bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 28
Deuteronomy 28
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 29 →
1
«Jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhageettee ajaja ani adha si ajaje kanniin maraa eeddee amanamumma'aan yoo raawwatte Rabbi Waandhi kee orma lafa irra jiru maraa caalaa ol si qaba;
2
jecha Rabbii Waaqa keetii dhageettee yoo ajajamte eebbi kunniin maruu sii ta'a;
3
«Rabbi qachaa keetii fi maasaa keellee hin eebbisa.
4
«Rabbi fiixaa kee, sanyii lafa keetii, horii kee, hormaata sa'aa, hormaata hoolaa keetii hin eebbisa.
5
«Rabbi koobo'oo fi qalqala kee hin eebbisa.
6
«Rabbi bayaa gala kee hin eebbisa.
7
«Rabbi Waandhi diintota kee ka si afoo dhaabatan si afo'oo dhaya; karaa tokkoon sitti dhufaniiti karaa torbaan si dheessan.
8
«Rabbi eebba ufii si irratti, gootaraa keetii fi hujii harka keetii irrattillee akka bu'u ajajeera; lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu irratti si eebbisa.
9
«Ajaja Rabbii Waaqa keetii yoo eeddee karaa isaa irra deemte Rabbi akkuma sii kakate banii isaaf fooyame godhee uf afoo si dhaaba.
10
Kanaan maayessa ormi lafa irra jiraatu maruu akka maqaan Rabbii si irratti waamame arganii si sodaatan.
11
Rabbi lafa abboota teetii kennu'uuf kakate irratti fiixaa kee, horii keetii fi sanyii lafa keetii irratti eebba ufii buusa.
12
Rabbi rooba ufii lafa tee irratti henna'aan sii rooba, hujii harka keetii maraa sii eebbisa, galmee mishaa Sami'ii sii bana; sii rooba kanaaf ati orma baay'e'ee liqeessita; ati garuu eennuun irraallee hin liqeeffattu;
13
Ajaja Rabbii Waaqa keetii ka ani adha si ajaje kanniin irraa bita'aa fi mirga yoo jechuu baatte, isaanii sagadu'uuf gara waaqa tolfama'aa yoo deebi'uu baatte, Rabbi mataa si taasisa malee duuba si hin taasisu; ati hennaa maraa ol aanaa taata malee gadi aanaa hin taatu.
15
«Garuu jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhagawuu baattee ajajaa fi seera ani adha si ajaje kanniin maraa eeddee yoo hin raawwanne abaarsi kunniin maruu gara kee dhufa.
16
«Ati qachaa keessatti abaaramaa taata; qonni kee hin abaarama.
17
«Kooboon keetii fi qalqalti teellee hin abaaramti.
18
«Fiixaan kee, sanyii lafa keetii, hormaanni sa'a keetii, hormaanni hoolaa keetiillee hin abaarama.
19
«Ati hennaa baatuu fi hennaa galtullee hin abaaramta.
20
«Ati waan na dhiifteef waan hammeenna hujii keetiitiif akka jarjartee daddaftee baddu hujii kee ka itti dadhabdee hojjattu maraa irrattuu abaarsa, baqaa fi lola sitti fida.
21
Rabbi lafa ati dhaaltee irra jiraattu irraa si balleessu'uuf balaa sitti fida.
22
Rabbi dhukkuba nama huqqisu, gubaa'a, bobaya, oo'a, bona hamaa, waagi'ii fi hadaa gad sitti dhiisa; kunniin haga ati badduuf si ari'an.
23
Samiin akka sibiila diima'aa sitti ta'a; laftillee luka kee jalatti sibiila sitti taati.
24
Bikka roobaa haga ati baddutti daara'aa fi xindhacha bubbe'een oofamu sitti erga.
25
«Rabbi diina kee afo'otti si dhaya; karaa tokkoon isaanitti dhaxxa; karaa torbaan isaan jalaa dheessita; waan si irra gawuun mootonni biyya lafaa maruu nayan.
