bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Proverbs 27
Proverbs 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 28 →
1
Waan guyyaan fidu waan hin beenneef waan boru ta'uun hin dhaadatin.
2
Namni si haa jajuu malee ati ufii uf hin jajin; namni biraa si haa jajuu malee afaan keetiin uf hin jajin.
3
Dhagaan hin ulfaata; xidhachillee ba'a'a; tuttuqqiin gowwa'aa garuu kanniin caalaa ulfaata.
4
Aariin garjabeenna; lolli akka lola'aati; garuu eentu hinaaffaa afoo dhaabatuu danda'a?
5
Jaalala dhossa'aa caalaa; dheekkamsa mudhate woyya.
6
Dhungoo diinni deddeebi'ee dhungatu caalaa; madeessaa jaalallo'ootitu amanama.
7
Ka quufetti dammi hin mi'aayu; ka beelayetti garuu hadhaayaanuu hin mi'aaya.
8
Namni mana ufiitii bayee yaantaru akka simbira maandhee ufiitii baatee yaantartuuti.
9
Urgooftuunii fi hixaanni nama gammachiisan; gammachiisuun jaalallo'oollee gorsa isaa qajeelaa irraa dhufa.
10
Jaalalloo keetii fi jaalalloo abbeetii hin dhiisin; hennaa rakkoon si irra gayu gara mana obboleessa keetii hin dhaqin; obboleessa fagoo jiruu mannaa ollaa dhiyoo jiru woyya.
11
Ilma kiyya! ogeessa ta'i; garaa na gammachiisi; worra na tuffatan maraafuu akka deebii kennuu danda'u.
12
Namni uf eeggatu balaa argee dhokata; ka hubannaan hanqateef garuu dhaqee itti miidhama.
13
Nama nama hin beekkamneef wobii ta'e irraa qabdii fudhadhu; haga waan namni hin beekkamne sun fudhate deebisutti uffata san qabadhu.
14
Namni uduu hin bariine laagaa ufii ol qabatee hiriyyaa ufii eebbise; akka waan hiriyyaa ufii bararraasseetitti laallama.
15
Haati manaa nyakkiftuun akka kishisha roobaa ka hin caamneeti.
16
Isii ittisu'uuf badaduun, akka waan qilleensa ittisu'uu yookaan akka nama dhadhaa baqe cum'uuti.
17
Akkuma sibiilli sibiila qaru, namnillee akkasuma nama biraa qara.
18
Ka muka hurbu'uu kunuunsu daraaraa isi'ii nyaata; ka gooftaa ufiitii hojjatu ulfinna argata.
19
Akkuma bisaan fuula namaa mudhisu yaanni namaallee eennummaa namaa mudhisa.
20
Akkuma huleen worri du'e jiruu fi asaabni hin quufne; ijji namaallee laaltee hin quuftu.
21
Akkuma meeti'ii fi worqiin ibiddaan qoramu; akkasuma namnillee galata fudhatuun qorama.
22
Gowwaa akka midhaanii yoo mooyye'etti tumtellee; gowwummaa isa keessaa baasuu hin dandeettu.
23
Hoolota tee haala kamiin keessa akka jiran sirri'itti beeki; gobbuu keellee kunuunsi.
24
Durummaan bara haga bara baraa waan hin jiraanneef; gulloonillee dhalootaa gara dhalootaa hin darbu.
25
Hennaa margi gogaan badee haarofni biqilu; margi tulloota irra jiru wolitti qabamee hennaa dhufu;
26
korbeeyyii hoolotaa irraa uffata argatta; re'iinillee waan lafa qonnaa ittiin bitattu sii ta'an.
27
Aannan re'e'ee ka sii fi maatii keetiif ta'u; ka ollaa keetiifillee gayu qabaatta.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31