bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 26
Proverbs 26
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 27 →
1
Akkuma baradaan hennaa bonaa; akkuma roobni hennaa haama'aa hin barbaachifne; akkasuma gowwa'aaf ulfinni hin barbaachisu.
2
Abaarsi akkanumaan nama abaaran; akkuma simbira asii fi achi barartuuti malee nama tokkollee hin miidhu.
3
Akkuma shabbeenni fardaaf; akkuchaan harre'eef barbaachisu; uleen dudda gowwa'aatiif hin barbaachisa.
4
Gowwa'aa akka gowwummaa isaatitti hin deebisiniif; yookaan atillee akkuma isaa taataa.
5
Gowwaan akka ogeessa uf hin seene akkuma gowwummaa isaatitti deebisiif.
6
Gowwa'aan ergaa erguun akka waan luka ufii muru'uu yookaan rakkinna ufitti fidu'uuti.
7
Mammaanni gowwaan mammaaku akka luka naafatee rarra'uuti.
8
Gowwa'aa ulfinna kennuun akka dhagaa furaanfurrisatti hidhu'uuti.
9
Mammaanni wollaalaan mammaaku akka qoree harka machaaya'aa jirtuuti.
10
Namni nama gowwaa yookaan nama karaa deemu qaxaru; akka nama arfii ebo'oo akkuma arge darbatee woma arge madeessuuti.
11
Akkuma sareen diddiga ufiititti deebitu; gowwaan gowwummaa ufii irra deddeebi'a.
12
Nama akka ogeessaatitti uf laalu argiteertaa? gowwaan isa caalaa abdii qaba.
13
Amshaaggaan, «leenci karaa irra jira; leenci sodaachisu karaa irra deema'aara» jedha.
14
Akkuma cufanaan qasatoo irra naannayu; akkasuma amshaaggaanillee siree ufii irra gara gaggala.
15
Amshaaggaan harka ufii qorii keessa kaaya; garuu garuma afaaniituu fiduu hin dadhaba.
16
Amshaaggaan namoota torbaa ka hubanna'aan deebii deebisan caalaa ogeessa uf seeya.
17
Kara deemtuun lola nama biraa keessa seenu akka nama gurra sare'ee qabeeti.
18
Akkuma maraataan arraba ibiddaatii fi arfii ebo'oo namaan darbatu;
19
Namni nama gowwoomsee, «Lakki ani hin taphadhee» jedhullee akkasuma.
20
Yoo qoraan hin jirre ibiddi hin dhaama; hulee namni kijibu hin jirretti lolli hin dhaabata.
21
Akkuma cileen barbadaa; akkuma qoraaniillee ibidda qabsiisu akkasuma namni dubbii tuttuqu lola guddisa.
22
Dubbiin hamattichaa akka nyaata mi'aayuuti; garaa namaa keessa seenee gara madhumaaniillee gad bu'a.
23
Namni hammeenna gara'atti qabatee afaaniin dubbii mishaa qaaqu; akka meeshaa faaraa ka meeti'iin uwwisaniiti.
24
Dhartichi afaaniin soba; gara'atti garuu hamtuu yaada.
25
Dubbiin isaa yoo sitti tolellee isa hin amanin; battummaa torbatu garaa isaa guuteeraa.
26
Dharti isaa soba isaatiin dhokachuu danda'a; hammeenni isaa garuu gumii keessatti mudhata.
27
Ka boolla qotu ufumaa itti kufa; ka dhagaa gangalchu isumatti gara gala.
28
Arrabni kijibu kama ufii miidhe jibba; afaan sobullee badii fida.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31