26
Reeffa kee allaatti samii irra bararuu fi busaawaa lafa irra jiraatutu nyaata; wonti isaan sodaachisullee hin jiru.
27
Rabbi dhibee irraa hin fayyine madaa biyya Misirii, baccarro'oo fi shiftoo sitti fida.
28
Rabbi maraatu'uun, ballumma'aa fi naasu'uun si rukuta.
29
Ati guyyamaan akkuma ballaan halkan jaljal jedhu atillee jaljal jetta; karaan ati deemtu hin qajeelu; bara lafa irra jiraattu maraa rakkata'aa fi saamamaa taata; ka si oolchullee hin jiru.
30
«Durba fuudhu'uuf qaadhimatta; garuu nama biraatitu si jalaa fuudha; mana ijaaratta; garuu keessa hin jiraattu; muka woyini'ii hin dhaabatta; garuu daraaraa isaa hin nyaattu.
31
Horii kee uduu ati laaltu qalan; garuu ati hin nyaattu; harriin tee hunnaan si irraa fudhatan, sii hin deebisan; hoolota tee diintota keetii kennan namni isaan hambisu'uuf si gargaaru hin jiru;
32
uduma ijji tee argitu ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa worra ormaatii fi garboota akka ta'an kennaman akka waan ijoolleen tee sii deebituu duwwamatti isaan eegu'uuf ijji tee raatofti.
33
Daraaraa lafa keetii ka ati itti dadhabe maraa orma ati hin beennetu nyaata; hennaa maraa ati nama rakkata'aa fi ka dhiibamte taata.
34
Ati waan ijji tee argituun maraatta.
35
Waandhi madaa qoricha hin qabneen jilba kee, gudeeda keetii fi faana kee irraa haga mata'aa si dhaya.
36
Rabbi si'i, mootummaa keetii fi abboota tee ta durii gara orma ati hin beennee dabarsee isaan fida; achitti waaqa tolfamaa mukaa fi dhagaa irraa tolfaman waaqeffattan.
37
Orma Rabbi dabarsee itti si kennu maraa keessatti nama naasu'uu, nama itti baldanii fi ka mammaakaa taata.
38
Midhaan guddaa maasa'atti facaafatta, awwaannnifni waan si jalaa fixuuf midhaan diqqoo galfatta.
39
Muka woyini'ii dhaabdee midhaaffatta waan raammoon si jalaa nyaatuuf isa irraa womaa hin galfattu; daadhii woyini'iillee hin dhuddu;
40
munni ejersaa biyya kee marattuu hin bayu waan daraaraan isaa irraa jiguuf sayitii ejersaa hin dibattu.
41
Ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa sii dhalatanii waan booji'amaniif siif hin ta'an.
42
Daraaraa lafa keetiitii fi muka maraa korophiisatu nyaata.
43
Galaan sitti galee si woliin jiraatu sii ol ta'a; ati garuu isaa gad taata.
44
Inni sii liqeessa ati garuu isaa hin liqeessitu; Inni afoo kee ta'a; ati garuu duuba isaa taata.
45
«Jecha Rabbii Waaqa keetii waan hin dhageenneef seeraa fi ajaja isaa waan hin eenneef haga ati baddutti abaarsi kunniin maruu si argata; si irratti bu'a; si ari'a.
46
Si'ii fi ilmaan ilmaan teetii irratillee baasaa fi maalalee bara baraa ta'a.
47
Rabbi Waandhi guddisee waan maraa waan sii kenneef qanani'ii fi gammachu'uun waan hin waaqeffanneef.
48
Beelaa dheebu'uun, daaraan, waa maraa dhabu'uun diintota Rabbi dabarsee itti si kennuu bitamta; isaan haga si balleessanitti morma kee irratti qambara fe'an.
