bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 6
Deuteronomy 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 7 →
1
«Seerri, murtiinii fi ajanyi atii fi ilmi kee, ilmi ilma keetii umurii keessan marattuu lafa dhaalu'uuf itti galtan keessatti raawwattan Rabbii Waaqa kee sodaattee seeraa fi ajaja ani sii kenne isa maraa akka eeddu, akka umuriin kee sii dheeratu akkuma Rabbi Waandhi isin barsiise ajanyi, seerrinii fi murtiin kana.
3
Eeganaa Israa'el dhagayi; akka wonti mishaan sii ta'uuf akkuma Rabbi Waandhi abboota teetii sitti hime lafa aannanii fi damma baaftutti akka guddiftee hortu seera kanniin eegi.
4
Israa'el dhagayi! Rabbi Waandhi keenna Waaquma tokkocha;
5
Atille Rabbii Waaqa kee onnee kee guutu'uun, lubbuu kee guutu'uun hunna kee guutu'uun jaaladhu;
6
jecha ani adha sitti himu kana qalbi'itti qabadhu;
7
ijoollee teellee barsiisi; yoo mana kee teettu, yoo karaa deemtu, yoo raftuu fi yoo kaatullee hennaa maraa isa dhudhumi.
8
Akka malkataatitti harkatti hidhadhu hennaa maraa ija tee afo'oo hin dhabamin.
9
Qasatoo balbala mana keetiitii fi balbal karra keetii irratti barreeffadhu.
10
«Hennaa gara lafa Rabbi Waandhi kee sii kennuu ta abboota kee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii kakateetitti galte qabeenna ati hin qadhaabanne, qachoota gugurdaa babbareeddan,
11
manniin qabeennaan guuttaman ka ati qabeenna keetiin hin guunne, bisaan boollaa ka ati hin qonne akkasuma biqiltuu woyini'ii ka ati hin dhaabnee fi ejersallee yoo sii kenne, yoo nyaattee quufte,
12
hennaa san Rabbii garbummaa biyya Misirii jalaa si baase akka hin irraanfanne uf eegi.
13
Rabbii Waaqa kee sodaadhu, isuma callaa waaqeffadhu, maqaa isaatiin kakadhu.
14
waaqolee tolfamaa naannaya keessan jiran ka worri ormaa sagadaniif kaawwan hin waaqeffatinaa'a;
15
yoo waaqolee tolfamaa sanniin waaqeffattan dheekkamsa Rabbii ka isin jidduu jiru kakkaaftan; Rabbi Waandhi keessaan Waaqa hinaafu waan ta'eef lafa irraa haxaayee isin balleessa.
16
Lafa «‹Maasaa› jedhamee waamamutti akka isa qorattan san Rabbii Waaqa keessan hin qorinaa'a.
17
Seera, ragaa fi ajaja Rabbii Waaqa keessanii ka inni isin ajaje jabaadha'aa eegaa'a.
18
Akka wonti mishaan sii ta'u biyya michuu Rabbi abboota teessanii kakate sanitti galtanii akka dhaaltan,
19
akkuma Rabbi sitti dubbate diintota kee maraa si afo'oo akka balleessu Rabbiin afo'ootti waan misha'aa fi waan qajeelaa godhi.
20
«Baroota dhufan keessatti ilmi kee ‹seerri, murtiinii fi ragaan Rabbii Waaqa keennaa maali'i? jedhee yoo si gaafate,
21
Ati ilma keetiin, ‹nu biyya Misiriititti garboota turre; Rabbi irree ufii gudda'aan biyya Misirii keessaa nu baase.
22
Rabbi biyya Misirii Fari'oonii fi mana isaanii maraa irratti uduma nu arginu malkata hama'aa fi baasa guddaa hojjate.
23
Lafa abboota teennaa kakate sanitti nu galchu'uuf achii nu baase.
24
Lubbu'uun nu jiraachisu'uuf hennaa maraa wonti mishaan akka nuu ta'u Rabbii Waaqa keenna sodaannee seera isaa maraa akka eennu Rabbi nu ajaje.
25
Akkuma Rabbi Waandhi keenna nu ajaje seera kana maraa yoo eenne akka qajeellumma'aatitti nuu laakkayama›
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34