bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 9
Deuteronomy 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 10 →
1
«Ati Israa'el! dhagayi; orma si caalaa jabaatanii qachoota gugurdoo haga Sami'ii ijaaramte dhaalu'uuf adha Yoordaanosiin ceeta.
2
Waan ati beettu ‹ijoollee Eenaaqii afoo eentu dhaabatuu danda'a?› ka jedhamu dhageettee ijoolleen Eenaaqii banii gugurdoo dhedheeratan sanniin.
3
Rabbi Waandhi kee akka ibidda bobawuu ta'ee si afoo lufee akka isaan balleessu adha beeki; Rabbi si afo'otti isaan salphisa; akkuma Rabbi sitti hime daddaftee isaan balleessita.
4
«Rabbi Waandhi kee afoo keetii haga isaan baaseen maayessa waan qajeellummaa kiyyaatiif lafa tana na dhaalchisu'uuf Rabbi Waandhi na seensise› jettee onnee keetiin hin yaadin; Rabbi orma kanniin waan cubbuu isaaniitiif afoo keetii isaan baasa.
5
Wonti ati lafa isaanii dhaalu'uuf seentuuf waan qulqullummaa keetiitii fi waan wolabummaa keetiitiifii miti; garuu Rabbi Waandhi kee sababaa orma cubbamtoota afoo keetii balleessuuf waan waadaa abboota keetii Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii gale akka raawwatamuuf.
6
Eeganaa ati banii garaa jabaatu waan taateef wonti Rabbi Waandhi kee lafa michuu tana sii kenneef waan qajeellummaa keetiitiif akka hin taane beeki.
7
«Rabbii Waaqa kee lafa gammoojji'ii keessatti akka aarsitee guyyaa biyya Misiriitii baate irraa jalqabee haga hulee tana dhuftanitti worra Waaqa dhibu akka taatan yaadadhu; hin irraanfatin;
8
gaara Kooreebii irratti akkasuma Rabbiin aarsitan; Rabbillee isin balleessu'uuf isinitti dheekkame.
9
Barreeffama dhagaa baxxee lamaan ka Rabbi isin woliin waadaa gale fuudhu'uuf hennaa gara gaaraa baye gaara irratti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa achi taa'e; buddeena hin nyaanne, bisaanillee hin dhunne.
10
Rabbillee dhagaa baxxee barreeffamaa ka harka Rabbiitiin barreeffaman lamaan naa kenne; guyyaa wol gayiin godhame san jecha Rabbi gaara irratti ibidda keessaan isinitti dubbate maraa irratti barreeffameera.
11
Rabbi guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaan maayessa dhagaa baxxee barreeffamaa lamaanii fi dhagaa barreeffamaa waada'aa naa kenne.
12
«Kanaan maayessa Rabbillee ‹Dafii as irraa bu'i banii kee ka ati biyya Misirii keessaa baafte battaayaniiranii waan ani isaan ajaje irraallee goraniiran, fakii baffamee hojjatamellee ufiif qopheeffataniiran› naan jedhe.
13
«Rabbi, ‹baniin kun banii lum'a jabaatu akka ta'e argeera;
14
akka maqaa isaanii Sami'ii gaditti lafa irraa balleessuuf na dhiisi; si garuu banii isaan caaluuf kana caalaa guddaa ta'eef abbaa si godha› jedhee natti dubbate.
15
«Anillee deebi'ee gaara irraa bu'e; hennaa san ibiddi bobaya'aa ture; barreeffamni dhagaa baxxe'ee ka waada'aa lamaanuu na harka ture;
16
isin ajaja Rabbi Waandhi keessan isinii kenne daddaftanii irraa gortanii worqii bassitanii fakii waatiyyo'oo hojjattanii Rabbiin irratti worra hamaa ta'uu keessan argeera.
17
Kanaafuu dhagaa baxxee barreeffamaa lamaan harkaa qabu sanniin isin afo'otti caccabse;
18
cubbuu hojjattan maraaf Rabbiin aarsu'uuf waan hamaa Rabbiin afo'otti waan gootaniif Rabbi isin balleessu'uuf lola inni loleef waan hamaa isin irra gawuuf waan sodaadheef;
19
akkuma asiin duraa Rabbiin afo'otti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa sagade buddeena hin nyaanne; bisaanillee hin dhunne; hennaa san Rabbi naa dhagaye.
20
Rabbi Aarooniin balleessu'uuf guddisee lollaan akkasuma Rabbiin kadhadhe.
21
fakii waatiyyo'oo ka bassitanii hojjattan san fakii badaa cubbu'uun guuttame fuudhee ibidda keessa buusee caccabse; daaraa san bisaan gaara irraa gad yaa'utti jisse.
22
«Isin deebitanii lafa taabeera'aa, Maasa'aa fi Qibroot Hataawa'atti Rabbiin aarsitan.
23
Hennaa Rabbi, ‹Baya'aatii lafa isinii kenne dhaalaa› jedhee Qaadeesii Barene'ee erge jecha Rabbii Waaqa keessaniitii hin ajajamne, isatti hin amanne; laagaa isaallee hin dhageenne.
24
Guyyaa ani isin beeke irraa jalqabee isin namoota Rabbiin dhibu turtan.
25
«Waan Rabbi isin balleessa jedhee dubbateef guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa,
26
«Waandhana! banii hunna kee gudda'aan furte, ka irree kee jaba'aan biyya Misiriitii baafte banii keetii fi ristii kee hin balleessin;
27
garboota tee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin yaadadhu; mata jabeenna banii keetii, hammeenna isaaniitii fi cubbuu isaanii hin laalin›
28
yoo kana ta'uu baate garuu akka Waandhi jecha abdi'ii isaanii kennetti Waandhi banii ufii gara lafattii sanii galchuu dadhabe› jedhanii worri biyya Misirii uf jajuu jalqaban; akkasuma ‹Rabbi banii ufii waan jibbeef isaan fixuu muratee gara lafa gammoojji'ii isaan baase› akka hin jenne;
29
baniin kun banii hunna kee gudda'aa fi irree kee jaba'aan biyya san keessaa isaan baafte isaan garuu ristii keeti» jedhee Waaqa kadhadhe.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34