bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 31
Deuteronomy 31
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 32 →
1
Muuseenillee deemee jecha kana ijoollee Israa'eliitiin;
2
«Ani amma umuriin kiyya woggaa dhibbaa fi diddama ta'eera; asiin maayessa bayee galuu hin danda'u; Rabbillee galaana Yoordaanosii kana hin ceetu naan jedheera.
3
Rabbi Waandhi keessan inninuu isin afoo deemee isin masakka inni orma achi jiraatan maraa isin afo'oo waan dhoogguuf isin lafa isaanii dhaaltan akkuma Rabbi dubbatetti Iyyaasuun masakkaa keessan ta'a.
4
Rabbi mootota worra Amoorotaa Seewoonii fi Aagiin lafa isaanii irraa akkuma balleesse akkasuma lafa isaanii irrattillee godha.
5
Rabbi isin afo'otti isaan kuffisa akkuma ajaja ani isin ajajetti isaan irratti gootan.
6
Cimaa'a, jabaadhaa'a, hin sodaatinaa'a, isaan afo'ottillee hin nayinaa'a; Rabbi Waandhi kee si woliin deema; si hin gatu si hin dhiisu» jedhe.
7
Kanaan maayessa Muuseen Iyyaasuu waamee, «Worra Israa'elii afo'otti ati banii kana woliin gara lafa Rabbi abbootaa kennu'uuf isaanii kakatee waan galtuuf lafattii tana isaan dhaalchiftaa cimii jabaadhu.
8
Ka si afoo deemu inni Rabbi; si woliin ta'a; si hin gatu; si hin dhiisu hin sodaatin; hin nayin» jedheen.
9
Kanaan maayessa Muuseen seera kana katabee gadoota worra ijoollee Leewwotaa worra saanduuqa kaku'uu baadhata'aa turanii fi jaarsota worra Israa'elii marattuu kenne.
10
Muuseen akkana jedhee isaan ajaje «Woggaa torbeesso'oo dhuma irratti bara liqaan maruu namaa dhiifamu hennaa ayyaanni daase'ee kabajjamu;
11
Ijoolleen Israa'elii maruu hennaa Rabbii Waaqa isaanii afo'otti argaman hulee Rabbi filatetti hennaa wol gayan seera kana uduu isaan dhagayan worra Israa'elii afo'otti dubbisiif.
12
Rabbii Waaqa isaanii akka sodaatan, jechoota seeraa maraa kanniin eeganii akka raawwatan banii maraa dhiiraa fi intala daa'immanii fi galaa isintti galee isin keessa jiraatu maraa wolitti qabi.
13
Ijoolleen isaanii worri jecha seeraa kana hin beenne laga Yoordaanosii ceetanii itti galtanii dhaaltanitti bara jiraatan maraa seera kana haa dhagayanii; Rabbii Waaqa keessanillee sodaachuu haa baratanii.
14
Achiin maayessa Rabbi Muuse'een; «Guyyaan ati duutu dhiyaateeraa Iyyaasuu waamii akka isa ajaju daasee wol gayi'ii keessatti isa bira dhaabadhu» jedheen. Muuseenii fi Iyyaasuun dhaqanii daasee wol gayi'ii keessa dhabatan.
15
Rabbillee daasee wol gayi'ii keessatti utubaa duumessaatiin mudhate utubaan duumessaallee balabala daasee wol gayi'ii afoo dhaabate.
16
Rabbi Muuse'een, «Dhiyoma kanatti duuta haga ati duuteen maayessa baniin worra naa hin ajajamne ta'an; waadaa ani isaan woliin gale dhiisanii biyya dhaalu'uuf itti galan sanitti waaqa tolfamaa worri Amoorotaa waaqeffatan sanii sagadan.
17
Hennaa san ani guddisee isaaniin lola; isaan gata; fuula kiyya isaan jalaa deebifadha; ormatu nyaatee isaan fixa; guyyaa san ‹Dhugamaan Rabbi waan jidduu keenna hin jirreef wonti badaan kun nu irra gaye› haga jedhanitti waan badaa hama'aa fi rakkoo gudda'atu isaan irra gaya.
18
Waaqa tolfamaa biraa waan waaqeffataniif, waan badaa maraa na afo'otti waan hojjataniif guyyaa san ani fuula kiyya isaan irraa deebifadha.
19
«Ammallee faaruu kana barreessa'aatii ijoollee Israa'elii maraa barsiisaa'a; faaruun kun akka waan kiyyaaf ragaa ta'u afaan ijoollee Israa'elii keessa naa kaayaa'a.
20
Haga lafa ani abboota isaaniitii kakadhe ta aannanii fi damma baaftutti isaan galcheen maayessa, haga nyaatanii quufan, haga qanani'aniin maayessa na tuffatanii waaqa tolfamaa biraa waaqeffatan; jecha waada'aa ka ani isaan woliin galellee hin diigan.
21
Uduma lafa ani isaanii kakadhetti isaan hin galchine yaada isaan yaadan ani waan beekuuf faaruun kun ijoollee isaanii jalaa hin baddu; hennaa wonti hamaanii fi rakkoon guddaan isaan irra gaye faaruun kun akka raga'aa ta'ee isaan afo'otti rageessa» jedheen.
22
Guyyaa san Muuseen faaruu san katabee ijoollee Israa'elii barsiise.
23
Kanaan maayessa ilma Nawwe'ee Iyyaasu'uun, «Ijoollee Israa'elii gara lafa ani isaanii kakadheetitti isaan galchitaa; cimi; jabaadhu; anillee si woliin jiraa» jedhee ajaje.
24
Muuseen jechoota seeraa kanniin haga kitaabatti katabee raawwateen maayessa;
25
worra leewwotaa ka saanduuqa kakuu Rabbii baadhatan akkana jedhee ajaje;
26
«Kitaaba seeraa kana fuudha'aatii akka isinitti ragaa ta'u saanduuqa kaku'uu ka Rabbii keessanii bira kaayaa'a.
27
Ani dhara keessanii fi mata jabeenna keessan hin beeka uduma ani adha isin woliin jiru isin Rabbiin diddaniirtanii; haga du'een maayessa garuu atta ta'ittu?
28
Jecha kana akka isinitti himu Ard'ii fi Samii akka isin irratti rageessisu jaarsota gosa keessanii maraa fi bulchoota keessanillee wolitti naa qabaa'a.
29
Haga ani du'een maayessa sirima akka battooftan karaa ani isin ajaje irraa akka gortan ani waan beekuuf hujima harka keessaniitiin Rabbiin akka gaddisiiftan isa afo'otti waan hamaa waan gootaniif bara maayessaa waan hama'atu isin irra gaya.»
30
Achiin maayessa Muuseen banii Israa'elii maraa faaruun kun haga gurra isaanii seenutti dubbise.
← Chapter 30
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 32 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34