bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 21
Proverbs 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 22 →
1
Garaan mooti'ii Rabbiin harka jira; inni akka bisaan boyii keessaa gara ufii fedhe isa masakka.
2
Namatti karaan inni deemu maruu qajeelaa itti fakkaata; Rabbi garuu yaada namaa madaala.
3
Ciincaa caalaa balchumma'aa fi haqa raawwachuun; Rabbiin biratti fudhatama qaba.
4
Uf jajuun; garaan boonu; hujiin hammeeyyi'iillee cubbu'u.
5
Karoorri nama jabaatee hojjatuu gara bu'a'aa qajeelcha; jarjarri gara hiyyumma'aa nama geessa.
6
Qabeenni arraba soba dubbatuun argame; akka aara bittinnaayee baduutii fi akka siiboo du'aaf geessuuti.
7
Hammeeyyii diddaa isaaniititu isaan haxaaya; waan qajeelaa godhuu waan hin jaalanneef.
8
Karaan yakkama'aa micciirama'a; amalli nama qulqullu'uu garuu qajeela'a.
9
Haadha manaa nyakkiftuu woliin mana tokko keessa jiraatu'uu mannaa; ginnoo manaa irra ol bayanii qaccee irra jiraachuu woyya.
10
Namni hamaan jabeessee hammeenna hawwa; hiriyyaan isaa isa biraa gara laafummaa hin argatu.
11
Namni baldu yoo adabamu; wollaalaan ogummaa bu'aa buufata; ogeessi yoo barate beekkumsa argata.
12
Balchaan mana hammeeyyi'ii xiinxallee laala; hammeeyyii hin balleessa.
13
Namni iyya hiyyeeyyi'ii dhagayuu didu'uuf yoo gurra cufate; innillee hin iyya; deebiillee hin argatu.
14
Kennaan dhossa'aa kennan aarii qabbaneessa; gabbarsuun dhossa'aan harka keessa kaayan aarii guddaa qabbaneessa.
15
Handhi yoo lafa qabate qajeelaa gammachiisa; worra hammeenna hojjatan garuu hin shibbireessa.
16
Namni karaa qajeelaa dogoggoru; gumii worra du'anii keessa bu'a.
17
Namni qananii jaalatu hin hiyyooma; namni daadhii woyini'iitii fi dhadhaa jaalatu hin duroomu.
18
Namni hamaan qajeela'aaf namni hin amanamne farra nama qajeela'aa ta'a.
19
Haadha manaa nyakkiftu'uu fi ta loltu woliin jiraachu'uu mannaa; gammoojji'ii keessa jiraachuu woyya.
20
Mana nama ogeessaa keessa nyaataa fi dhadhaa filatama'atu kuufamee argama; namni gowwaan garuu waan qabuu fi waan hin qabnellee manaa haxaaya.
21
Namni balchumma'aa fi jaalala hordofu, jireenna, durumma'aa fi ulfinna argata.
22
Ogeessi dallaya qachaa worra jajjaba'aa cabsee seena; maandhee isaan hedatanillee hin diiga.
23
Namni afaanii fi arraba ufii tooyatu, balaa irraa uf eega.
24
Namni uf jajuu fi boonu «Baldaa» jedhama; inni kooraan guuttameera.
25
Hirri'aa hawwi'itu ajjeesa; waan harki isaa hujii jibbuuf.
26
Namni hamaan guyyaa guutuu luquna; balchaan garuu uduu womaa hin hambifne kenna.
27
Ciincaan nama hama'aa ceem'isiisa'a; yoo karoora hama'aan dhiyeesse hagam jibbisiisa!
28
Ragaan sobaa hin bada; ka dhugaa dubbatu garuu jabaatee jiraata.
29
Namni hamaan ugga hin taaneen dhiyaata; namni qajeelaan garuu waan godhu hubata.
30
Ogummaan, hubannaanii fi karoorri; Rabbiin dhoogguu danda'an hin jiru.
31
Fardi guyyaa lolaatiif qophaaya; mooyachuun garuu Rabbiin.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31