bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 22
Deuteronomy 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 23 →
1
«Sangaa yookaan hoolaa obboleessa keetii ka bade yoo argite cadhiftee bira hin lufin;
2
obboleessi kee yoo dhiyoo hin jiraanne, yookaan yoo abbaa horii sanii hin beennee ooftee gara qe'ee keetii galtaan; haga namni horiin jalaa bade sun dhufuu sima bira taa'a; yoo inni dhufe hin deebiftaaf;
3
harreenii fi uffanni isaa yoo jalaa bade nama gosa Israa'elii maraafuu akkasuma goota; hin cadhisinille'e;
4
«Sangaan yookaan harreen obboleessa keetii karaa keessatti ka kufe yoo argite abbama hori'ii san woliin lafaa kaasi, cadhiftee bira hin lufin.
5
«Intalti uffata dhiiraa hin uffatin, dhiirtillee uffata intalaa hin uffatin; namni waan kana godhu Rabbii Waaqa kee biratti jibbamaa waan ta'eef.
6
«Yoo imala deemtu muka yookaan karaa irratti maandhee simbiraa ta simbirti ilmoolee ufii ammattu yookaan kallee ufii irra teettu yoo argite haadha isi'ii ilmoolee isi'ii woliin hin fudhatin;
7
garuu akka wonti mishaan sii ta'u akka umuriin kee sii dheeratu haadha gad dhiisiitii ilmoolee isi'ii fudhu.
8
«Hennaa mana haarawa ijaartu eennullee isa irraa kufee dhiinni mana kee irra akka hin taane naannaya ginnoo keetii irratti qabdoo itti tolchi.
9
«Biqiltuu kee ka woyini'ii keessatti sanyii bifa lamaa hin facaasin; yoo facaafte garuu woyini'ii fi sanyii biraatittillee fayyadamuu hin dandeettu.
10
«Sanga'aa fi harree wolitti xamaddee hin qotiniin.
11
«Uffata talba'aa fi rifeensa hoola'aatiin hojjatame hin uffatin.
12
«Uffata uffattu gara arfanittuu handaara itti godhi.
13
«Eennullee durba fuudhee haga bira gayen maayessa jibbee
14
waan hamaa yoo dubbate, ‹ani isii fuudhee haadha mana taasifadhe; hennaa isii bira gaye durbummaa hin qabdu› jedhee sobaan yoo maqaa isii balleesse
15
Abbaanii fi haati mucattii sanii malkata durbummaa isi'ii fuudhanii hulee jaarsonni jiranitti haa fidanii;
16
abbaan mucatti'ii jaarsotaan, ‹Ani mucattii tana isatti heerumsiise, inni garuu hin jibbe;
17
mucaan garuu deebisee abbaa mucatti'iitiin, ‹ani mucattii tee irratti durbummaa hin argine› jedhee jecha sobaa yoo dubbate, abbaan mucatti'ii garuu malkanni mucattii tiyyaa kunooti!› isaaniin jedhee malkata shaashii irraa isaanitti mudhisa;
18
jaarsonni qachattii sanii mucaa san qabanii tuma'aan haa adabanii.
19
Durba Israa'elii maqaa waan balleesseef birrii saqilii dhibbaa abbaa mucatti'iitii haa kaffalchiisanii; mucattiinillee haadha manaa isaa haa taatuu; mucaanillee bara lubbu'uun jiru maraa isii hiikuu hin danda'u.
20
Garuu wonti inni himate yoo dhugaa ta'ee mucattiin yoo durba ta'uu baatte,
21
isii gara qe'ee abba'aa haa fidanii; baniin qachattii isiin keessa jiraattuu sun dhaga'aan tumanii isii haa ajjeesanii; sababaanillee isiin mana abba'aa uduu jirtu heerumaan dura nama biraa woliin ciiftee banii keenna jiddu'utti waan shingaa hojjateef akka kanaan waan hamaa akkanaa balleessuu dandeettan.
22
Eennullee haadha manaa nama biraa woliin ciisee yoo argame ka seebaree fi ta sebartellee lamaanuu haa ajjeefamanii; akka kanaan waan hamaa Israa'eliin keessaa balleessitan.
23
Eennullee durba durbummaa qabdu qaadhimatee namni biraa qachaa keessatti isii argee yoo bira gaye,
24
isaan lamaanuu qachattii keessaa gara raasa'aa baasa'aatii dhaga'aan tuma'aa ajjeessaa'a; sababaan mucattiin durbaa duuteef akka namni qachattii san keessa jiru dhagayutti akka namnillee bayee isii gargaaru waan iyyuu diddeef; mucaanillee wonti du'eef intala nama biraatiif qaadhimamte waan bira gayeef; akka kanaan waan hamaa Israa'eliin keessaa balleessitan.
25
Garuu durba nama biraatiif qaadhimamte raasa'atti argee hunnaan qabee yoo bira gaye namni sun hojjuma isaatitti tumamee haa ajjeefamuu.
26
Mucattii san garuu hin tuqinaa'a; isiin cubbuu du'aaf isii geessu waan hin hojjanneef wonti kun akkuma namni dimmaa ka'ee goshoo ufii ajjeesuuti,
27
inni hennaa raasa'atti isii argee hunnaan qabee bira gayu yoo isiin iyyitu namni waan hin dhageenneef.
28
«Eennullee intala nama biraatiif hin qaadhimamne argee yoo bira gaye garuu inni,
29
abbaa mucattii saniitii gatii qaadhimaa saqilii shantamaa haa kennuu; isiinillee nama sanii haadha manaa taatee haa jiraattuu; sababaanillee hunnaan qabee waan bira gayeef bara jiraatu maraa isii hiikuu hin danda'u.
30
«Eennullee haadha manaa abbaa ufii bira hin gayin; qaccee uffata isi'iillee hin tuqin.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34