bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 1
Deuteronomy 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 2 →
1
Jechi Muuseen gama Yoordaanosiititti lafa gammoojjii Arabaa keessatti galaana diimaa afoo, Faaraan, Xoofeeliim, Laabaa, Hatseerootii fi Dizahaabiim jidduu uduu jiran ijoollee Israa'elii marattuu hime kana.
2
Karaa gaara Seeyiriitiin Kooreebiin irraa haga Barnee qaadeesii deemsa guyyaa kudha tokkooti.
3
Haga biyya Misirii gad dhiisanii bayaniin maayessa woggaa afurtameesso'oo ji'a jalqabaatitti Muuseen mootii Seewoonii ka Hasebooniin keessa taa'aa ture, Mootii Amoorotaa Seewooniin, ka Astaarootii fi Ediraayiin keessa taa'aa ture mootii Baasaanii Aagiin haga dhayeen maayessa waan Rabbi waan isaanii isa ajaje maraa ijoollee Israa'eliititti hime;
5
Yoordaanosiin gara baya biiftu'uutitti worra Moo'aabii keessatti Muuseen seera kana akkana jedhee himuu jalqabe.
6
«Rabbi Waandhi keenna Kooreebitti akkana jedhee nutti dubbate; ‹worri gaara kana irra jiraattan amma isin gayee deebi'aatii
7
gara lafa gaaraa, gara biyya Amoorotaatii fi daangaa isaanii maraa, gara lafa Arabaa, gara lafa badda'aa, gara lafa Arabaa, gara lafa gammoojji'ii, gara galaana gara bita'aatiin jiruu gara lafa Kana'aanii, gara Libaanosii haga laga guddaa Efraaxisii deemaa'a.
8
Lafti ani Rabbi abboota teessan Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii worra fiixaa isaanii maraafuu hin kenna jedhee kakadhe isin afoo jirtii dhaqa'aatii dhaalaa'a› »
9
Bara san Muuseen bani'iin akkana jedhe, «Ani hojja kiyya isin baadhachuu hin danda'u.
10
Rabbi Waandhi keessan guddisee isin baay'iseera; kunoo adha isin akka urjii Samii irraa guddattaniirtan.
11
Rabbi abboota keessanii fi laakkobsa keessan kana irratti guddisee ka biraa hennaa kumaa caalaa haa eda'u; akkuma isinitti hime isin haa eebbisu!
12
Ani hojja kiyya dadhabbii keessan, ba'aa keessanii fi mormii keessan attamitti baadhadhee danda'a?
13
Isin gosa keessan keessaa worra ogeeyyii, worra waa hubatanii fi namoota waa beekan filaa'a; ani garuu bulchaa keessan isaan taasisaa.
14
Isinillee, ‹Wonti akka goonuuf nutti himte kun waan misha'a› jettanii naa deebiftan.
15
Anillee worra beettota, namoota waa beekan, bulchoota gosa keessan keessaa isinii filee isaan isin irratti bulchoota, worra loltuu kumaa ajaju, worra loltuu dhibbaa ajaju, worra loltuu shantamaa ajaju, worra loltuu kudhanii ajajuu fi worra isin bulchu gosa gosaan isinii file.
16
«Hennaa san, ‹waan obboleeyyan keessanii dhagayaa'a; namaa fi obboleessa isaa nama isaanitti galee isaan woliin jiraatu jiddu'utti dhugaa murteessaa'a.
17
Yoo murtii murteessitan nama wol hin caalchisinaa'a; akkuma nama guddaa jalaa dhageettan nama diqqaa jalaallee dhagayaa'a; murtiin ka Rabbii waan ta'eef nama hin sodaatinaa'a waan dubbattan keessaa wonti isinitti ulfaate yoo jiraate gara kiyya fidaa'a; ani isinii dhagayaa› jedhee worra murti'ii keessan ajaje.
18
Hennaa san waan isin gootan maraa isin ajaje.
19
«Nullee waan Rabbiin Waandhi keenna nuun jedhe maraa goone; gaara Siina'aatii kaanee gara gaara biyya Amoorotaa fidu gammoojjii keessaan Barnee Qaadesii geenne.
20
Anillee akkana isiniin jedhe, ‹Isin gara lafa Rabbi nuu kennuu ta biyya worra Amoorotaa dhuftaniirtan;
21
Kunoo Rabbi Waandhi kee lafa afoo kee kaayeeraa; akkuma Rabbi Waandhi abboota teessaniin jedhe dhaqii dhaali; hin sodaatin, hin nayin› isiniin jedhe.
