bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 23
Deuteronomy 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 24 →
1
«Namni qaamni saala isaa ka hormaataa tumame yookaan murame gara gumii Rabbii akka hin seenne.
2
«Namni abbaa hin beekkamnee dhalate maruu haga dhaloota kudhanii gara gumii Rabbii seenee akka hin laakkayamne.
3
«Gosa Amoonii, gosa Moo'aabii yookaan ka fiixaa isaanii ta'e maruu haga dhaloota kudhanii gumii Rabbii keessa seenee akka hin makamne;
4
sababaanillee isin hennaa biyya Misirii keessaa baatanii karaa deema'aa turtan isaan midhaanii fi bisaan hin kenninu jedhanii akka isin dhooggatan waan hin daganneef, namni qachaa Mesephexoomiyaa ta paator jedhamtee waamantu keessa jiraata'aa ture ilmi Bi'oorii Bala'aam haa isin abaaru'uuf hori'iin qaxaree ture.
5
Garuu Rabbi Waandhi keessan jecha Bala'aamii dhagayuu hin barbaanne; Rabbi Waandhi abaarsa san gara eebbaa jijjiire; sababaanillee waan isin jaalatuuf.
6
Isin bara jireenna keessanii maraa baniin kunniin dureeyyi'ii fi worra nagayaan jiraatan akka ta'an hin gargaarinaa'a.
7
«Namni gosa Eedoomii obboleessa kee waan ta'eef hin ceem'iniin; nama biyya Misiriillee biyya isaa keessatti galtee waan jiraatteef hin ceem'iniin.
8
Isaan keessaa dhaloota sadeesso'oon maayessa fiixaan isaanii gumii Rabbii keessa seenanii haa laakkayamanii.
9
«Hennaa diina kee woraanu'uuf baate nafa kee waan hamaa maraa irraa eegi.
10
Namni tokko halkan eebju'uun akka waan seebaree jiidha qaama ufii irratti yoo arge qe'e'ee haa bawuu; isinitti hin makamin.
11
Hennaa lafti dhiite nafa ufii dhiqatee gara qe'e'ee haa deebi'uu.
12
«Hulee itti fincaantan qe'e'een alatti midhaaffadhaa'a;
13
Hennaa fincaantan lafa qottanii awwaalu'uuf waan isin gargaaru qottoo, mi'a woliin harkatti qabadhaa'a.
14
Rabbi Waandhi kee si fayyisu'uuf diintota kee dabarsee sii kennu'uuf qe'ee kee keessa waan lufuuf kana waan shingaa si irratti argee fuula ufii gara biraa akka hin deebifanne qe'een kee ka qulqullaaye haa ta'uu.
15
«Hojjataan gooftaa tokkoo dheessee gara kee yoo dhufe uf irraa hin ari'in.
16
Qachoota kee keessaa qachaa filate keessa haa taa'uu; atillee isa hin rakkisin.
17
«Israa'eliin keessatti dubartiin seebartuu fi dhiirti seebaru hin argamin;
18
Rabbi waan seebara jibbuuf dhiiraa fi intaltillee gatii waan kanaan argatan maraa woreegallee yoo ta'e gara mana Rabbii Waaqa keetii hin fidin; lamaanuu Rabbii Waaqa kee afo'otti battii waan ta'aniif.
19
«Obboleessa keetitti dhalaan hin liqeessin; dhala birri'ii, ka midhaanii, yookaan waan kamiin irraayyuu hin fudhatin.
20
Nama ormaatiif dhalaan liqeessi; garuu gara biyya Rabbi Waandhi kee si dhaalchisu'uuf itti si galchu sanitti hujii kee maraanuu akka si eebbisuuf obboleessa keetitti dhalaan hin liqeessin.
21
«Hennaa Rabbii Waaqa keetiif woreega qabatte woreega galte san waan si irraa barbaaduuf cubbuu waan sitti ta'uuf henna'aan kaffaliif.
22
garuu yoo woreeguu baatte cubbuu sii hin qabu.
23
Waan afaan keetiin dubbatte Rabbii Waaqa keetiif fedha keetiin waan woreega galteef waan afaan keetii baye raawwadhu.
24
«Gara hulee dhaaba woyinii goshoo keetii yoo dhaxxe haga quuftutti woyinii san irraa nyaadhu; garuu woyinii san irraa womaa meesha kee keessa hin kaayin.
25
Gara hulee qonna goshoo keetii hennaa dhaxxe asheeta harka keetiin murii nyaadhu; gara midhaan goshoo keetii ka hin haamamnee garuu seentee hin haamin.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34