammeeyyi'ii garuu hin gachisiisa.
4
Harki amshaaggu nama hiyyoomsa; harki cimaan garuu durummaa fida.
5
Harki bonaan midhaan wolitti qabatu ka ilma ogeessaati; ka hennaa midhaan galfatan ciisu garuu salphinnatu faana deema.
6
Eebbi mataa balchootaa irra; balaan garuu afaan hammeeyyi'ii cufa.
7
Yaadannoon balchootaa eebba; maqaan worra hammeeyyi'ii garuu akkuma badetti hafa.
8
Namni gara'aan ogeessaa ajaja fudhata; gowwaan oduu guddisu garuu gara badi'ii deema.
9
Namni haqaa sodaa malee deema; ka karaa micciiramaa irra deemu garuu hin saaxilama.
10
Namni ija hammeennaatiin nama dhayu gadda fida; gowwaan oduu guddisu gara badi'ii deema.
11
Arrabni balcha'aa burqaa jireennaati; balaan garuu afaan hammeeyyi'ii cufa.
12
Jibbi lola kakkaasa; jaalalti garuu dogoggora maraa dhossiti.
13
Ogummaan afaan nama waa hubatuu keessatti argamti; uleen garuu dudda nama madaalliin isaa dhidhu'uutiif.
14
Ogeeyyiin beekkumsa kuufatan; afaan gowwa'aa garuu badii waama.
15
Qabeenni dureeyyi'ii isaaniif akka qachaa dallaya dhaga'aati; hiyyummaan garuu badii hiyyeeyyi'iiti.
16
Mindaan balchootaa jireenna argamsiifti; bu'aan hammeeyyi'ii garuu adabbii isaanitti fiddi.
17
Namni dammaqee gorsa eeggatu karaa jireennaa mudhisa; ka sirreeffama hin fudhanne garuu kaawwan gara dogoggoraa oofa.
18
Ka jibba dhoffatu nama arraba sobaa qabu; ka hama facaasu maruu gowwa'a.
19
Dubbii hedduu keessa cubbuun hin dhabamu; ka afaan ufii eeggatu garuu ogeessa.
20
Afaan balcha'aa akka meettii baffameeti; yaanni nama hama'aa garuu gatii hin qabu.
21
Arrabni balchootaa namniin hedduu ijaara; gowwoonni garuu dhidhinna waa bikkuu dhabu'uutiin du'an.
22
Eebbi Rabbii durummaa fiddi; inni rakkinna isi'itti hin eda'u.
23
Namni gowwaan hujii hama'atti gammada; namni hubataan garuu ogumma'atti gammada.
24
Nama hamaa waan sodaatetu irra gaya; balchaa waan inni hawwetu raawwatamaaf.
25
Yoo haboonbolattiin ka'u hammeeyyiin haxaayamanii fudhataman; balchoonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatan.
26
Akkuma dhangaggaayaan ilkaan, aarri ija miidhu, amshaaggaanillee ka isa erguuf akkasuma.
27
Rabbiin sodaachuun umurii namaa dheeressa; umuriin hammeeyyi'ii garuu gabaabamatti citti.
28
Abdiin balchootaa gammachu'u; abdiin hammeeyyi'ii garuu duwwaa ta'ee hafa.
29
Karaan Rabbii balchootaa irkoo; worra hamaa hojjataniif garuu badi'i.
30
Balchoonni sirima hin buqqa'an; hammeeyyiin garuu lafa irra hin jiraatan.
31
Arrabni balchootaa ogummaa burqisiisa; arrabni micciiramaan garuu hin murama.
32
Arrabni worra balcha'aa waan ta'u beeka. afaan worra hammeeyyi'ii garuu micciirama callaa beeka.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31