bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 24
Deuteronomy 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 25 →
1
«Namni tokko durba qaadhimatee haga fuudheen maayessa waan isii irratti hin jaalanne yoo arge waan kanaaf sababaa wol hiikuu isaanii ibsu katabbii katabee isi'ii kennee mana ufiitii isii haa baasuu.
2
Mana isaatii haga baateen maayessa dhiira biraatitti yoo heerumte,
3
abbaan worraa ka lammeesso'oollee yoo isii jibbe katabbii wol hiikaniin katabee isi'ii kennee yoo manaa baase yookaan abbaan worraa lammeesso'oo yoo du'e,
4
Abbaan worraa ka duraa isii ari'e sun haga battoofteen maayii deebisee isii galfachuu isa hin barbaachisu; kun Rabbiin biratti jibbamaa waan ta'eef; lafa Rabbi Waandhi kee sii kenne hin xureessin.
5
«Namni tokko dhiyeenna intala fuudhee uduu idaayyumma'aan jiru lolaaf hin bayin; dhiibbaa kamiin irraallee bilisa haa ta'uu; garuu fedha ufiitiin haga woggaa tokkoo mana ufii taa'ee ta fuudhe san haa gammachiisuu.
6
«Nama tokkoof hennaa waan tokko liqeessite waan itti liqeessite saniif qabdii dhagaa daaku'uu yookaan majjee jalaa hin fudhatin; kana godhuun kee akka waan jireenna isaa akka qabdi'iititti qabatteetitti laakkayama.
7
«Eennullee ijoollee Israa'elii obboleewwan ufii keessaa nama tokko hatee garbicha yoo godhate yookaan yoo uduu gurguratu argame hattichi haa ajjeefamuu; akka kanaan waan hamaa uf keessaa baafta.
8
«Waan dhukkuba gogaa kukkutuu, waan gadoonni Leewwotaa si barsiisan maraa raawwattee akka eedduu fi raawwattu uf eegi.
9
Hennaa Rabbi Waandhi kee biyya Misiriitii si baase karaa irratti waan Maariyaamiin irratti ta'e yaadadhaa'a.
10
«Hennaa goshoo keetii waa liqeessite waan liqaa saniitiif waa jalaa qabachu'uuf mana isaa hin seenin.
11
Diidatti eegiin; namichi ati liqaa itti liqeessite sun bikka liqaa sanii qabdii san sii haa fiduu.
12
Yoo namichi sun hiyyeessa ta'e waan jalaa qabatte uf bira hin bulchin.
13
Akka uffatee bulu, akka si eebbisu uduu aduun hin dhiine waan jalaa qabatte san deebisiif; Rabbii Waaqa kee afo'otti akka qajeellumma'aatitti sii laallamaa.
14
«Nama Israa'elii yoo ta'e, yookaan qachoota biyya keetii keessaa qachaa tokkotti dhalataa biyya biraa achitti hiyyeessaa fi rakkataa ta'ee ka laallamu nama kamiinuu hin saamin.
15
Gatii inni guyyaa guyya'aan hojjata'aa argatu uduu aduun hin dhiine kenniif; sababaanillee inni hiyyeessa waan ta'eef qarshii san argachu'uuf yaadaan eeggata; yoo kaffalu'uufii baatte garuu Rabbitti si himata; ati yakkamaa taata.
16
«Abboonni yakka ijoolle'eetiif hin ajjeefamin; ijoolleenillee yakka abbootaatiif hin du'in; namni maruu waan cubbuu ufiitiif haa ajjeefamuu.
17
«Murtii nama diidaa isinitti galeetii fi ka hiyyeessaa hin dabsin; uffata haadha hiyyeessaa jalaa hin qabatin.
18
Ati biyya Misirii keessa garbicha akka turte Rabbi Waandhi kee akka achii si baase yaadi; kanaafuu waan kana akka gootuuf ani si ajajeera.
19
«Hennaa midhaan kee haamattee qixiraa qonna keessatti yoo irraanfattee biraa lixxe, san fuudhu'uuf uf irra hin deebi'in; Rabbi Waandhi kee hujii harka keetii maraa akka sii eebbisuuf galaa isinitti galee jiraatu, ijoollee maatii hin qabne, hiyyeessaa fi haadha hiyyeessaatii dhiisi.
20
Daraaraa muka ejjersaa irraa hennaa tokko yoo harcaaftee guurteen maayessa daraaraa hafe guurachu'uuf hin deebi'in; galaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi dubartoota abbaa worraa hin qabneef dhiisi.
21
Yoo daraaraa woyinii keetii guurtu daraaraa hafe guuru'uuf gara woyini'ii hin deebi'in; daraaraa hafe san galaa, ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi dubartoota abbaa worraa hin qabneef dhiisi.
22
Ati biyya Misirii keessatti garbicha akka turte yaadi; kanaafuu waan kana akka gootuuf ani si ajajeera.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34