bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 7
Deuteronomy 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 8 →
1
«Hennaa Rabbi Waandhi kee gara lafa dhaaltee itti galtu si fide; hennaa orma hedduu, worra orma torban worra si caalan, worra Keexotaa, worra Geergeseenotaa, worra Amoorotaa, worra Kana'aanotaa, worra Feerzaanotaa, worra Eewwotaatii fi worra Iyyaabusootaa si afo'oo baase.
2
Hennaa Rabbi Waandhi kee akka ati isaan mooyattu si taasise; hennaa isaaniin loltu sirima isaan balleessi; isaan woliin waadaa hin galin; isaan hin dhiisin.
3
Isaan keessaa intala hin fuudhin; mucattii tee mucaa dhiiraa ka isaaniitii hin kennin; mucattii isaanii ta intalaa mucaa kee ka dhiiraatitti hin fuudhin.
4
Waan isaan akka na duukaa hin deemne waaqa tolfamaa biraa akka waaqeffatan isaan dogoggorsaniif Rabbi dafee aaree dheekkamsaan isin balleessa.
5
Isin garuu hulee ciincaa isaanii diigaa'a, soodduu isaanii caccabsaa'a, muka gaaddisaa ka isaan jalatti waaqa tolfamaa asheeraa jedhamu waaqeffatan muraa'a; fakii isaanii ka bocamellee ibiddaan gubaa'a.
6
Ati Rabbii Waaqa keetiif banii woyyuu waan taateef banii lafa irra jiraatan maraa irra isaaf banii isaa akka taatu Rabbi Waandhi kee si filateera.
7
«Wonti Rabbi isin jaalatee isin filateef laakkobsaan banii ormaa mara waan caaltaniifii miti; isin orma maraa irra laakkobsaan hagoo waan turtaniif.
8
Garuu Rabbi waan isin jaalateef waadaa abboota keessaniif kakate san waan eegeef Rabbi irree ufii jaba'aan harka Fari'oonii mootii biyya Misiriitii garbummaa keessaa isin baase.
9
Atillee Rabbi Waandhi kee Waaqa akka ta'e worra isa jaalatanii ajaja isaa eeganiif waadaa ufiitii fi araara ufii haga dhaloota kuma tokkoo Waaqa amanamumma'aan eegu akka ta'e beeki;
10
worra isa jibban balleessu'uuf haluu isaanitti baya; worra isa jibbanitti hin turu; daddafee haluu isaan baya.
11
Kanaafuu ajaja, seeraa fi murtii ani adha si ajaju eegii raawwadhu.
12
«Seera kana dhageettee yoo eedde, yoo raawwatte, Rabbi Waandhi kee waada'aa fi kakuu abboota teetii gale sii eega; si jaalata, si eebbisa,
13
si baay'isa, lafa abboota teetii kakate san fiixaan kee, sanyiin lafa keetii, midhaan kee, woyiniin kee, sayitiin kee ka ejersaa, baay'inni loon keetii, tika hoolota keetiillee sii eebbisa.
14
Orma maraa caalaa ati ka eebbifame taata; horii kee keessa maseennii, nama kee keessa dhabaan hin jiraatu.
15
Rabbi dhukkuba maraa si irraa fageessa; dhibee biyya Misiriititti beettu hamaa san si irra hin geessu; diintota kee maraa irratti fida.
16
Orma Rabbi Waandhi kee si mooyachiisu maraa hin balleessita; garaa isaanii hin laaftu; waandhi isaanii tolfamaan waan siiboo sitti ta'uuf isaan hin waaqeffatin.
17
«‹Qalbii tee keessatti ormi kunniin ana caalaa waan baay'ataniif attamitti isaan baasuu danda'a? jettee yaaddoftee isaan hin sodaatin.
18
Garuu waan Rabbi Waandhi kee Fari'oonii fi biyya Misirii maraa irrattuu godhe,
19
balaa gugurdaa banii kee irratti argite; hujii gugurdaa, baasaa fi maalalee akkasuma hunnaa fi baallii Rabbi Waandhi kee bilisa si baaseen yaadadhu; akkuma banii biyya Misirii itti balleessetti banii ati adha sodaattu kanniin maraa hin balleessa.
20
Rabbi Waandhi kee isaan jiddu'utti akka balaan guddaan uumamu godhan; yoma si jalaa dheessanii dhokatanillee hin badan.
21
Kanaafuu ati banii kanniin hin sodaatin; Rabbi Waandhi kee si woliin jira; inni Rabbii guddaa sodaatamu.
22
Rabbi Waandhi kee banii kaniin suutuma suutaan buqqisa'aa isaan balleessa; isaan maraa hennaa tokkoon hin balleessitu; yoo kana goote busaawaan lafa irratti baay'atee si rakkisa.
23
Rabbi diintota kee si jalatti kuffisa; haga dhumanitti guddisee isaan raasa;
24
Mootota isaaniillee si jalatti kuffisa; ati isaan balleessitee akka maqaan isaanii irraanfatamu goota; eennullee ka uf irraa si dhoogguu danda'u hin jiru; ati maraa hin balleessita.
25
Waaqa tolfamaa isaanii ka faki'iin bocame ibiddaan gubda; worqi'ii fi birrii waandhi tolfamaan isaanii hojjatameenillee hin hawwin; inni Rabbii Waaqaa kee afo'otti battii waan ta'eef akka isaan hin qabamne isa irraa womaa hin fudhatin.
26
Akka isaa akka hin abaaramne waan battii gara mana keetii hin fidin; abaaramaa waan ta'eef shakki; jibbi.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34