bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Deuteronomy 30
Deuteronomy 30
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 31 →
1
Waan ani amma si afoo kaaye kana maraa hennaa eebbinii fi abaarsi si irratti bu'e Rabbi Waandhi kee orma maraa keessa hennaa si facaasee onnee keetiin yaadde,
2
gara Rabbii Waaqa keetii deebitee waan ani adha si ajaju maraa jecha kiyyaaf atii fi ijoolleen tee onnee guutu'uu fi qalbii guutu'uun,
3
hennaa ajajamte Rabbi Waandhi kee boojuu kee sii deebisa; garaa sii laafa; hulee Rabbi Waandhi kee orma maraa keessa si facaase keessaa si deebisa.
4
Namoonni kee haga daangaa lafaa faca'anii yoo jiraatanillee Rabbi Waandhi kee achii wolitti isin qabee si deebisa.
5
Rabbi Waandhi kee gara lafa abbootiin tee dhaaltetti si galcha; atillee hin dhaalta; inni waan mishaa sii godha abboota kee caalaa horta.
6
Akka lubbu'uun jiraattu Rabbi Waaqa kee onnee guutu'uu fi qalbii guutu'uun akka isa jaalattu Rabbi Waandhi kee onnee keetii fi onnee fiixaa keetii qajeelcha.
7
Rabbi Waandhi kee abaarsa kana maraa diintota kee, worra si jibbanii fi worra si ari'anitti fida.
8
Atillee deebitee jecha Rabbii Waaqa keetii eedda, ajaja ani adha si ajaje kana maraa goota.
9
Jecha Rabbii Waaqa keetii yoo dhageette ajajaa fi seera kitaaba seeraa keessatti barreeffame kana maraa yoo eedde, onnee kee guutu'uu fi qalbii kee guutu'uun gara Rabbii Waaqa keetii yoo deebite akkuma Rabbi abboota keetitti gammade waan mishaa ati gootu marattuu akkasuma waan sitti gammaduuf Rabbi Waandhi kee hujii harka keetii maraa, fiixaa kee maraa, hormaata loon keetiitii fi sanyii maasaa keetii maraa guddisee sii eebbisa.
11
Ajanyi ani adha si ajaju kun hin ulfaatu si irraallee fago'oo miti;
12
‹Ajaja kana dhageennee akka raawwannu eentu ol bayee Samii gubba'aa nuu fuudha?› akka hin jenne samii gubbaa hin jirtu.
13
‹Dhageennee akka raawwannuuf laga kana gama ceeyee eentu nuu fida?› akka hin jenne laga gama hin jirtu.
14
Jechi isinitti guddisee dhiyoo jira; akka eedduuf afaanii fi onnee kee keessa jira.
15
Ila ani adha jireennaa fi waan mishaa, du'aa fi hammeenna si afoo kaayeera;
16
akka lubbu'uun jiraattee hortu, lafa Rabbi Waandhi kee akka dhaaltuuf itti si galchutti akka si eebbisu Rabbii Waaqa kee akka jaalattu, karaa inni si ajaje akka deemtu, ajaja, seeraa fi murtii isaa akka eeddu ani adha si ajaja.
17
Qalbiin tee yoo dogoggorte, atillee yoo dhagawuu baatte, yoo sobamtee waaqa tolfamaa biraatii sagaddee waaqeffatte,
18
sirima akka baddan ani adha isinitti hima lafa itti galtanii dhaalu'uuf Yoordaanosiin ceetan sanitti umuriin keessan hin dheeratu,
19
ani adha jireennaa fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin afoo akka kaayee Ardi'ii fi Samii isin irratti rageessisa; kanaafuu akka atii fi sanyiin kee lubbu'uun jiraattan jireenna filadhu.
20
Lafa Rabbi abboota kee Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobii kennu'uuf isaanii kakate sanitti galtee bara dheeraa akka jiraattu inni jireennaa fi dheerinna umurii keetii waan ta'eef Rabbii Waaqa kee jaalachuu, isa eeggattu'uu fi jecha isaa dhagawuu filadhu.
← Chapter 29
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 31 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34