bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 11
Deuteronomy 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 12 →
1
«Eeganaa ati Rabbii Waaqa kee seera, murti'ii fi waan inni sitti hime hennaa maraa eegi.
2
Gorsa Rabbii Waaqa keessanii, guddinna isaa, irree isaa jabaa, harka isaa ka diriire,
3
hujii isaatii fi baasa mootii biyya Misirii Fari'oonii fi biyya isaa maraa irrattuu godhe hennaa isaan isin duukaa deeman argitaniirtan.
4
Akka galaana diima'aan liqimfaman Rabbi haga adhaa akka isaan balleesse duultota worra biyya Misirii fardo'oo fi kankolaataa fardaa ka isaanii irratti waan inni godhe argitaniirtan.
5
Haga hulee kana dhuftanii waan inni lafa gammoojji'ii keessatti isinii godhe hin beettan.
6
Banii Israa'elii maraa jiddu'utti lafti afaan bantee isaanii fi maatii isaanii daasee isaaniitii fi waan isaan qaban maraa akkuma liqimsite waan ilma Roobeelii, waan ijoollee Eeliyaabii Daataanii fi Aberooniin irratti godhe worra waan kana hin beennee fi ijoollee waan kana hin arginetti waan hin himneef isin adha beekaa'a.
7
Garuu hujii guddaa Rabbi isin maraa afo'otti godhe ijji teessan argiteerti.
8
«Eeganaa akka jabaattan gara lafa dhaalu'uuf itti galtanii akka dhaaltan ta Rabbi isaanii fi fiixaa isaaniitii kennu'uuf kakatee lafa Aannanii fi damma baaftu irratti umuriin keessan akka dheeratu ajaja ani adha isin ajaju maraa eegaa'a.
10
lafti amma isin dhaaltan tun lafa akka duraan irra jiraattan ta akka biyya Misiriitii miti; biyya Misirii irratti hennaa midhaan facaaftan biqiltuu maasaa keessanii maraa bisaan obaasu'uuf guddaa dadhabdan.
11
Garuu lafti isin ceetanii itti galtanii dhaaltan lafa gaaraatii fi lafa dhooqaati; roobuma Sami'ii roobuun quufti.
12
lafti tun biyya Rabbi Waandhi kee tooyatu jalqaba wogga'aatii haga dhuma wogga'aa ijji Rabbii Waaqa keetii hennaa maraa isii irra.
13
«Kanaafuu Rabbii Waaqa keessan akka jaalattan onnee keessan guutu'uu fi qalbii keessan guutu'uun akka isa waaqeffattan ajaja ani adha isin ajaju maraa yoo sirri'itti dhageettan,
14
midhaan kee, woyinii keetii fi sayitii kee ka ejersaa akka hennamaan wolitti qabattan hennaa maraa rooba gannaatii fi rooba badheessaa isinii rooba;
15
horii keetiillee lafa margaa kenna; dheechiftee quubsita.
16
Qalbii keessaniin dogoggortanii akka karaa irraa hin gorre waaqa tolfamaa biraa akka hin waaqeffanne, akka isaanii hin saganne,
17
Rabbi akka isinitti hin dheekkamne, roobni akka hin roobne laftillee sanyii akka hin kennineef Rabbi akka Samii isinitti hin cufne lafa michuu Rabbi isinii kennu irraa daftanii akka hin banne uf eegaa'a.
18
«Eeganaa jechoota kanniin qalbii keessanii fi garaa keessanitti qabadhaa'a; akka malkataatitti harkatti isaan hidhadhaa'a; jechoonni kunniin ija keessan afo'oo hin gorin;
19
ijoollee teessanillee barsiisaa'a; hennaa mana teettan, hennaa imala deemtan, hennaa raftan, hennaa kaatan waan isaa dudubbadhaa'a;
20
akka Rabbi Waandhi lafa abboota teessanii kennu'uuf isaanii kakate lafa tana irratti umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii akka dheeratu,
21
balbala mana keetiitii fi cufanaa karra keetii irratti barreeffadhaa'a.
22
«Rabbii Waaqa keessan yoo jaalattan, yoo karaa isaa maraa irra deemtan, yoo isaan wolitti maxxantan, seera ani adha isin ajaju kana maraa eeddanii yoo raawwattan,
23
orma kanniin maraa Rabbi afoo keessanii yaasee orma isin caalaa jabaa ta'an kanniin dhaaltan.
24
Huleen luka keessaniin ijjattan maruu teessan taati; lafa gammoojji'iitii haga galaana guddaa Efraaxisii, libaanosii haga daangaa galaana dhiyaa keessan ta'a.
25
Eennullee isin afoo dhaabachuu hin danda'u; akkuma Rabbi Waandhi keessan isinitti hime sodaachisuun keessanii fi naasisuun keessan lafuma irra ijjattan maraa irratti ta'a.
26
«Ani adha eebbaa fi abaarsa isin afoo kaaya;
27
eebbi yoo ajaja Rabbii ka ani adha isinitti himu dhageettan;
28
abaarsillee ajaja Rabbii Waaqa keessanii yoo dhagayuu diddan karaa ani adha isin ajaju kana irraa yoo gortanii fi waaqa tolfamaa biraa yoo hordoftan;
29
yoo lafa Rabbi Waandhi kee akka dhaaltuuf sii kennetti galte eebba gaara Gaarizaanii, abaarsa gaara Geebaalii irratti labsita.
30
Isaan biyya Kana'aanii ka galaana Yoordaanosiitiin gama worra karaa Arabaa gara baya biiftu'uutiin jiraatanii worra Gelgalaa afoo muka mooree biraati;
31
lafa Rabbi Waandhi keessan isinii kennu dhaalu'uuf galaana Yoordaanosii ceetanii dhaaltanii irra jiraattan.
32
Seeraa fi murtii ani adha isinii kennu maraa jabaadha'aa eegaa'a.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34