bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 16
Deuteronomy 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 17 →
1
«Jiini Abiibii ka Rabbi Waandhi kee halkaniin biyya Misiriitii itti si baase waan ta'eef ji'a Abiibii kana eegi; Rabbii Waaqa keetiif ayyaana faasika'aa itti ayyaanteffadhu.
2
Hulee Rabbiin Waandhi kee maqaa ufii itti Waamsisu'uuf filatetti hoola'aa fi sa'a keessaa ciincaa ayyaana faasika'aa ciincessi;
3
buddeena bukkaaye isa woliin hin nyaatin; waan biyya Misiriitii jarjaraan baateef guyyaa biyya Misiriitii itti baate san umurii kee marattuu akka yaadattu buddeena rakko'oo buddeena akka xorosho'ootitti hojjatame haga guyyaa torbaa ciincaa san woliin nyaadhu.
4
Haga guyyaa torbaa biyya kee marattuu raacitiin hin argamin; foon guyyaa jalqabaa ciincaye haga boruutitti hin bulin.
5
«Horiin ayyaana faasika'aatiif qalamu'uuf qophaaye huleen isin itti sanniin qaltan hulema feetanitti uduu hin taane hulee Rabbi Waandhi keessan isinii kenne calla'atti dhiyeessitan.
6
Garuu hulee Rabbi Waandhi kee maqaa ufii itti waamsisu'uuf filate, ji'a Rabbi biyya Misiriitii si baase haga aduun dhiite galgala ayyaana faasika'aatiif ciincessi.
7
Hulee Rabbi Waandhi kee filatetti bilcheessitee nyaatta; bariisaa kaatee gara daasee wol gayi'ii deemta;
8
guyyaa jahaa buddeena akka xorosho'ootitti hojjatame nyaadhu; guyyaa torbeesso'ootitti Rabbii Waaqa keetiif guyyaa wol gayi'ii kanatti hujii maraa hin hojjatin.
9
«Midhaan gaye guyyaa haamtu irraa jalqabiitii haga torbaan torbaa laakkayi;
10
haguma Rabbi Waandhi kee si eebbiseen kennaa fedha keetiin Rabbii Waaqa keetii kennitu fiddee ayyaana hennaa midhaan galfattuu torba Rabbii Waaqa keetii ayyaanteffatta.
11
Ati, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'ii ka biyya kee keessa jiru, hiyyeeyyiinii fi worri sitti galee si woliin jiraatu, haati hiyyeessaallee hulee Rabbi Waandhi kee itti waaqeffamu'uuf filatetti Rabbii Waaqa kee afo'otti woliin gammaddan.
12
Atillee biyya Misiriititti garbicha akka turte yaadadhuutii seera kana eegii raawwadhu.
13
«Oobdii kee keessaa sanyii cuunfaa woyinii keetii hennaa wolitti qabdu guyyaa torbaa ayyaana daase'ee ayyaanteffatta;
14
ati, ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, garboonni tee ta dhiiraatii fi ta intalaa, worri Leewwi'iitii fi namni sitti galee biyya kee keessa jiraatu, hiyyeeyyiinii fi haati hiyyeessaallee ayyaana kanaan gammadaa'a.
15
Rabbi Waandhi kee sanyi'iin, hujii harka keetii maraanuu waan si eebbisuuf hulee Rabbi Waandhi kee filatetti guyyaa torbaa ayyaanteffatta; atillee guddiftee gammachu'uun ayyaana kabajjita.
16
«Woggaa keessatti guyyaa sadihii ayyaana xorosho'oo, ayyaana hennaa midhaan haama'aa, ayyaana daase'ee guyyaa torbaaf ayyaanteffattan; ijoolleen dhiiraa tee maruu hulee Rabbi Waandhi kee filatetti haa mudhatanii; afoo Rabbiillee harka duwwaa hin dhufin.
17
Akkuma eebba Rabbi Waandhi kee sii kennetti namni martinuu waan hunna ufii haa kennuu.
18
«Biyya Rabbi Waandhi kee sii kennetti bulchoonni gosaa maruu akka gosa keetiitiin abbootii murti'iitii fi bulchoota muudi; isaan bani'iif murtee qajeelaa haa murteessanii;
19
nama laaltee murtii hin dabsin; fuula laaltee wol hin caalchin; gatiin dhossa'aan kennamu ija beettotaa waan jaamsuuf; dubbii qajeellotaa waan dabsuuf nama irraa gabbarsuu hin fudhatin.
20
Akka lubbu'uun jiraattu lafa Rabbi Waandhi kee sii kennu akka dhaaltu murtii dhuga'aa murteessi.
21
«Hulee ciinca'aa ka ati Rabbii Waaqa keetii hojjattu biratti muka waaqeffatan kamiinillee hin dhaabin.
22
Utubaa dhaga'aa ka Rabbi Waandhi kee jibbu ufiif hin dhaabatin.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34