bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 4
Deuteronomy 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 5 →
1
Waan kanaan maayessa Muuseen bani'iin akkana jedhe, «Seera fi murtii ani isin barsiisuu fi isin ajaju maraa eegaa'a; yoo waan kanniin eeddan lubbu'uun jiraattanii; Rabbi Waandhi abboota teessan ta durii lafa isinii kennu'uuf waadaa gale isin dhaalchisa.
2
Ajaja Rabbii keessanii ka ani isinitti hime hin eeddan malee dubbii ani isin ajaje irratti dubbii biraa hin edaatan; isa irraallee womaa hin dhidhiftan.
3
Namoota Bi'eelfaagooriin hordofan maraa Rabbi isin jiddu'uu akka balleesse; waan Rabbi bi'eelfaagooriin irratti godhe ijji teessan argiteerti;
4
isin garuu worri Rabbii Waaqaa keessanii amanamaa taatan kunoo haga adhaa lubbu'uun jirtan.
5
«Seera Rabbi Waandhi kiyya akka isinitti himuuf na ajaje maraa isin barsiiseera; lafa boojitanii fudhattan san irra hennaa jiraattan ajaja kanniin eegaa'a.
6
Seera kanniiniif amanamumma'aan ajajamaa'a; yoo waan kanniin maraa gootan baniin kuuwwan isin namoota beettota attamii akka taatan argan hennaa waan seera kanniinii dhagayan banii guddaa kanaa beekkumsaa fi hubanno'otu kenname jedhanii maalalfatan.
7
«Hennaa Rabbii Waaqa keenna waamnu maraa akka inni nutti dhiyaatu, baniin guddaan akka keennaa ka waaqoleen isaanii itti dhiyaatu eennu?
8
hagamillee yoo guddaa ta'e seera akka ani adha isin afoo dhaabadhee isin barsiisuu kana baniin seera qajeelaa akkanaa kana qabu eessatti argama?
9
Rabbi, ‹Banii na biratti wolitti qabii bara lafa irra jireennaan jiraatan maraa akka na sodaatuu baratan ijoollee ufiillee akka barsiisan jecha kiyya isaan dhageessisaa'a jedhee hennaa natti hime gaara Kooreebii irra Rabbii Waaqa kee afoo guyyaa dhaabatte waan ijji tee argite akka hin irraanfanne bara bubbu'uun jiraattu maraa akka onne'ee si hin banne uf eegi; lubbuu teellee jabaadhuu eeggadhu; ijoollee ijoollee teetiitittillee himi.›
11
Isinillee dhuftanii gaara jala hennaa dhaabattan arrabni ibiddaa haga Sami'ii gaara san irraa ol bobaya'aa ture; dukkana jimi'ii fi duumessatu ture.
12
Isin akka Rabbi arraba ibiddaa keessaan isinitti dubbate akka dhageettan beettan malee bifa isaa garuu hin argine; laagaa isaa callaa dhageettan.
13
Ajaja kudhanii ka akka isin eeddaniif isinii kenne dhagaa baxxee lamaan irratti barreesse.
14
Anillee lafa isin dhaaltan san ta Rabbi isinii kenne keessatti seerri Rabbi akka eeddaniif akka ani isin barsiisu na ajaje.
15
Hennaa Rabbi gaara Kooreebii irraa ibidda keessaan isinitti dubbate, bifa isaa sirima waan hin argineef guddisa'aa uf eegaa'a.
16
Akka hin battoofne fakii waan bocamee, bifa waan gara garaa ka akka fakii dhiira yookaan bifa intalaatiin hojjatame irraa uf eegaa'a.
17
Fakii busaawaa lafa irra jiranii, fakii simbirran Sami'ii gad bararanii,
18
fakii waan ardii irra sosocho'uu, fakii qurxummii galaana keessa jiraatan maraa hin tolfatinaa'a.
19
Ija tee gara Sami'ii ol kaasii adu'uu fi addeessa, urjiiwwan, duula Sami'ii ka Rabbi Waandhi kee orma maraafuu kenne yoo argite isaanii sagaddee waaqeffattee akka hin dogoggorre uf eegi.
20
Isin garuu banii Rabbi biyya Misirii ta akka ibidda girgiraa sibiilaa taate keessaa isin baase; wonti achi keessaa isin baaseef akkuma adha banii isaa taatan kana banii ufii isin taasifachuu fedheeti.
21
Rabbi sababa keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yoordaanosii hin ceene gara lafa michuu Rabbi Waandhi kee sii kennu akka ani hin dhaalle kakate.
22
Kanaafuu ani laga Yoordaanosii uduu hin ceene lafuma tana irratti du'a; isin garuu ceetanii lafa michuu san dhaaltan.
23
Waadaa Rabbi Waandhi keessan isinii gale akka hin irraanfanne fakii harkaan bocame kamiinuu ka Rabbi isin dhoogge irraallee uf eegaa'a.
24
Rabbi Waandhi kee waan ibidda nama nyaatuu fi Waaqa hinaafu ta'eef.
