bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 3
Deuteronomy 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 4 →
1
«Achii deebinee karaa Baasaaniitii baanaan mootiin Baasaanii Aagii fi baniin maruu Eediraayitti nuun lolu'uuf yaa'an;
2
Rabbi ‹isaa fi banii isaa maraa biyya isaallee sii kenneeraa isa hin sodaatin; ati akkuma Seewoonii mootii worra Amoorotaa ka biyya Haseboonii jiraate san irratti goote isa irrattillee akkasuma gootaa»› naan jedhe.
3
«Akkasuma Rabbi Waandhi keenna mootii Baasaanii Aagii fi banii isaa maraa dabarsee nuu kenne; nullee isaan balleessine; namni tokkollee miliqee hin hafne.
4
Hennaa san qachoota isaanii maraa hin fudhanne; qachaa tokkollee hin dhiifne; waan mootiin Baasaanii Aagi qabu biyya Argoobii maraa qachoota jahaatamaa fudhanne.
5
Qachoonni kunniin maruu dallawa hojjaan isaanii dhedheera'aa qaban; Cufanaan dallawa sanniinii loosa'aan cufaman turan; qachoonni baay'een kaloo qaban ture.
6
Mootii Haseboonii akkuma Seewooniin goone sirima isaan balleessine; qachoota isaanii maraa dhiira, dubaraa fi daa'imman isaanii woliin isaan balleessine.
7
Loowwan isaanii maraa, waan qachoota isaaniitii saamne maraa jalaa fudhanne.
8
Bara san dhooqa Arnooniitii jalqabee haga gaara Armooni'eemii lafa isaanii ka mootonni lamaan Yoordaanosiin gamatti irra jiraatan mootota worra Amoorotaa irraa fudhanne.
9
Worri Siidoonii worra Armooni'eemiitiin ‹Siiriyoon› jedhanii waaman; worri Amoorotaallee ‹Saaneer› jedhanii waaman.
10
Qachoota raasaa jiran maraa Gala'aadiin qachoota mootii Aagiitii fi ta Baasaaniin jiran Salkaanaa irraa haga Ediraayii biyya Baasaanii maraa fudhanne.
11
Gosa Raaffaayiin keessaa mootiin Baasaanii Aagi hojja ufii hafe; sireen isaa ka sibiila irraa hojjatame ture; dheerinni siree isaa ciqilee sagal, dalgi ciqilee afur.
12
lafa tanallee bara san dhaalle Aaro'eerii dhooqa Aarnoon bira jirtu irraa jalqabee biyyi gaaraa ka Gala'aadii wodhakkaa qachootaa gosa Gaadiitii fi gosa Roobeeliitii kenne.
13
Mootummaa Aagii ka Gala'aadiin irraa hafe biyya Baasaaniitii fi biyya Argoobii maraa Minaase'ee kenne; Baasaaniin sun maruu biyya Raaffaayimii jedhamtee beekkamti turte;
14
Ilmi Minaase'ee Iyyaa'ir worra Goshuurootaatii haga daangaa Maayikatotaa lafa Argoobii maraa fudhate; lafti Baasaanii tun haga adhaa gandoota Iyyaa'irii jedhamtee waamamti.
15
«Maakirii Gala'aadiin kenneef;
16
gosa Roobeeliitii fi gosa Gaadiitii biyya Gala'aadiitii haga dhooqa Aarnoonii wodhakkaa dhooqa sanii daangaa isaallee haga daangaa ijoollee Amoonii haga daangaa laga Yaabooqii,
17
Kenereetii haga galaana Arabaa; kunillee haga galaana sooqiddaa gaara Fasga'aatii gad Arabaa gaara baya biiftu'uutiin jiruu daangaa Yoordaanosii maraa isaanii kenne.
18
«Bara san akkana jedhee isaan ajaje ‹Rabbi Waandhi keessan lafa laga Yoordaanosiitiin gama jirtu tana isinii kenneeraa; isin duultonni maruu mi'a lolaa qabattanii obboleewwan teessan ijoollee Israa'elii afoo ceetan.
19
Garuu akka isin horii baay'ee qabdan hin beeka; dubartoonni teessan, ijoolleen teessan, horiin keessan qachoota isinii kenne keessa jiraatan.
20
Kunillee akkuma Rabbi hara isin baafachiise obboleewwan teessanillee haga hara baafachiisuu fi akkasuma isaanillee lafa Yoordaanosiin gamatti lafa Rabbi Waandhi keessan isinii kenne haga dhaalaniif; achiin maayessa isin maruu gara lafa ani isinii kennee deebitan.
21
«Hennaa san Iyyaasuun, ‹Waan Rabbi Waandhi keessan mootota lamaan kanniin irratti godhe maraa ijaan argiteerta ammallee mootota keessa luftu maraa irratti Rabbi akkasuma godha.
22
Rabbi Waandhi keessan inni waan sii loluuf ati isaan hin sodaatin› jedhee ajajeen.
23
«Bara san ani akkana jedhee Rabbiin kadhadhe;
24
‹Yaa Rabbi! guddummaa keetii fi irree kee ana garbicha keetitti mudhisuu jalqabdeerta; Sami'ii fi Ardii irrattillee Rabbiin akka kee hojjachuu danda'uu fi Waandhi akka kee hunna qabu ka waa hojjachuu danda'u eennu?
25
Ani ceeyee lafa michuu san ta galaana Yoordaanosiitiin gama jirtu biyya michuu Libaanosii laalaa na hoffolchi.»
26
«Rabbi garuu sababa keessaniif naan lole; naa hin dhageennelle'e Rabbi ‹si gayaa! waan kanaaf lamuu natti hin dubbatin;
27
galaana Yoordaanosii kana hin ceetu gaara Fasga'aa kana irra bayii ol jedhiitii bita'aa fi mirga, dhiyaa fi bariisaa midhadhu.
28
Iyyaasuun banii kana qabatee waan gama ceeyuuf ajaji, jajjabeessi, uggisiis› naan jedhe.
29
«Sababaa kanaaf dhooqa qachaa Feegoorii keessa jiraanne.»
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34