49
Rabbi worra ati afaan isaanii hin beenne worra garjabeeyyii, worra jaarsa hin kabajjine, worra daa'imman hin hille, worra akka bajjaa bararan biyya fago'oo sitti fida;
51
haga ati baddutti horii keetii fi daraaraa lafa keetii nyaatan haga si balleessanitti harree, daadhii woyini'ii, sayitii, hormaata sa'aatii fi ka hoolaa teetiillee sii hin dhiisan.
52
Dallawa biyya kee keessa jiran ka ati hedattu jajjaba'aa fi dhedheeraa qachoota keetii maraa marsanii si rakkisan.
53
Hennaa diintonni tee marsanii si rakkisan, ijoollee tee ta dhiiraatii fi ta intalaa ta garaa keetii bayan foon isaanii nyaatta.
54
Namni si biratti hennaa maraa jireenna mishaa jiraatu obboleessa ufii, haadha manaa ufiitii fi ijoollee ufiititti hinaafa.
55
Balbala qachaa keetiititti diintonni kee hennaa si marsanii rakkisan wonti biraa wonti nyaatan waan hin jirreef foon ijoollee ufiituu nama tokkoollee hin kennu.
56
Dubartiin jireenna misha'aan boona'aa si bira jiraattu ta kophee ufiitiin miilaanuu lafa hin ijjanne abbaa worra ufii, ijoollee ufii ta dhiiraatii fi ta intalaatiif hobbaatii ufiitittillee hin hinaafti;
57
waan diintonni kee balbala qachaa keetiititti si marsanii si rakkisaniif waan waan maraa dhabdeef dhossitee kanniin maraa nyaatti.
58
Jechoota seeraa ka kitaaba kana keessatti barreeffaman maraa eeddee yoo hin raawwanne Rabbii Waaqa kee kana ka galatoonfamee fi ka sodaatame maqaa isaa yoo hin sodaanne,
59
Rabbi balaa'a, si'ii fi ijoollee tee irrattillee balaa'a, balaa guddaa bara hedduu jiraatuu fi dhukkuba badaa bara hedduu jiraatu sitti fida.
60
Dhibee biyya Misirii ka sodaatte maraa deebi'ee sitti fida; innillee sitti dhufa.
61
Akkasuma dhibee kitaaba seeraa kana keessatti hin barreeffamne maraa haga ati baddutti Rabbi balaa maraa sitti fida.
62
Isin jecha Rabbii Waaqa keessanii waan hin dhageenneef laakkobsi keessan ka akka urjii Sami'iititti baay'ateeru hin diqqaata.
63
Akkuma Rabbi hennaa waan mishaa isinii godhu, hennaa isin baay'isu gammade sanitti Rabbi hennaa isin balleessuu fi isin diigullee hin gammada; lafa dhaalu'uuf itti galtan san irraallee hin buqqaatan.
64
Rabbi orma daangaa lafaatii haga daangaa lafaa jiruu si bittinneessa; achitti waaqa tolfamaa atii fi abboonni tee hin beenne ka mukaa fi dhagaa irraa tolfame waaqeffatta.
65
Orma sanniin jiddu'utti hara hin baafattu hulema lukaan irra ijjattullee hin argattu; achitti Rabbi onnee hollattu, ija laaluu hin dandeenne fi dadhabbii sitti fida.
66
lubbuu keetiin mamtee halkanii fi guyyaa sodaatta; jireenna keetitti hin amantu.
67
Ati waan onnee keetiin sodaattuuf waan yaada ija keetiin argituuf ganama yoom galgalaaya? jetta; galgala ammo yoom naa bari'a? jetta;
68
karaa ammaa achi deebitee hin argitu siin jedheen markabaan Rabbi gara biyya Misirii si deebisa; achitti garboota dhiiraatii fi ta intalaa isaanii ta'u'uuf diintota keessanitti uf gurgurattan; garuu ka isin bitu hin argamu.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34