22
Isin gara kiyya dhuftanii namoota dhaqanii lafa san gaadan ka karaan akka qajeelaa ta'ee fi akka hin taane laalanii achi nu geessan; worra qachaa san qoratan nu afoo ergi› naan jettan.
23
«Wonti sun guddisee na gammachiifnaan isin keessaa namoota kudha lamaa gosa maraa keessaa tokko tokko isinii file.
24
Isaanillee dhaqanii gaara gubbaa bayan; gara dhooqa Eshkoolii dhufanii lafa san daaw'atan.
25
Lafattii san irraa sanyii fuudhanii qabatanii dhufaniinii lafti Rabbi Waandhi keenna nuu kennu tana jedhanii nutti himan.
26
«Garuu isin ajaja Rabbii diddan; lafa sanittillee hin galle.
27
Daasee wol gayi'ii keessan keessatti akkana jettanii gungumtan ‹Rabbi waan nu jibbeef nu balleessu'uuf harka worra Amoorotaatitti dabarsee nu kennu'uuf biyya Misiriitii nu baase;
28
eessa baana; eessa dhandha? baniin baay'e'e, hojjaan isaanii nu caala, qachoonni isaanii gugurdaa Samii gawu ka dhaga'aan kalame; akkasuma ijoollee Eenaaqiillee achitti argine jedhanii obboleewwan keenna nu sodaachisanii garaa nu balleessan.
29
«Ani garuu ‹Hin nayinaa'a, hin sodaatinaa'a.
30
Rabbi Waandhi keessan ka isin afoo deemu akkuma isin hennaa biyya Misiriitii fi lafa gammoojji'ii keessatti waan mishaa mara isinii godhe ammallee isinii lola.
31
Haga hulee tanatti deebitanii galtanitti karaa deemtan marattuu akkuma namni finna ufii baadhatu ati akka Rabbi Waandhi kee si baadhate argiteertaa.
32
Kunillee ta'ee garuu hulee itti quphachu'uuf isinii ta'u isinii barbaadu'uuf karaa deemuun isin barbaachisullee akka isinitti mudhisu halkan ibiddaan, guyyaa duumessaan Rabbii Waaqa keessan ka isin afoo deema'aa ture waan kanaan hin amanneen.
34
«Rabbi jecha keessan dhagayee dheekkamee kakate;
35
‹lafa michuu abboota isaaniitii hin kenna› jedhee waadaa gale namoota hammeeyyii kanniin keessaa namni tokkollee lafa tana hin argu;
36
ilma Yoofoonii Kaaleebiin malee; inni ammo hin arga; inni waan guddisee Rabbiin duukaa bu'eef, lafa inni ijjate isaa fi ijoollee isaatii kenna›
37
Rabbi akkasuma sababaa keessaniif akkana jedhee natti dheekkame; ‹Muusee; atillee achi hin galtu;
38
ilma Nawwe'ee Iyyaasuu isin afoo dhaabatutu itti gala; inni waan lafa san ijoollee Israa'elii dhaalchisuuf jajjabeessi›
39
«Achiin maayessa Rabbi nu maraanuu ‹Ijoolleen teessan ta isin diinaan booji'amti jettan ta bada'aa fi mishaa addaan baasanii hin beenne calla'atu gara lafa sanii gala; lafattii isaanii kenna.
40
Isin garuu deebi'a'aatii karaa galaana diimaa biraan gara lafa gammoojji'ii fidu saniin deemaa'a›
41
«Isinillee, ‹Nu'u Rabbiin yakkineerra; akkuma Rabbi Waandhi keenna nuun jedhe baanee lolla jettanii akkuma salpha'atti lolaaf qophooftan; namni keessan maruu woraana harkatti qabatee gara biyya gaaraa san bayuu jibbe.
42
«Rabbi garuu, ‹Ani isin woliin hin jiru; diina keessan harkatti akka hin kufne baatanii hin lolinaa'a› jedhiin naan jedhe.
43
Ani isinitti hime; isin garuu ajaja Rabbii diddan malee na hin dhageenne; uf jajuu keessaniin gara biyya gaaraa duultan.
44
Biyya gaaraa san irratti worri Amoorotaa dhufanii isiniin lolanii akkuma duula kinniisaatitti isin ari'anii Seeyiriin irraa haga Heermaamii isin dhayan.
45
Deebitanii Rabbiin Waaqa afo'otti boottan; Rabbi garuu laagaa booyichaa keessan dhagayee gara keessan hin deebine.
46
Kanaafuu biyya Qaadeesii keessa guyyaa baay'ee jiraattan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34