25
«Ijoolle'ee fi ijoollee ijoollee teessanii uumattanii yoo bara baay'e'eef Ardii irra jiraattan, yoo fakii bifa gara garaatiin bocame godhattanii karaa irraa gortanii battooftan, waan badaa Rabbii Waaqa keessan aarsu yoo isa afo'otti hojjattan,
26
lafa san dhaalu'uuf Yoordaanosiin ceetanii biyya itti galtan san irraa daddaaftanii akka dhumattan ani adha ardi'ii fi samii isin irratti rageessisa; isinillee sirimaa hin baddan; woggaa dheeraallee irra hin jiraattan.
27
Rabbi orma keessa isin bittinneessa; orma Rabbi keessa isin jiraachisu keessatti banii hagoo taatan.
28
Achitti waaqa tolfamaa ijaan hin argine, ka gurraan hin dhageenne, ka waa hin nyaanne, ka hin ulane, ka mukaa fi dhagaa irraa harka namaatiin hojjatame waaqeffattan.
29
Garuu achitti Rabbii Waaqa keessan soqattan; waan onne'ee fi qalbii keetiin soxxe maraa hin argatta.
30
Hennaa wonti kun maruu si irra gayee rakkatte dhuma bara keetiititti gara Rabbii Waaqa keetii deebita; jecha isaallee hin dhageetta.
31
Rabbi Waandhi kee Waaqa dhiifamsaa waan ta'eef si hin dhiisu; si hin balleessu; waadaa abboota keessaniif gale hin irraanfatu.
32
«Nama Rabbi Waandhi Ardii irratti uume irraa jalqabee haga daangaa Sami'iitii haga daangaa isi'ii wonti akkanaa guddaan kun yoo waan dhagayameeru ta'e waan bara lufee namoota siin duraa gaafadhu.
33
Ati Rabbi Waaqa ibidda keessaan sitti dubbate akkuma laagaa isaa dhageette baniin biraa dhagayee lubbu'uun hin jiraataa?
34
Rabbi Waandhi keessan akkuma biyya Misiriititti ija teessan duratti isinitti mudhise qormaataan, baasaa fi maalale'een, duulaan, irree isaa ta jabaatteen, harka isaa dheera'aan, sodaachisaa gudda'aan, Rabbi banii biraa jidduu seenee banii ufii fudhachuu yaalee beekaa?
35
Rabbi Waandhi kee akka Waaqa ta'e akka beettu kun sitti mudhateera isa malee Waandhi biraa hin jiru;
36
si barsiisu'uuf Sami'ii laagaa ufii si dhageessise; lafa irrattillee ibidda ufii guddaa sitti mudhise; ibidda keessaan dubbii isaa dhageette.
37
Inni abboota tee waan jaalateef isaaniin maayessa fiixaa isaanii filate; hunna ufii gudda'aan biyya Misiriitii isin baase;
38
akkuma adha ta'e kana orma jajjabaa si caalaa jabaatan si jalaa yaasee si garuu lafa isaanii si dhaalchisu'uuf si gargaare.
39
Eeganaa Sami'ii fi Ardii irrattillee Rabbi Waandhi biraa akka hin jirre adha beeki; qalbi'ittillee qabadhu.
40
Akka si'ii fi ijoollee teetiifillee wonti mishaan ta'u biyya Rabbi Waandhi kee baraa haga bara baraa irra akka jiraattuuf sii kennutti umuriin kee akka sii dheeratu seeraa fi ajaja ani adha si gorsu jabaadhuu eegi.»
41
Kanaan maayessa Muuseen laga Yoordaanosiitiin gamatti gara baya biiftu'uutiin qachoota sadihii fooyee kale.
42
Namni tokko uduu hin beekin tasa yoo nama ajjeese lubbuu ufii akka oolchuuf gara qachoota sanniinii dheessee haa lubbuun isaa baraaramu'uuf namni yakkamaan nama ajjeese qachoota kanniin keessaa gara qachaa takkaa yoo seene hin ajjeefamu.
43
Qachoonni sunniinillee qachoota gosa Roobeelii ka lafa gammoojji'ii ka hulee lafa wol qixxaayaa baasoorii raamootii gosa Gaadii ka lafa Gala'aad keessa jiruu, gosa Minaase'eetii fi Goolaanii biyya Baasaanii jiru turan.
44
Seerri Muuseen ijoollee Israa'eliitii kenne kana.
45
Muuseenii fi ijoolleen Israa'elii biyya Misiriitii haga bayaniin maayessa mootii worra Amoorotaa Seewooniin ka lafa Haseboonii keessatti dhayan laga Yoordaanosiitiin gama beeta Faagoorii lafa dhooqaa jiru biyya Misiriitii haga bayan seerri, ragaanii fi murtiin Muuseen ijoollee Israa'eliititti hime kana.
47
Lafa isaatii fi lafa mootii Baasaanii Aagii ka Yoordaanosiin gama gara baya biiftu'uutiin jiruu fi lafa mootota Amoorotaa lamaanii ta daangaa,
48
galaana Aarnoonii jirtu Aaro'eeriin irraa jalqabee haga Armooni'eemii gaara Seewoonii Yoordaanosiin gama.
49
Gara baya biiftu'uutiin Araba maraa haga gaara Phiisga'aa jala jiru haga galaana Arabaa fudhatan.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34