bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 12
Deuteronomy 12
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 13 →
1
«Seerrinii fi ajanyi biyya lafa Rabbi Waandhi keessan isinii kenne ta abboota keessanii kakate bara irra jiraattan irratti eeddan kanniin;
2
ormi isin dhaaltan waaqa tolfamaa isaan waaqeffatan ka gaara irraa fi muka lalisaa jala jiraatan maraa sirima balleessaa'a;
3
hulee ciincaa isaaniillee diigaa'a; soodduu isaaniillee caccabsaa'a; gaaddisa isaan jalatti waaqeffatanillee ibiddaan gubaa'a; fakii waaqa tolfamaa isaaniillee caccabsaa'a; maqaa isaaniillee hulee sanii balleessaa'a.
4
«Rabbii Waaqa keessan afo'otti hujii akkanaa kana hin hojjatinaa'a.
5
Garuu Rabbi Waandhi keessan maqaa ufii achi jiraachisu'uuf gosa maraa keessaa gara hulee Rabbi filatee san dhuftan hulee bultii isaallee hin soqattan.
6
Ciincaa keessan ka ciincawu ciincaa biraallee ka ciincawu, kurneessoo keessan, kennaa keessan ka harkaan dhiyeessitan, woreega qabdan, kennaa fedha keessaniin dhiyeessitan, hangafa sa'aa fi hoolaa keessanii achi fida'aatii
7
Rabbii Waaqa keessan afo'otti nyaadhaa'a; achitti Rabbii Waaqa keessan ka isin eebbise afo'otti maatii keessan woliin gammadaa'a.
8
«Waan nama maraa afo'otti mishaa fakkaatee mudhate waan nu adha asitti goonu maraa hin godhinaa'a;
9
gara hulee hara baafanna'aa fi lafa isinii kennuutitti haga ammaa waan hin galleef.
10
Hennaa galaana Yoordaanosii ceetan lafa Rabbi Waandhi keessan isin dhaalchisu irra hennaa jiraattan sodaa malee akka jiraattaniif diintota keessan ka isin marsan afo'otti hennaa hara baafannaa isinii kenne,
11
hennaa san maqaan Rabbii Waaqa keessanii akka waamamu gara hulee inni filatee sanitti waan isin ajaju maraa ciincaa keessan ka ciincawu ciincaa biraallee kurneessoo keessan, kennaa keessan ka harkaan dhiyeessitanii fi woreega Rabbiif qabdan maraa fidaa'a.
12
Isin, ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni teessan, hojjattoonni teessan ta intalaa, worri Leewwi'ii ka isin biratti lafaa fi gayee hin qabne worra isin bira jiraatan woliin gammadaa'a.
13
Ciincaa kee ka ciincawu hulee ufii feetanitti akka hin ciincessine uf eegaa'a;
14
garuu hulee namni gosa maraa keessaa namni tokko filetti ciincaa keessan dhiyeessaa'a; achitti waan ani isin ajaju maraa godhaa'a.
15
«Garuu akkuma eebba Rabbi Waandhi kee sii kenneen akkuma ufii feetetti waan balbala kee jiru maraa qalii nyaadhu; namni qulqulluunii fi battaayaanillee kuruphe'ee fi gadamsa haa nyaatuu.
16
Dhiiga garuu akka bisaaniititti lafatti jissi malee hin nyaatin.
17
Kurneessoo midhaan keetiitii fi ka daadhii woyini'ii, kurneessoo sayitii kee ka ejersaa, hangafa sa'aa fi hoola keetii, woreega kee ka qabde maraa kennaa fedha keetiin kennituu fi kennaa midhaanii ka harkaan dhiyeessituu afoo balbala keetiititti hin nyaatin.
18
Garuu ati, ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'ii ka qachoota kee keessa jiran woliin hulee Rabbi Waandhi kee filate Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaadhaa'a; waan Rabbiin afo'otti gootu maraanuu gammadi.
19
Bara lafa irra jiraattu marattuu worra Leewwi'iititti lash akka hin jenne uf eeggadhu.
20
«Akkuma Rabbi Waandhi kee sitti hime hennaa inni biyya kee sii badhise yoo foon nyaachuu barbaadde akka fedha keetiititti foon nyaadhu.
21
Rabbi Waandhi kee akka maqaa ufii achitti waamsisu huleen inni filate yoo si irraa fagaatellee hoola'aa fi sa'a Rabbi sii kenne keessaa akka ani ajajee fi akka fedha keetiitiin balbala mana keetiititti nyaadhu.
22
Akkuma kuruphe'ee fi gadamsa nyaatanitti nyaadhu; namni qulqulluunii fi ka battaayellee haa nyaatuu.
23
Garuu lubbuun isaanii dhiiga keessa waan jirtuuf dhiiga isaanii akka hin nyaanne uf eegi.
24
Dhiiga isaanii akka bisaaniititti lafatti jissi malee hin nyaatin.
25
Rabbiin afo'otti waan mishaa yoo gootu sii fi ijoollee tee ta si maayessaatiif wonti mishaan akka ta'u dhiiga isaanii hin nyaatin.
26
Kanaafuu waan kee ka qulqullaayee woreega qabdellee qabadhuutii gara hulee Rabbi filatee dhaqi.
27
Ciincaa kee ka ciincawu foonii fi dhiiga isaa Rabbii Waaqa kee afo'otti hulee ciinca'aa irratti ciincessi; dhiiga waan ciincessituu san hulee ciinca'aa ka Rabbii Waaqaa keetii irratti jissi; foon isaa garuu nyaadhu.
28
Rabbii Waaqa kee afo'otti yoo waan misha'aa fi qajeelaa gootu sii fi ijoollee tee ta si maayessaatii wonti mishaan baraa haga bara baraa akka ta'u jechoota ani si ajaje kanniin maraa dhagayii eegi.
29
«Hennaa Rabbi Waandhi kee gara lafa ati itti galu'uuf deemtuu sanitti orma si afo'oo balleesse atillee hennaa lafa isaanii dhaaltee irra jiraatte,
30
isaan haga si afo'oo badaniin maayessa isaan hordofu'uuf hin dhama'in; ormi kunniin attamitti waaqa tolfamaa ufii waaqeffatan? anillee akkasuma akkuma isaan godhan san godha jettee waan waaqa tolfamaa isaanii akka hin gaafanne uf eegi.
31
Waan isaan waan batti Rabbi jibbu maraa waaqa tolfamaa isaanii irratti hojjataniif ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaa waaqa tolfamaa isaaniitiif ibiddaan waan gubaniif ati garuu Rabbii Waaqa keetiif akkas hin godhin.
32
Waan ani adha si ajaju maraa godhu'uuf eegi; isa irratti womaa hin eda'in; womaa irraa hin dhidhisin.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34