bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 32
Deuteronomy 32
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 33 →
1
Samii dhagayaa'a ani hin dubbadhaa. Laftillee jecha afaan kiyyaa haa dhageettuu.
2
Barumsi kiyya akka roobaatitti rooba; dubbiin kiyyallee akkuma fixeensaatitti coccopha; Waan lalise irratti akka fixeensaa, Marga irratti garuu akka tiifu'uuti.
3
Ani maqaa Rabbii waamaa isin guddinna Rabbii kennaa himaa'a.
4
«Inni Waaqa; hujiin isaallee guutu'u. Karaan isaa maruu qajeela'a. Waaqa amanamaa'a ka waan badaa hin qabne Inni Waaqa dhuga'aatii fi qajeela'a.
5
Isaan worra battaayan; kanaafuu ijoollee isaatii miti. Waan badaa uf irraa qaban isaan dhaloota daba'aa fi worra gara gaggalu.
6
Isin banii gurra duuda'aatii fi ka mala hin qabne Rabbii keetii waan kana deebiftaa? Inni abbaa keetii mitii? ka si uumee fi ka si jabeesse isa.
7
«Bara durii yaadadhu; bara dhaloota fiixaa hedduu qaabadhu; Abbaa kee gaafadhu inni sitti himaa; jaarsota keessan gaafadhu isaanillee sitti himanii;
8
Hennaa Rabbiin guddaan waan maraa danda'u bani'ii lafa isaanii qoqqoode, hennaa ijoollee Aadamii addaan foffooye, akka laakkobsa ijoollee Israa'eliitiin daangaa worra ormaa dhaabe.
9
Baniin Rabbii gayee isaati; Sanyii Yaaqoobii worra ufii godhee isaan filate.
10
«Lafa gammoojji'ii keessatti dheebuu'u; Raasaa qilleensa gudda'aatitti isa argate; Rabbi isa golge; Isa tisse; Akka gumaa ijaatitti eegeen.
11
Akkuma bajja ilmoolee ufii yaafatu; akkuma inni ilmoolee ufii irra koola qabatu; koola badhisee isaan fudhate; koola ufiitiin isaan baadhate.
12
Rabbi hojjuma ufii isa masakke; Isa woliin Waandhi biraa hin turre.
13
Gaara gubba'atti isa baase; Sanyii qonna ufii isa nyaachise; Damma dhagaa jabaa keessaa argamuun; Sayitii ejersaa ka Lafa dhaga'aa irratti argamu nyaachiseen.
14
Inni aannanii fi aannan itittuu, ka loon, hoolotaa fi re'iin irraa argamu, korbeeyyii mimmichuu, korbeeyyii hoolotaa, foon cooma korommi'iitii fi ka re'iinii ka biyya Baasaanii daabboo qamadii misha'aa woliin isaan nyaachise.
15
Worri Israa'elii hin furdatan; hin dhiban; baay'ee nyaatanii furdatanii cooman; Waaqa isaan uumellee hin dhiisan; Fayyisaa irkoo isaanii hin diqqeessan.
16
Waaqa tolfamaa isaanii waaqeffatanii isa hinaafsisan; waan badaa hojjatan maraan Waaqa aarsan.
17
Waaqa tolfamaa Waaqa dhuga'aa hin taaneef ciincaa isaanii dhiyeessan. Isaanillee waaqa tolfamaa worri Israa'elii tanaan dura hin waaqeffannee fi waaqa tolfamaa abboonni isaanii hin beennee ciincaa dhiyeessan.
18
Waaqa si uume dhiifte; Rabbii si guddise irraanfatte.
19
Ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa waan isa aarsaniif Rabbi isaan argee isaan gate.
20
Fuula kiyya isaan irraa deebifadha; dhumni isaanii maal akka ta'e hin laala; isaan dhaloota daba'a; isaan ijoollee hin amanamne› isaaniin jedhe.
21
Waaqa tolfamaa Waaqa hin taaneen na hinaafsisan; womaa womtee ufiitiin na aarsan; Anillee banii kiyya hin taaneen isaan hinaafsisa; banii waa hin hubanneen isaan aarsa.
22
Lolli kiyya akka ibiddaa; haga xiillaa asaabaa bobaya; waan lafa irra jiru maraa nyaata; hundee gaarraniillee hin guba.
23
«Rakkinna isaanitti eda'a; arfii kiyyaan isaan woraana.
24
Beelaa fi oo'aan badan; oo'a bada'aa fi badii hama'aan dhuman; busaawa'aa fi bofa hadhaa qabu ka lafaa isaanitti erga.
25
Karaa irratti woraanni finna isaan dhabsiisa; Mana keessatti soda'aan guuttaman; ka'imman dhiiraatii fi ta intalaa; jaarsonninii fi daa'immanillee hin dhuman.
