bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 5
Deuteronomy 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 6 →
1
Muuseen banii Israa'elii maraa waamee akkana isaaniin jedhe, «Isin banii Israa'elii seeraa fi murtii ani adha isinitti himu maraa akka barattan akka eeddan na dhagayaa'a.
2
Rabbi Waandhi keenna gaara Kooreebiititti waadaa nuu gale;
3
Rabbi nu'u worra adha lubbu'uun jirru malee abboota teennaaf waadaa kana hin galle.
4
Rabbi gaara irratti ibidda keessa ta'ee addaataa isinitti dubbate;
5
ani hennaa san jecha Rabbii isinitti himu'uuf isinii fi Rabbiin jidduu dhaabadhee ture; waan isin ibidda sodaattanii gaara gubbaa hin baaneef innillee akkana jedhe.
6
‹Rabbiin biyya Misirii mana garbumma'aa keessaa isin baase ana.
7
«Ana malee Rabbii biraa hin waaqeffatinaa'a.
8
«Fakkeenna waan fakii gara garaa irraa bocamee, fakkeenna waan Samii gubbaa jiruu, fakkeenna waan lafa irra jiruutii fi fakkeenna waan bisaan keessa jiruu ufiif hin hojjatin;
9
Worra na jibban dhaloota sadihii haga dhaloota afurii cubbuu abboota isaanii ijoollee isaanii irratti ka fidu;
10
worra ana jaalatanii seera kiyya eegan garuu haga dhaloota kuma tokkootitti ka araara fidu ana Rabbii Waaqa kee ka hinaafu waan ta'eef isaanii hin sagadin; hin waaqeffatinille'e.
11
«Maqaa Rabbii Waaqa keetii duwwa'atti hin waamin; Rabbi nama maqaa isaa duwwa'atti waamu yakka isaa waan isa irraa hin qulqulleessineef.
12
«‹Akkuma Rabbi Waandhi kee si ajaje guyyaa Sambataa eegi; woyyoomsi;
13
guyyaa jahaa hujii kee maraa hojjadhu;
14
guyyaan torbeesso'oo garuu Sambata Rabbii Waaqa keetiiti; akkuma ati hara baafattu hojjattoonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, hojjata'aa fi hojjattuun tee, sangaan, harreen, horiin kee maruu, keessummaan kee ka si bira jiru guyyaa Sambataatitti womaa hin hojjatinaa'a.
15
Ati biyya Misiriititti akka garbicha turte yaadi; Rabbi Waandhi kee irree jaba'aa fi hunna jaba'aan achii si baase; kanaaf guyyaa Sambataa akka eedduuf Rabbi si ajaje.
16
«‹Akkuma Rabbi Waandhi kee si ajaje akka umuriin kee lafa irratti sii dheeratu, akka wonti mishaan sii qajeelu, abba'aa fi haadha tee kabajji.
17
«‹Hin ajjeesin;
18
«‹Hin seebarin;
19
«‹Hin hatin;
20
«‹Nama kamiin irratti sobaan hin rageessin.
21
«‹Haadha manaa ta nama biraa hin laalin; mana nama kamiituu, lafa isaa, hojjata'aa fi hojjattuu isaa, sangaa isaa, harree isaa, qabeenna isaa maraa woma kamuu hin kajeelin.
22
«Rabbi gaara irratti ibidda, duumessaa fi dukkana keessa ta'ee laagaa gudda'aan cimsee jechoota kanniin banii keessan marattuu hime womaa itti hin edaane; dhagaa baxxee lamaan irrattuu barreessee naa kenne.
23
«Hennaa gaarri ibiddaan bobawu hennaa dukkana keessatti laagaa isaa dhageettan isin bulchoonni gosaa,
24
jaarsonni biyya keessaniillee gara kiyya dhuftanii akkana naan jettan, ‹Rabbi Waandhi keenna kabajja'aa fi guddinna ufii nutti mudhiseera; ibidda keessaanillee laagaa isaa dhageenneerra; yoo Rabbi Waandhi nama woliin dubbatu namni inni woliin dubbatu sunillee yoo lubbu'uun jiraatu adha argineerra.
25
Eeganaa amma ibidda guddaa kanaan gubannee maaf duuna? nu amma deebinee laagaa Rabbii Waaqa keennaa yoo dhageenne hin duuna.
26
Nama foon uffate maraa keessaa akka keenna laagaa Rabbii Waaqa jiraataa keennaa ka ibidda keessaan dubbatu dhagayee ka lubbu'uun jiraate eennu?
27
Kanaafuu ati gara isaa dhiyaadhuu waan Rabbi Waandhi siin jedhu dhagayi; waan inni siin jedhe maraa koottuu nutti himi nullee dhageennee raawwannaa.
28
«Hennaa isin waan kana natti himtan Rabbi waan isin naan jettan dhagayee akkana naan jedhe ‹Jecha baniin kun laagaa gudda'aan sitti hime dhagayeera; wonti isaan siin jedhan maruu waan misha'a;
29
isaanii fi ijoollee isaaniitii fi wonti mishaan baraa haga bara baraa akka isaanii qajeelu, akka na sodaatan hennaa maraa ajaja kiyya akka eegan qalbii akkanaa kana uduu qabaatanii maal ta'a?
30
Ati amma dhaqiitii isaaniin, ‹Gara daasee keessanii deebi'aa'a› jedhiin.
31
Ati garuu asuma na bira dhaabadhu; ajajaa fi murtii isaan barsiiftee lafa ani isaanii kenne irratti eegan maraa sitti himaa›
32
«Kanaafuu waan Rabbi Waandhi keessan isin ajaje raawwadhaa'a; isa irraa bita'aa fi mirga hin gorinaa'a;
33
akka lubbu'uun jiraattan, akka wonti mishaan isinii ta'u lafa dhaaltan irratti umuriin keessan akka dheeratu karama Rabbi Waandhi keessan isin ajajeen deemaa'a.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34