bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 11
Proverbs 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 12 →
1
Rabbi madaala sobaa hin jibba; safartuun sirri'ii garuu isa gammachiisa.
2
Uf jajuun yoo dhuftu salphinnillee duukaa deemti; ogummaan garuu nama kasoo biratti argamti.
3
Qajeellota sirrii ta'uun isaanii isaan masakkiti; worri sobu garuu soba ufiitiin badan.
4
Guyyaa dheekkamsaa qabeenni faayidaa hin qabu; balchummaan garuu du'a oolchiti.
5
Namoota mudaa hin qabne balchummaan isaanii karaa isaanii qajeelchiti; hammeeyyiin garuu hammeenna ufiitiin kufan.
6
Qajeellota balchummaa isaaniititu isaan oolcha; worri sobu garuu hawwuu hammeenna ufiitiin badan.
7
Namni hamaan yoo du'u abdiin isaa duwwaa taati; ka hunna isaa hedatu maruu akka hin jirree ta'a.
8
Balchaan rakkoo jalaa oola; rakkoon caala'atti hamaa irra gaya.
9
Namni hamaan hiriyyaa ufii afaanuma ufiitiin balleessa; balchoonni garuu beekkumsaan jalaa bayan.
10
Balchootaa yoo tolu qacha'atu gammada; hammeeyyiin yoo badan hin ililfatama.
11
Eebba balchootaatiin qachaan ol guddatti; arraba hammeeyyi'iitiin garuu hin baddi.
12
Namni madaala dhidhu'uu hiriyyaa ufii diqqeessa, namni hubatu garuu arraba ufii tooyata.
13
Namni hamatu dhossaa hin eegu; amanamaan garuu dhossaa eega.
14
Dhidhinna masakku'uutiin mootummaan hin kufa; baay'inna worra gorsuutiin garuu mootee mirkaneeffata.
15
Namni nama hin beennee wobii ta'u rakko'otu isa irra gaya; nama wobii ta'u'uuf harka hin dhoofne garuu womaa irra hin gayan.
16
Dubartiin garaa laaftu ulfinna argatti; worri hunnaan namatti ka'an garuu durummaa callaa argatan.
17
Namni mishaan uf fayyada; garjabeessi garuu rakkoo ufitti fida.
18
Nama hamaa hujiin isaa bu'aa hin qabu; ka balchummaa facaasu garuu gatii amansiisaa argata.
19
Balchaan dhuga'aa jireenna argata; ka hammeenna duukaa bu'u garuu gara du'a ufii deema.
20
Rabbi worra onnee micciirama'aa hin jibba; namoota karaa ufiititti mudaa hin qabnetti garuu hin gammada.
21
Hamaan uduu hin adabamne akka hin hafne beeki; balchoonni garuu nagayaan jiraatan.
22
Akkuma qubee worqi'ii ka funyaan booyye'eetitti godhaniititti; dubartiin bareeddu ta hubannaa hin qabnellee akkasuma.
23
Hawwiin worra balcha'aa hennaa maraa dhumti isaa bareeda'a; abdiin hammeeyyi'ii garuu lolaan dhumata.
24
Tokko arjumma'aan kenna; kennullee caalaa argata; kuun hagaa ol dodhooma; garuu hin hiyyooma.
25
Ka kennu hin durooma; ka kaawwan dheebuu baasu ufii dheebuu baya.
26
Banii dhossa'atti midhaan kuusu hin abaara; ka baasee gurguru garuu eebba argata.
27
Ka waan mishaa jabaatee barbaadu waan misha'atu isa eeggata; ka waan hamaa barbaadu garuu hama'atu isa argata.
28
Ka qabeenna ufii hedatu maruu hin kufa; worri balchaan garuu akka baala magariisaatitti lalisan.
29
Namni maatii ufii jeequ qilleensa dhaala; namni gowwaan garuu ogeessaa garbicha ta'a.
30
Daraaraan balcha'aa muka jireennaati; namni barsiisee lubbuu namaa deebisu ogeessa.
31
Worri balchaan hujii lafa irratti hojjataniif gatii harka ufii ka argatan yoo ta'e, ka worra hammeeyyi'iitii fi ka worra cubbamtootaa hagam caalinna laata?
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31