26
Ani sirima isaan balleessa; achiin maayessa ka isaan yaadatu hin argamu;
27
Garuu diintonni isaanii ‹hunna keennaan isaan mooyanne malee Rabbii miti› jedhanii uf jaju'uun akka na hin aarsine jedhee isaan yaadadhe.
28
«Baniin Israa'elii worra yaada hin qabne; worra qalbiillee hin qabne.
29
Uduu sammuu qabaatanii silaa kana yaadatan ture; dhuma ufiillee hin yaadan ture!
30
Waandhi isaanii yoo isaan hin gurguranne Rabbi dabarsee yoo isaaniif hin kennine namni tokko attamitti nama kumaa ari'a ture? Namni lamaallee attamitti nama kuma kudhanii ari'a?
31
Akkuma diintonni keenna jedhan; Waandhi keenna akka waaqolee tolfamaa isaaniitii miti;
32
Diintonni teenna worra akka Soodomiitii fi Gamoora'aa battaayan; daraaraan isaanii akka muka woyinii daraaraa hadhaayaa kennuuti; hurbuun isaallee hadhaaya'a.
33
Daadhiin isaanii ka woyini'ii akka summii bofaati; akka summii buuti'iiti.
34
«Yakki diintonni teenna hojjatan galmee Rabbii keessatti galmaayee argama.
35
Tarkaanfii haluu bayu'uu isaanitti fudhatee isaan adaba; Hennaan isaan kufanillee gayeera; waan guyyaan murti'ii dhiyaateef; murtiinii fi haluu bayuun kiyya.
36
Akka hunna dhaban hennaa arge, Rabbi garboota ufiitii garaa laafa; wolabtichaa fi garbichallee uduu addaan hin baafne Gooftaan banii ufiitiif murteessa.
37
Innillee akkana jedha ‹Waandhi tolfamaan isaanii meeti? waaqoleen tolfamaan isaan abdatan meeti? waandhi tolfamaan isaan itti amanan meeti?
38
worri cooma ciincaa isaanii nyaatan; worri kennaa waan dhuganiitiif dhiyeessan dhugan meeti? Isaan ka'anii isin haa gargaaranii; irkoo isinii haa ta'anii.
39
«Ani hojjuma kiyya Waaqa akka ta'e; Anaa achi Waandhi biraa akka hin jirre beekaa'a; ani hin ajjeessa; hin jiraachisa; ani hin madeessa; hin fayyisalle'e; harka kiyya irraa ka isin hambisu hin jiru.
40
Ani harka kiyya gara Sami'ii badhisee akkana jedha. ‹Ani jiraataa bara baraa waan ta'eef,
41
Guraadee kiyya ka mallisu qara; ani murtii qajeelaa kenna; diintota kiyyallee haluu baya; Worra na jibbanii gatii isaanii kennaaf.
42
Woraanni kiyya dhiiga worra woraannameetii fi worra booji'ameetiin faalama; guraadeen kiyya foon mataa bulchoota diinaa mummura.›
43
«Isin baniin ormaa Rabbi dhiiga garboota ufiitiif haluu baya; diintota ufiillee haluu baya; worra isa jibbullee adabee cubbuu banii ufiitii hin dhiisa; battummaa Ardi'iillee hin qulqulleessa; kanaafuu banii isaa woliin gammadaa'a.
44
Muuse'ee fi ilmi Nawwe'ee Iyyaasuun jechoota faaruu kanaa maraa bani'ii dubbisan.
45
Muuseen jecha kana maraa worra Israa'eliititti himee haga raawwate,
46
akkana isaaniin jedhe «Jecha seeraa kana mara eeganii akka raawwataniif; akka ijoollee teessan ittiin ajajjaniif jecha adha isinii rageessu kana maraa qalbi'itti qabadhaa'a.
47
Seerri kun jireenna keessan malee waan duwwa'aa miti. Waan kanaan lafa itti galu'uuf Yoordaanosiin gama ceetanitti bara hedduu jiraattan.»
48
Guyyaa san Rabbi Muusee akkana jedhee itti dubbate;
49
«Gara lafa Moo'aabii kolba Iyyaariko'oo biraan jirtuu gara gaara Naaba'aa ol bayi; lafa Kana'aanii ta ani ijoollee Israa'eliitii kennu laali;
50
akkuma obboleessi kee Aaroon gaara Hoorii irratti du'ee worra isaa ka du'anitti eda'ame atillee gaaruma irra baate kana irratti du'ii worra kee ka du'anitti eda'ami;
51
isin banii Israa'elii maraa afo'otti anaa fi amanamtoota hin taane hennaa lafa gammoojjii Tsiinii ta qachaa Qaadeesii keessa jirtu burqaa bisaan Mariba'aa bira hennaa turtan akka ani banii Israa'elii afo'otti ulfaadhu hin goone.
52
Lafattii san uf afo'otti argita malee gara lafa ani ijoolleee Israa'eliitii kennutti hin galtu.
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 33 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34